Gochaa naasisaa duula 'na filadhaa' pirezidaantummaa Ameerikaa jijjiree

Tiraamp dhiiga waliin

Madda suuraa, EPA

Suuraaleen addaa Doonaald Tiraamp harka isaa qilleensa keessa ol kaasee, osoo dhiigni fuulasaa irra gadi yaa'uu, qaamolee nageenyaa addaa 'Secret Service' waltajjii irraa ariitiidhaan buufame kunis seenaa qofa miti.

Tarii taateen kunis adeemsa duula filannoo pirezidaantii Sadaasa dhufaa gaggeeffamu jijjiiruu danda’u.

Gochaan jeequmsa siyaasaa nama rifachiisu kun duula na filadhaa kana irratti dhiibbaa uumuun isaa waan hin oolle. Ergamtoonni 'Secret Service' Ameerikaa shakkamaa bakkichatti rasaasaan rukutanii ajjeesan.

Akkasumas maddeen seera kabachiisan michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS News'tti akka himanitti, haleellaa kana akka yaalii ajjeechaa tokkootti ilaalaa jiru.

Suuraan kun - kan Tiraamp osoo dhiigni irra dhangala'aa jiru mul'isuu, qilleensa keessa ol kaafamuu eeggamee adeemaa jiru kunis, ilmasaa Eriik Tiraampiin battalamutti miidiyaa hawaasaa irratti qoodame: “Qabsoon Ameerikaan barbaaddu kanadha” jedha barreeffame.

Prezidaant Joo Baayiden ammoo haleellaan kun akkuma raawatameen yeroo muraasa booda TV irratti mul’achuudhaan, Ameerikaa keessatti jeequmsi siyaasaa akkanaaf bakki hin jiru jedhan.

Morkataa isaanii Rippabilikaanotaa kanaaf yaaddoo qabaachuu ibsuun, galgala gara booda waliin haasa’uuf abdii akka qaban dubbatan.

Duulli filannoo Mr Baayidan ibsawwan siyaasaa hunda kan dhaabe yoo ta’u, yeroo kanatti Doonaald Tiraamp irratti duuluun sirrii akka hin taane ifatti amanuudhaan, beeksisa televijiinii isaa ariitiidhaan buusuuf hojjechaa jira. Kanarras taatee mudate balaaleffachuu irratti xiyyeeffachuu akka wayyu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni siyaasaa kallattii siyaasaa hundarraa dhufan, namoonni waan biraa baayyee xiqqaa irratti waliigalan hundi, jeequmsi dimokiraasii keessatti bakka hin qabu jechuuf walitti dhufanii jiru.

Pirezidaantonni duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa, Joorji W. Buush, Biil Kilinton fi Jiimii Kaartar hundi isaaniitu ariitiidhaan haleellaa kana balaaleffachuun, Tiraamp miidhaa cimaan waan irra hin geenyeef hangam akka boqotan dubbatan.

Haata'u malee, michoonni fi deeggartoonni Mr Tiraampitti dhiyoo ta’an tokko tokko ammoo taatee kanaaf Baayiden komachaa jiru.

Akkasumas , miseensi kongireesii Rippabilikaan tokko barreeffama toora X irratti barreesseen pirezidaanti Baayidan “ajjeechaa kakaaseera” jechuun himate.

Kaadhimamaa ittaanaa pirezidaantii Tiraamp ta’uuf tarree keessaa ta'u jedhamee kan yaadaman, Senaatar JD Vaance, dubbii duula filannoo Baayidaniitu gara kallattiin taatee kanaaf sababa ta’e jedhan.

Namoonni siyaasaa Rippabilikaanotaa biroonis waan wal fakkaatu dubbachaa jiru. Kunis yeroo balaa siyaasa Ameerikaa keessatti mul’atutti mormitoota isaaniitiin akka ibidda qabsiisu balaaleffachuun isaanii hin oolu jedhan.

Duraanis, taatee baay’ee nama rifachiisu irratti lola baay’ee fokkisaa ta’uu danda’u keessatti sararri waraanaa harkifamuu arguu dandeenya. Kunis haala duula na filadhaa kana kan jijjiruudha.