'Qananii lammaffaa ajjeesan, dhiigas dhugaas hin arganne' - Obbo Addunyaa

Qananii Addunyaa, 25, modeela akkasumas miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoos beeksisuun beekamti

Madda suuraa, Keneni Adugna/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Qananii Addunyaa, 25, modeela akkasumas miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoos beeksisuun beekamti

Du'a kaadhimaa isaa Qananii Addunyaan shakkamee ji'a sadii mana murtii kan deddeebi'aa ture Artist Andu'aalam Gosaa wabiidhaan bahuu isaa akka morman maatiin Qananii BBC'tti himan.

Walleewwan Afaan Oromoo ammayyaa dhiheessuun kan beekamu, Artist Andu'aalam Gosaa, guyyaa Kibxataa wabiidhaan gadhiifamuu abukaatoon BBC'tti himaniiru.

Abukaatoon Artist Andu'aalam, Obbo Liiban Abdii, ji'oota darban sababa abbaan alangaa yeroo kennameefitti himata hin banneef 'mirga wabiitiin' qarshii 50,000 kanfaluun gadhiifame jedhan.

Abbaan Qananii, Obbo Addunyaa Waaqoo hidhaatii ''bahuu isaa miidiyumarraa dhageenye,'' jechuun BBC'tti himani.

''Tokkichi iftoominaan kana kan arganne jedhanii poolisiin nutti hin himne, abbaan alangaa nutti hin himne hanga sa'aa kanaatti.

''Bilaasha baatii sadii deemaa jirra. Dhiiga mucaa keenyaas hin argine, dhugaa mucaa keenyaas hin argine. Lammaffaadha ajjeesan kaleessa [yeroo Andu'aalam wabiin bahe],'' jechuun BBC'tti dubbatani.

Artist Andu'aalam jalqabumaa shamarree Qananiin erga du'uun ishee ibsamee booda du'a ishee keessa harka akka hin qabne waakkataa ture.

Maatiin shamarree kanaammoo intalli keenya harka namaan malee ofirratti miidhaa dhaqqabsiifti jennee hin yaadnu jechuun dubbataa turan.

Manni murtii dhimma kana baatiiwwan muraasa darbeef hordofaa turuun ijoo dubbii miidiyaalees ta'ee ture.

Haa ta'u malee, boodarra miidiyaaleen dhaddacha seenanii akka hin gabaafne dhorkamani.

Abukaatoon Andu'aalam Obbo Liban, "Ji'oota darban kana poolisiin qorannoo gaggeessaa ture. Poolisiin ALI gaafa Caamsaa 15, bara 2017 qorannoo xumuree galmee abbaa alangaatiif dabarse.

''Abbaan alangaa ammoo qorannoon poolisii isa qaqqabee guyyaa 15 keessatti himata banuu qaba.

"Haa ta'uutii, abbaan alangaa hanga Caamsaa 30, bara 2017tti yookaan himata hin banne yookaan ammoo qorannoon dhihaate himata banuuf gahaa miti jedhee galmee hin cufne" jedhan.

Andu'aalam Goosaafi Qananiin kaadhimaa walii ta'uu kanneen beekan BBC'tti himaniiru

Madda suuraa, @Andualem Gosa

Ibsa waa'ee suuraa, Andu'aalam Goosaafi Qananiin kaadhimaa walii ta'uu kanneen beekan BBC'tti himaniiru

Abbaan alangaa qorannoon poolisii isa qaqqabee guyyaa 15 keessatti himata yoo hin banne maamilli isaanii kuni 'seeran ala hidhamani' jedhamee waan yaadamuuf mirga seeran kenname 'mirga namni seeraan ala hidhame seera duratti dhihaatee ilaalamuu' yookan "Habeas corpus " jedhamuun mana murtii gaafatan.

Manni murtiis iyyannoo shakkamaa kanaa ilaaluun mirga seeraa kennameef bu'uura godhatanii himatamaan kuni mirga wabiitiin akka bahu waan heyyamaniif ALI Waxabajjii 3, 2017 Kibxata galgala naannoo sa'aatii 12tti hidhaarraa bahe jedhan.

'Haqa arganna jedhee hin yaadu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Murtii abbaan alangaa nu beeksisu eeguutti jirra kan jedhan abbaan Qananii Obbo Addunyaan, ''Wabiidhaan gadhiifamuu isaa ni mormina, kuni gaaffii qabaa?'' jedhan.

''Seerri ni ulfaata. Waan abbaan alangaa jedhu ilaallee Rabbiitti kennina malee waan jennu hin qabnu nuti akka nama tokkootti.

''Dhugaan Qananii bahaa hin jiru, dhugaan Qananii dhokataa jira. Ifatti, ka'umsarraa ka'ee jechuudha'' jechuun qorannoodhumti ''rakkoo qaba'' jechuun komatu.

''Nu dadhabsiisuuf hanga ammaa tursiisan malee kana dura gadhiisuuf turan. Haga dadhabnee biraa hafnuufi kan kana gochaa turan,'' jechuun BBC'tti himani.

Maatiin haala amma adeemaa jiruun haqa argachuu akka rakkatan dubbatu.

''Ijibbaatumaafan jira malee haala amma jiru kanaan haqa mucaakoo argadha jedhee hin yaadu. Beekumtiitu caala dhiigarra, beekumtii gurbaatu caala,'' jedhan Obbo Addunyaan.

Abukaatoon Artist Andu'aalam gama isaaniin adeemsi itti aanu maal ta'a jennee gaafanneerra.

"Ammaaf bellamni mana murtii qabame hin jiru. Murtii abbaa alangaa qofa eegna. Isaan yeroo fixanitti yoo himanni kan banamus ta'e, yoo hin himachiisu, galmeen haa cufamus jedhan garagalcha nuqaqqabsiisan qofa eegna" jedhan.

Du'a shamarree Qananii Addunyaatiin kan shakkame Wellisaa Andu'aalem Gosaa A.L.I Bitootessa 3,bara 2017 hanga Waxabajjii 3, bara 2017 ji'oota sadiif mana hidhaa ture.

Qananiin akkamiin yaadatamti?

Sirna owwaalcha isheerratti akka ibsame taanaan Qananiin umrii ishee 25'n boqotte.

Aanaa Daaroo Labuu magaalaa Miicataatti kan dhalatte Qananiin, ijoollummaa irraa eegalee barumsaan cimtuu ta'uu seenaasheerratti himameera.

Barnoota sadarkaa lammataaf ''qabxii olaanaan xumurte'' Yunivarsitii Arbaa Mincitti Muummee Haayidiroolikiifi Waatar Injinaringii ALI Bara 2011 eebbifamte.

Achis Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa hojjechuun ibsameera.

Eegasii garuu modeela akkasumas beeksisaafi bohaartii garagaraa keessa hirmaachuun beekamti.

Keessumaa miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoo miidhagdee mul'atti.

Abbaan ishee Obbo Addunyaan ''Isheen maatii ijaartee, barumsasheetti itti fuftee of dandeessee hanga kaampaanii,'' hundeessutti akka karoorsite dubbatu.

''Gabaabumatti nama amala gaarii qabdu, nama maatii kabaju nama fira kabajjudha.''