Poolisiin du'a Qananii Addunyaarratti jecha ragaalee namoota dabalataa 15 fudhachuu mana murtiitti hime

Qananii Addunyaa modeela akkasumas miidiyaa hawaasummaa gubbaa uffata aada Oromoon miidhaguun beekamti

Madda suuraa, @KeneniAdugna

Ibsa waa'ee suuraa, Qananii Addunyaa modeela akkasumas miidiyaa hawaasummaa gubbaa uffata aada Oromoon miidhaguun beekamti

Dhimma du'a shamarree Qananii Addunyaa ilaalaa kan jiru Mana Murtii Federaalaa Jalaqabaa Ramaddii Araadaatti dhaddachi beellama yeroo 1ffaa ganaama har'aa galmee ilaaleera.

Kutaan dhaddachaa galmichi keessatti ilaalames Abbaan Seeraa dhadachatti osoo hin bahiin dura ture maatii fi hiriyoota miidhamtuu fi weellisichaa akkasumas miidiyaalee fi hirmaattota biroon kan guutame ture.

Du'a shamarree Qananii Addunyaatiin kan shakkame kaadhimaanshee weellisaa Andu'aalam Gosaa, abukaatoosaa waliin mana murtiitti dhiyaateera.

Dhimmicha qorachaa kan jiru poolisiin Finfinnee, hojiilee guyyoota beellamaa darban keessatti hojjete Abbaa Seeraatiif kan ibse yemmuu ta'u, yeroo beellamaa kennameef keessatti jecha ragaalee namootaa 15 dabalataan walitti qabuu himeera.

Waliigalattis lakkoofsi ragaalee namootaa jecha irraa fuudhee 28 ta'uu poolisiin mana murtii beeksiseera.

Gama biraatiin ammoo, dhaabbilee fayyaa miidhamtuun kana dura itti yaalamaa turtee ragaalee sanadaa walitti qabuu himuudhaan, ragaalee kunneen irratti jecha xinxalaa ogeeyyii fayyaa walitti qabuuf akkasumas ragaalee sanadaa fi kan namootaa biroo walitti qabuuf guyyoonni beellamaa dabalataa akka kennamuuf gaafateera.

Kana malees, bu'aan qorannoo afaa lafaa akkasumas bilbila miidhamtuu fi shakkamaa irratti taasifamu waan hin qaqqabneef bu'aa qorannoo kunneennii hanga argatutti guyyoonni dabalataa akka kennamaniif gaafateera.

Abukaatoon yaada poolisii mormeera

Abukaatoon weellisaa Andu'aalam Gosaa, poolisiin sababoota kana dura beellama yeroo itti gaafateef ammallee guyyoota dabalataa gaafachaa jira jechuun iyyatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees, qorannoon reeffaa taasifame "miidhamtuun osoo lubbuun jirtuu gamoorraa kuftee du'uushee agarsiisa malee ajjeefamtee gamoorraa darbatamuu ishee wanti agarsiisu hin jiru" jechuun sababni maamilli isaanii hidhaa taa'ee itti qoratamu akka hin jirre dubbatan.

Barreeffamni yaadannoo guyyuu (diary) miidhamtuun barreessite argamuu kan himan abukaatoon weellisaa Andu'aalam, miidhamtuun "lubbuushee balleessuuf akka jettu ergaa maatii, weellisichaaf akkasumas hiriyootasheef barreessiteen himteerti" jedhan.

Dabalataan, maamilli isaanii mirgi wabii eegameefii yoo bahe ragaalee dhaabbilee akka poolisii Federaalaa fi Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa jiran balleessuuf dandeettii waan hin qabneef mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru.

Gama biraatiin, namootaa fi miidiyaalee oduu sobaa tamsaasan jedhan kan komatan abukaatoon shakkamaa, qaamoleen kunneen wanta dhaddacharratti hin dubbatamne gabaasaniiru jedhan.

Kunis odeeffannoo weellisichi mirgi wabii eegamee fi konsartii muuuziqaa yaa dhiyeessu jedhu akka ta'e himaniiru.

Manni murtichaas odeeffannoon kun falmii dhaddachaarratti kan hin dubbatamne ta'uu akka mirkaneessuuf gaafataniiru.

Manni murtichaa gama isaatiin, miidiyaaleen falmii bitaa fi mirgaa bifa madaalawaa ta'een gabaasuun alatti odeeffannoowwan sobaa fi madaalawaa hin taane tamsaasuurraa akka of-qusatan akeekkachiiseera.

Dhumarrattis, manni murtii gaafii beellama yeroo poolisiin gaafatee fi falmii abukaatoo qorachuun ajaja kennuuf Kibxata boru, Bitootessa 30, 2017'tti beellama qabateera.