Itoophiyaa: Biyya hakiima barbaaddu keessatti hakiimoonni akkamiin hojii dhabu?

Hojjettoota fayyaa Itoophiyaa keessa

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota sadiin dura hakiimonni Itoophiyaa hedduun hiriira bahan. Miindaan nuuf yaa dabalamu, sarbamni nurra gahu yaa dhaabbatu, sirni wallaansa fayyaa yaa foyyaa'u, meeshaaleen tajaajila fayyaa ittiin kennan yaa guutaman kanneen jedhan gaaffilee hedduu kaasan keessaa muraasa turan.

Gaaffiin warra ogummaa fayyaan eebbifamanii ammoo bu'uura kan ta'eefi addadha. Hojiitti nu qacaraa!

Pirezidantiin Waldaa Hakiimota Amaaraa Dr. Abiraaraaw Taaddasaa komii waggoota dura dhageessisaa turan akkasiin yaadata.

"Hakiimonni hedduun gara keenya dhufanii hojii nuuf barbaadaa jedhu. Yeroo kennanii, umurii dargaggummaa isaanii itti gubanii, biyyattiinis maallaqa hedduu itti baastee baratanii yeroo eebbifaman hojii dhabuun isaanii hibboodha.

''Ni mudata jedhamees kan tilmaamamu miti."

Kan nama ajaa'ibu ammoo Itoophiyaan hakiimota baay'ee barbaaddi. Fedhiin akkasii osoo jiruu hakiimonni hojii dhabanii yeroo komii dhageessisan kun dhuguma hibboodha jedha Dr. Abraaraaw.

Hojii dhabuun hakiimota qofaa irratti osoo hin taane ol-adeemtota gara fuula duraatti ogummaa fayyaa barachuu barbaadan irrattis dhiibaa akka uumu dubbata.

Ijoolleen isaanii baratanii eebbifamanii hakiima ta'u maatiin eegan, haadha da'umsa waliin walqabatee sababa hanqina ogeessota fayyaan rakkoon mudatu, hakiima hojii barbaacha biyyaa godaanu…. Karaa rakkoon kun ittii mul'atu hedduudha.

Mootummaan federaalaa ramaddii dhaabuu

Bara 2019 keessa Ministeerri Fayyaa hakiimota eebbifaman ramaduu dhaabe. Mootummaan federaalaa ramaduun hafee naannoleen ogeessota dorgomsiisanii yaa qacaran jedhame.

Naannoleen ammoo sababa hanqina baajataafi sababoota biraa irraa kan ka'een ogeessota baay'ee qacaruuf ni rakkatan. Kun ammoo hanga hakiimonni hiriira bahanitti geessise.

Yeroo kanatti ture Ministeerri Fayyaa dhaabbileen michoota isaa ta'aniifi naannolee waliin ta'uudhaan yaada hakiimonni naannoleetiin yaa qacaraman kan jedhu kan dhiyeesse.

Mootummaan giddu-galeessaa birrii miliyoona 175 yoo ramadu, Befeet Faawondeeshin ammoo birrii miliyoona 175 akka danda'u waliigalan.

Maallaqa kanaan ogeessonni fayyaa eebbifamanii hojii hin argatiin 2,898 ta'an waggoota sadii keessatti magaalota naannolee keessatti qacaramu.

Dr. Abraaraaw, hojimaanni kun yoo xiqqaate waggoota muraasaaf rakkoo hojii dhabuu hakiimotaa hambisa jedha.

"Yaadicha akka gaarii ta'etti fudhanna. Ni deeggarras. Akka furmaata yeroodhaaf dhiyaateetti gaariidha. Furmaata waaraa garuu hin ta'u," jedha.

Akka yaada isaatti, jijjiiramni waaraa kan dhufu baajata biyyaalessaa yeroo dabalanidha. Akkas yoo godhame naannoleen dandeettii qacaruu isaanii guddisanii ogeessota hedduu ramaduu danda'u.

Sirna fayyaa amma jiru ogeessa gosa akkamii barbada? Jedhamuun hakiimni karooraan akka baratu ni gorfama.

Akkasiinidha ogeessota fayyaa eebbifaman dhaabbileen fayyaa qabachuu danda'an ijaaruun kan barbaachisus.

Akka danbii idil-addunyaatti lakkoofsa hakiimaa-wallaanamaa waliin wal madaalsisuudhaaf imaammata fooyyessuu akka barbaachisu amana Dr. Abraaraaw.

"Naannoleen hakiima barbaadu. Ogeessi fayyaa yeroo gara isaanii deemu isaanitti tola. Haata'u malee, maallaqni ittiin qacaran waan hin jirreef qaawwi kun dhalate," jedha.

Itti-dabaluun, "Lakkoofsi ogeessota amma jiru biyyattiidhaaf gahaa miti. Haata'u malee, ogeessa jiru qacaruudhaaf kan danda'u baajanni mootummaa hin jiru. Wanti ijoon baajata fooyyeessuudha," jechuun ibsa.

Adeemsa hokiimonni hojii hin qabne ittiin qacaraman

Gorsituu Ministira Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa kan taate Dr. Sannaayit Bayyanaa akka jettutti, waggoota darban keessa ogeessonni fayyaa baay'inaan baratanii eebbifamanillee, dandeettiin dhaabbileen fayyaa isaan qacaruu danda'uu waliin hin guddanne.

Kanaaf, ogeessonni baratanii hin qacaramne baay'ataa dhufan.

Furmaanni mootummaan dhiyeesse ogeessonni waggoota sadiidhaaf baasii naannootiin ittiin qacaraman dhaabbilee deeggartootaa walin guutuudha.

Baasii qooddachuun (Matching Fund) kun waggoota itti aanan keessa sadarkaalee sadii akka qabaatu Dr. Sannaayit ni ibsiti.

Waggaa jalqabaa mootummaan federaalaafi Befeet Faawondeeshin baasii kana 50/50 qooddatu. Waggaa lammaffaarratti ammoo naannoleen %25 ni gumaachu. Waggaa sadaffaa irratti ammoo naannoleen baasii %50 ta'u guutu.

Waggaa afraffaatiin booda miindaan ogeessota fayyaa guutummaan guutuutti naannoleen akka itti fufanii kaffalanidha.

"Karoora waaraa nuti qabanne naannoleen baajata ramadatanii ogeessota qacarataa akka deeman taasisuudha," jetti gorsituun kun.

Qacarrii kanaan adda-durummaan kan hammataman erga Ministirri Fayyaa hakiimota ramaduu dhaabee bara 2019 as eebbifamanii ogeessota hojii hin argatiinidha.

Marsariitii Komishiniin Hojii Uumuu warra hojii barbaadaniif ramade irratti iyyata warri galfate dorgomanii qacaramu.

Akka Dr. Sannaayit jettutti, Matching Fund hakiimota eebbifamanii hojii hin qabatiin %75 ta'an akka qacaraman ni taasisa jedhamee amanama.

"Baay'ina naannoleen qacaruu danda'u jedhamu murtaa'eera. Bu'uura sanaan baajanni akka darbuuf kan taasifamu. Caasaan diriirfamu haaraa miti.

''Hakiimonni naannoleetti qacaraman sirna fayyaa amma jiru keessa galu. Ministeerri Fayyaa ammas ogeessa naannoletti hin ramadu. Kanaaf, naannoleen dorgomsiisanii qacaru," jetti.

"Hakiimota rakkoof kan saaxile imaammanni akka hin taane ta'uu isaati" jechuun ibsite.

Mormii ogeeyyii fayyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Baahirdaariitti ogeessonni fayyaa gaaffii isaanii qabatanii waggaa lama dura hiriira kan bahan

Piroofeesar Sannaayit Fissahaa ispeeshaalistii ulfaafi gadameessaa, akkasumas ogeettii seeraafi Fakaaltii Yunivarsiitti Michigaaniifi Befeet Faawondeeshinitti ammoo daarektara Sagatantaa Idil-addunyaadha.

Befeet Faawondeeshiniin qacarrii hakiimotaa waggoota sadiif oolu birrii miliyoona 175 ramaduun isaa ogeessonni kunneen hojii akka hin dhabne, ogummaa isaaniitiin hawaasa isaanii akka gargaaraniif isaan gargaara jedhan.

Lakkoofsi hakiimota leenji'anii yeroo dabalu hojiin sektara kanaa waliin guddachuu dhabuu isaa eeruun, "hakiimoota kanneen rakkoodhaaf kan saaxile imaammanni akka hin taane ta'uu isaati," jechuun ibsan.

Naannoleen ogeessa ofii isaanii yaa qacaratan yeroo jedhamu hanqina baajataarra darbee, "Naannoo akkasii keessaa yoo taatan malee ykn afaan naannichaa yoo dubbattan malee hin qacarru," jechuun isaanii wal-xaxaa taasiseera.

Rakkoo walxaxaa kanarraa kan ka'e hakiimonni kumaan lakkaa'aman hojiin ala ta'aniiru.

"Hamileen isaanii miidhameera. Yookaan mana keessa oolu, yookaan ammoo hojii hin taane hojjechaa jiru," jedhan Pirof. Sannaayit.

Maaching Fandiin kun furmaata yeroof kenname akka ta'e amanu. Dhimmi hakiimota bara dhufu eebbifamanii ammarraan itti yaadamuu akka qabus akeekkachiisu.

Hakiimonni walitti qabamanii dhuunfaatti akka tajaajila fayyaa kennuu danda'an gochuu, gara sektara fayyaa dhuunfaatti salphaatti akka galan mijeessuufi biyya alaatti hojjechuus akka filannootti akka fudhatan gochuun gorsa Prof Sannaayit dhiheessanidha.

Qacarrii hakiimotaa akka kanaan dura ture gara mootummaa federaalaatti osoo deebiyee foyyaa'aa akka ta'e himu Pirof. Sannaayit.

Dr. Abraaraw gama isaatiin, naannoleen baajanni gahaan isaaniif kennamnaan itti-gaafatamummaa ramaddii isaaniif kennuun gufuu hin uumne jedha.

Gorsittuun Ministira Fayyaa Dr. Sannaayit akka jettutti ammoo, kanaan booda bajata naannolee guddisuu malee mootummaan federaalaa gara hakiima qacaruutti adeemsi itti deebiyu hin jiru.

"Namoonni ogummaa koo keessa jiran hojii dhabanii arguun na jeeqa"

Pirof Sannaayit hakiimota maatii isaaniirratti ba'aa ta'an, konkolaachisaa Raayid ta'anii kan qacaraman, hojii dhabuun isaanii dhukkuba sammuutiif kan isaan saaxileefi kan seenaan isaanii nama miidhu hedduu dhagahaniiru.

Miseensonni Waldaa Hakiimota Itoophiyaa duraan barattoota Qiddus Phaawuloosiifi Xuqu Ambassaa kan turan, guyyaan eebba isaanii yeroo dhiyaatu gammaduu dhiisanii "hojii qacaramuu dhabuu dandeenya jechuun" sodaataa akka turan yaadatu.

Hanqina ogeessota fayyaa baadiyyaa Itoophiyaa keessa jiru yeroo ilaalan, Itoophiyaan hakiimota eebbisiiftu gahumsaan qacaruu dhabuun ishee akka isaan gaddisiisu himu.

Itoophiyaan lakkoofsa hakiimotaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hawaasa tokkoof ni barbaachisa jedhee shallage hin guuttu.

Kanaaf, sektara fayyaatiif dursa kennuun barbaachisaa ta'uu dubbatu.

Seektara fayyaa fooyyeessuu jechuun ammoo qacarrii ogeessota fayyaafi miindaa isaanii fooyyessuu, akkasumas leenjii ogummaa isaanii guddisu dhiyeessuufi ijaarsa dhaabbileen fayyaafi dhimmoota biroo hedduudha.

Qabxiin barbaachisaan garuu hakiimonni sirriitti guutummaa biyyattiitti akka bobba'an dandeessisuudha.

Kun ammoo kan dhugoomuu danda'u jijiirama waaraatiin malee waliigaltee qacarrii naannolee waggoota muraasaaf turaniin akka hin taane himu.

Hanqina baajataa naannolee furuun alatti

Hanqina baajataa naannoleen qaban furuuf Maaching Fand jalqabamullee, Ministeerri Fayyaa akka hakiimonni hojiitti bobba'aniif yaadonni furmaataa dabalataa akka jiru gorsituun Ministira Fayyaa Dr. Sannaayit Bayyanaa ni dubbatti.

Tokkoffaan, kanaan dura tajaajila fayyaa kennuu banachuudhaaf muuxannoon barbaachisuufi invastimantiin hedduun barbaachisu salphifamee hakiimonni kan dhuunfaa isaanii (Office Practice) akka banatan kan dandeessisu ragga'uu isaati.

Lammaffaan ammoo, hakiimonni Itoophiyaa biyya alaatti haala ittiin qacaramuu danda'an mijeessuudha.

"Wantonni hedduun wal maddii hojjetamaa waan jiraniif adeemsa yeroo keessa ogeessi fayyaa eebbifamee hojii hin qabanne ni jiraata jedhee hin yaadu," jetti.

Naannoleen qacarrii ogeessotaa dabalatee baajanni baasii waggaatiif ramadamuuf waggaa waggaan guddachaa akka dhufe eeruun, gara fuula duraatti dabalaa akka deemu ibsiteetti.

Mootummaan giddu-galeessaa ogeessota fayyaa naannolee ramaduu yoo dhaabu komiiwwan ka'an keessaa tokko, naannoleen itti-gaafatamummaa hakiimota qacaruun yeroo isaaniif kennamu afaan naannoo isaanii keessatti dubbatamu ogeessa hin beekne qacaruudhaaf fedhii dhabuu isaanii ture.

Dr. Sannaayit akka jettutti, naannoleen hakiima qacaruudhaaf afaan ulaagaa ijoo akka godhanne gorfamaniiru.