Faayidaa muka 'Kumarraa' kana beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa keessatti qonnaan bultoonni biqiltuu kana 'Kumarraa' ykn 'Shifarraa' jedhanii waamu.
Biyyoota birootti ammoo moringaan muka raajii ykn "miracle tree" akkasuma ''muka jireenyaa'' jedhamee beekama. Moringaan fayidaa danuu qabaachuun maqaa kana akka qabaatu taasise.
Moringaan maddisaa Kibba Eeshiyaa akka ta'e himamu durii qabee sirna dawaa 'Ayurvedic' jedhamu keessatti qorichummaaf oolaa ture.
Biqiltuun kun ammas akka dawaatti maqaan isaa dhahama. Baalli Moringaa vitaaminota akka A, B fi C akkasuma albuudota pootasiyeemii fi kaalisyeemii fi pirootinii sirnaan of keessa qaba.
Daakuun firii moringaa amala farra baakteriyaa qabaachuun beekama.
Firiin moringaa qabiyyee kompaawundii 'pterygospermin' jedhamu kan of keessaa qabu yoo ta'u, kompaawundiin ija moringaa keessatti argamu kun amala farra - fangasii fi farra-baakteriyaa qaba jedha toorri 'Feedipedia' jedhamu.
Daraaraan isaallee shaayiif qopheessuf oola, firiin isaa ammoo akaa'amee akka ocholoniitti sooratama.
Ofii guyyaatti namni tokko hangam moringaa hangama soorachuu qaba? Ulfa namarraa baasaa?
Dhimma kanarratti Saayinsii nyaata namarratti Pirofesara Gargaaraa kan ta'an Hajii Amaan iyyaafanneerra.
Biqiltuu kun soorata namaafi bineeldotattis ni tajaajila.
Eeshiyaa qofa otoo hin taane Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa akka Hindii, Itoophiyaa, Filippinsi fi Sudaan keessatti akka biqiltuu bu'a qabeessa ta'etti oomishama. Kibba Itoophiyaatti biqiltuun kun baay'inaan beekama.
Afrikaa keessatti baalasaatu barbaadama, Eshiyaatti ammoo gara firiisaatu caalatti barbaadama.

Madda suuraa, Getty Images
Baala, firii fi dararaan isaa soorataaf oola. Garuu hiddisaa hanga tokko amala summii ni qaba.
Daakuun firiin moringaa bineensota summeessuu mala, keessattu qurxummiif summiidha jedha toorri 'Feedipedia'.
Baalli Moringaa waggaa tokko keessatti yeroo hanga torbatti irra deddeebiin funaanamuu danda'a.
Sanyii mukaa kun goginsa dandamtee saffisaan guddata. Biqiltuun muka raajii jedhamee beekamu kanaa yeroo gognsi jiruttillee baala hin dhabu. Goginsa ni dandamata.
Mukti Moringaa meetira 10- 12tti guddachuu danda'a. Zayitiin moringaa urgooftuu oomishuuf warshaa keessatti tajaajilaaf oola.
Durii qabee zayitiin firii moringaarraa qophaa'u urgooftuu oomishuu Masrii durii, Giriik durii fi bulchiinsa Roomaa durii keessatti tajaajilaaf oolaa ture.
Biqiltuu ulfa namarraa baasa jedhamee hamatamu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saayinsii nyaata namarratti Pirofesara Gargaaraa kan ta'an Hajii Amaan, moringaan dhibeewwan akka kaansarii, dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa namarra ittisuuf akka fayyadu qorannoon mul'isan jiraachuu himan.
Fayidaa qaba jedhamee garuu garmalee soorachuun hin gorfamu.
Ogeessi saayinsii soorataa kun akka jedhanitti, guyyaatti namni tokko moringaa giraama 70 ol soraachuu hin qabu. Qorannoo baayyeen moringaan namarraan baayyee akka hin geessifne akeeku jedhan.
Garuun moringaan ulfa namarraa baasuufi gadameessi kottonfachisuun daa'imni yeroo malee da'uu hordofiisuu akka malu qorannoon akeeku jiraachuu ibsan.
Dhimmi kun garuu qorannoo dabalataa akka barbaadu eeran.
Muka namoonni jaarraa hedduuf soorataaf itti gargaaramaa ture kun ittisa, wal'aansa fi to'annoo dhibee fayidaa qabaachutu himamaaf.
Baalli moringaa hamma filooraayidii bishaan keessatti argamu akka xiqqeessuuf danda'u fi hawaasaa sulula- qinxamaa keessaa jiraatan akka fayyadu Pirofesara Gargaaraa kan ta'an Hajii Amaan himan.












