'Carraan ykn eeyyama Waaqaanan du'arraa oole'- Tiraamp

Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp yaalii ajjeechaa halkan Sambataa hiriira Pensilvaaniyaa keessatti irratti gaggeeffame tureen silaa ''du'een turee'' jedhan.

Guduunfaa

  • 'Carraan ykn eeyyama Waaqaanan du'arraa oole'- Tiraamp
  • Namichi qophii Tiraamp irratti maatii oolchuuf ajjeeffame 'goota' jedhame
  • Meeshaan Tiraampitti dhukaafame kan akkamiiti? Ajjeesuu ni danda'a?
  • Aadde Melaaniyaan namicha Tiraampitti dhukaaseen 'bulguu' jedhan
  • 'Meeshaaleen shakkisiisoo' konkolaataa keessa argaman
  • Tiraamp Waaqa 'isa hin yaadamne' hambise galateeffatan
  • Dargaggoon Tiraampitti dhukaase jedhame nama akkamiiti?
  • Waa'ee nama Tiraampitti dhukaase jedhame maal beekna?
  • MM Abiy yaalii ajjeechaa Tirampirratti raawwateen ''baay'ee rifatan'
  • Pirezidantii duraanii US, Tiraamp, irratti yaaliin ajjeechaa raawwatame
  • Haleellaa Israa'eliin namoonni 90 Gaazaatti ajjeefaman - Hamaas

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Galatoomaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoon waan nu waliin turtaniif galatoomaa!

    Tamsaasa haaraa eegalle asii argattu. Cuqaasuun seenuu dandeessu.

    Nagaan!

  2. Haleellaa haaraa Israa'eliin namoonni 22 Gaazaatti ajjeefaman

    Akka UN ibsetti erga waraanni Gaazaatti eegalee manneen barnootaa isaa keessaa 2/3ffaa irratti haleellaan raawwatameera

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Akka UN ibsetti erga waraanni Gaazaatti eegalee manneen barnootaa isaa keessaa 2/3ffaa irratti haleellaan raawwatameera

    Haleellaa qilleensaa Israa’el mana barumsaa UN akka dahoo baqattootaatti gargaarurratti raawwatteen, yoo xiqqaate namoonni 22 ajjeefamanii, 100 kan ta'an ammoo madaa’uu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu ibse.

    Waraanni Israa’el ''shororkeessitoota'' Hamaas naannawa mana barumsaa Abu Oraayibaanitti sosso’an irratti akka xiyyeeffate hime.

    Kanneen ijaan argan BBC Afaan Arabaatti akka himanitti, bakka sana walitti dhukaasuun hin turre, kanneen ajjeefaman keessaa daa’immanis jiru.

    Haleellaan akkanaa guyyoota saddeet keessa yeroo shanaffaaf Gaazaatti raawwatame.

  3. Manni murtii dhimma ragaalee icciitiin himannaa Tiraamp gatii dhabsiise

    Tiraamp murtee kanaan gammachuu ibsaniiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp murtee kanaan gammachuu ibsaniiru

    Abbaan seeraa Filooridaa himannaa yakkaa Tiraamp ragaawwan icciitii biyyaalessaa US seeraan ala qabataniiru jedhu bu’uura dhabsiisan.

    Ayiliin Kaanon ogeessi seeraa himannaa kana mana murtiitti dhiheessan seeraan ala itti gaafatama irra jiranitti dhufani jechuun dhimmicha gara mana murtiitti fiduuf aangoo akka hin qabne muran.

    Haatii seeraa kana Tiraampitu muude.

    Tiraamp hidhaa seenuu danda’u turee?

    Silaa Tiraamp yakkamaa ta’un isaanii mirkanaa’e dhimmichi mana hidhaatti isaan geessuu danda’allee ture.

    Himannaan kuni himannaa yakkaa afur Tiraamp itti himataman keessaa tokkodha.

    Murtee kana booda Tiraamp ‘kunis waan tokko’ jechuun ibsan. Tiraamp himannaan kaanis akka irraa hafu barbaadu.

    Ekispartoonni seeraa akka jedhanitti Tiraampif murteen kuni injifannoo guddaadha.

    Ogeessi seeraa Tiraamp irratti himannaa banan Jaak Ismiiz jedhamu. Waggoota 20 oliif US fi biyya biraatti namoota seeratti dhiheessaniiru.

  4. 'Dubartii guutuu ta'uun miira namatti uumu reefun hubadhe'

  5. 'Carraan ykn eeyyama Waaqaanan du'arraa oole'- Tiraamp

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp yaalii ajjeechaa halkan Sambataa hiriira Pensilvaaniyaa keessatti irratti gaggeeffame tureen silaa ''du'een turee'' jedhan.

    Taatee kanaa booda gaaffii fi deebii jalqabaa taasisaniin, Tiraamp miidiyaalee Ameerikaa konsarvaatiivii ta'aniif ''carraadhaan ykn Waaqayyoon'' akka irraa oolan akka itti dhaga'amuu himaniiru.

    ''Wanti baay'ee nama dhibu, akka tasaatti [mataa koo] garagalchuu qofa osoo hin taane, yeroo sirrii fi hammuma sirrii ta'etti garagaluu kooti,'' jechuun rasaasni gurra isaanii rukute sun silaa akka salphaatti isaan ajjeesuu akka danda'u dubbatan.

    "Ani silaa du’uu qaba ture, as jiraachuu hin qabu ture” jedhan.

    Haleellaa kanaanis namoota walgahicharratti hirmaataa turan keessaa tokko kan du'e yoo ta'u, namoonni biroo lama ammoo akka malee madaa'aniiru.

    Namtichi qawwee Tiraampitti dhukaases kan ajjeeffame yoo ta'u, maqaan isaa Toomaas Maatiyoo Kiruuks akka jedhamu adda baafameera.

    Garuu ammoo haleellaa kana maal akka isa kakaasee hanga ammaatti wanti jedhame tokkolleen hin jiru.

  6. Keeniyaatti shakkamaan haadha warraasaa dabalatee dubartoota 40 ol ajjeesuu amane poolisiin to’atame

  7. 'Hammatu gargar malee godinaalee Oromiyaa 22 keessa lolli jira' - KFO

  8. 'Nuti Waldaadha': Mormitoonni daballii gibira Keeniyaa hoggantoota Kiristaanota komatan

    Dargaggoota waldaa keessatti

    Keeniyaa keessatti, mormiin dargaggoonni daballii gibiraa karoorfameerratti eegalan Mana Kiristaanaaf dammaqiinsa ta’ee tajaajileera.

    Dargaggoonni morman kunneenis dhaabbata humna guddaa, kan pirezidantii biyyattii dabalatee ummanni %80 ol Kiristaana ta’e keessatti raafama uume.

    Dargaggoonnis waldaan mootummaa cinaa dhaabbatti jechuun himachuun, namoota siyaasaa aarsaa waldaalee akka waltajjii siyaasaatti fayyadaman irratti tarkaanfii fudhatan.

    Dilbata Kaleessaa gara waaree boodaa, hoggantoonni Kaatolikii rakkoo kanaaf deebii kennaniiru.

    Dargaggoota waldoota Naayiroobii fi naannooshee irraa dhufaniif walgahii ummataa addaa qopheessuun, warra mormii farra gibiraa irratti poolisiin ajjeefaman ulffeessan.

    Dargaggoonni dhibbaan lakkaa'aman Bataskaana Baasilikaa Maatii Qulqulluutti walitti qabamuun namoota du'aniif kadhannaa taasisan.

    Keeniyaa keessatti mormii kanaan dura hin baramne dargaggootaa kunis, dhaloota dijitaalaan beekamuufi Generation Z ykn Gen-Z jedhamuun beekamun kan gaggeeffamudha.

    Dargaggoonnis waldaan duula mormii daballii gibiraa cimaa akka hin dhaabbanneetti yaadan.

    Amma, Phaaphaasii Simoon Kaamomo'e, dargaggoonni kunneen akka dhaga’aman amansiisuuf yaalaniiru.

    “Akka dargaggootaatti yeroo tokko tokko Waldaa keessattillee abdii kutannaan akka sitti dhaga’amu nan beeka,” jedhe.

    ''Isin tajaajiluuf waadaa galle haaromsuu barbaanna. Dogoggoruu dandeenya...Gooftaan akka Waldaatti, bakka Waaqayyo duratti illee, isin mufachiifneetti dhiifama nuuf haa godhu.”

    Akkasumas dureen amantaa kunis, abjuu isaanii hordofuuf obsa akka qabaataniif, Mana Kiristaanaatiin akka qajeelfaman, cubbuu yeroo mormii raawwataman kamirraayyuu akka qalbii diddirataniif gorsaniiru.

    “Si dhabuu hin barbaannu, dargaggoota keenya dhabuu hin barbaannu” jedhe iftoomina ajaa’ibsiisaa ta’een. “Phaaphaasonni Kaatolikii dhaloota kana dhabuun baay’ee isaan yaaddessa” jechuun nagaan akka turanii fi lubbuusaanii akka eegan dhaamaniiru.

    Namoonni walgahiicharratti argaman hedduun, tajaajilli kun tarkaanfii jalqabaa simatamaa ta'us, garuu waan kana dura ta'u qabu akka ta'e himan.

  9. Dargaggeessa Tiraampitti dhukaasuu booda ajjeefame Toomaas Maatiw eenyu?

  10. Seenaa bara dheeraa hokkora siyaasa Ameerikaa

    Abrahaam Liinkan

    Madda suuraa, Getty Images

    Yaaliin ajjeechaa pirezidaantii duraaniifi kaadhimamaa pirezidantummaa ammaa Donaalid Tiraamp irratti taasifame - namoota baayyee kan naasiseefi nageenya akkasumas kan haala siyaasaa Ameerikaa gaaffii keessa galchedha.

    Seenaa Ameerikaa keessatti pirezidantoonni Ameerikaa afur ajjeechaan siyaasaa irratti taasifameera.

    Isaanis, Abrahaam Liinkan 1865, Jeems Gaarfiild 1881, Wiiliyaam Makeenii 1901 fi Joon F Keneedii 1963 fa'i turan.

    Ronaald Regan dabalatee, kaan yaalii ajjeechaa irraa lubbuun oolaniiru.

    Reegan nama yaaliin ajjeechaa irratti raawwatamee pireezidantii ta'an isa dhumaa turan.

    Isaaniis duula pirezidantummaa bara 1981'tiif guyyaan 69 gaafa hafu miidhaa cimaan irra gahuu illeen marsaa lamaaf guutuuf tajaajilanii xumuran.

    Tiyoodor Roozveel yeroo lammataaf pireezidantummaaf bara 1912 yeroo dorgoman, qomarra dhahamanii irraa hafuun pireezidaantummaaf garuu osoo hin injifatanii hafaniiru.

  11. Pool Kagaamee: Pirezidantii Ruwaandaa waggoota 30 ammas filannootti jiran

  12. Hojjataan tola oltummaa qophii Tiraamp irratti maatii oolchuuf ajjeeffame 'goota' jedhame

    Corey Comperatore

    Madda suuraa, Reuters

    Bakka qophii duula na filadhaa Dilbata yaalii ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti raawwatameen hirmaattoota keessaa namni tokko maatii isaa oolchuuf osoo yaaluu du'uu qondaaltonni himan.

    Hogganaan tola ooltummaa balaa ibiddaa umuriinsaa ganna 50 ta'e Koorii Komparaator yeroo dhukaasni sun dhaga'amu eegaluutti miseensota maatiisaa irratti hagugee ture.

    Bulchaan Pensilvaaniyaa Joosh Shaapiroo Dilbata darbe ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Kooriin goota ta’ee du’e,” jedhan.

    Poolisiin Isteetii Pensilvaaniyaa akka jedhetti, namoonni lamaan rasaasaan rukutamanii lubbuun hafan nama ganna 57 Deeviid Daach fi nama ganna 74 Jeems Koopenhaaver jedhaman ta'uu ibseera. Lamaanuu gaafa Dilbataa haala tasgabbaa'aa keessa turan.

    Bulchaan Pensilvaaniyaa haadha warraa Aab Komparaatorii fi ijoollee durbaasaa lama waliin dubbachuu dubbataniiru.

    “Kooriin yeroo hunda Dilbata gara waldaa deema ture. Kooriin hawaasa isaa ni jaallata ture. Keessumaa Kooriin maatii isaa ni jaallata ture,” jedhan.

    Aab Komparaator deeggaraa cimaa Doonaald Tiraamp ta'uu fi qophii kana irratti argamuun isaanii gammachuu guddaa akka qaban dubbataniiru.

    “Kooriin nama hundi keenya jaalannuu ture. Yaadannoon isaa eebba haa ta'u,'' jedhan Aab Shaapiroon. “Halkan darbe kan nama rifachiisuu ture... waliigaltee dhabuun siyaasaa gonkumaa, gonkumaa jeequmsaan furmaata argachuu hin danda’u.”

    Poolisiin Isteetii sanaa akka jedhetti, Aab Komparaator Saarvar, bakka hiriirri itti gaggeeffame Batilar irraa gara fageenya maayilii 12 (19km) argamu keessa, Pittsburgh, Pennsylvania ala jiraatu ture.

  13. Dhukaasni kaleessaa 'eegumsa irratti qaawwi akka jiru agarsiisa - qondaala FBI duraanii

    Tiraamp waltajjiirraa yeroo buufaman

    Madda suuraa, Reuters

    Miseensa Ergamaa Addaa duraanii Waajira Qorannoo Federaalaa (FIB) Keen Gireey dhimma yaalii ajjeechaa Tiraamp irratti sagantaa har'arratti dubbtan.

    Waajirichi qorannoo hanga ammaa taasiseen gochaa shororkeessummaa biyya keessaa tahuu mala jedhus sababni haleellaa kana duubaa garuu ammallee hin mirkannoofne.

    Gireey dargaggoon dhukaasa raawwate hamma sana iddoo dhukaasa banetti siquunsaa ''eegumsa irratti qaawwi akka jiru agarsiisa. FBI duula akkasiif eegumsi ramadame gahaa tahu qorachaa jira jedhan.

    Sagantaan eegaluun dura humnooti nageenyaa naannoo sana qulqulleessu. Kun immoo rakkoon eessatti uumamuu akka danda'u, uummata keessaa akkatti adda baasuu faa hojjetu.

    Qondaalli addaa sooruma bahan eegdonni Tiraampiin achii buusuuf sa'atii dheeraa fudhatan, osoo dhukaasni dabalataa jiraateera tahe carraan miidhamu ni jiraata ture jedhan.

  14. ''Tiraamp sirreessuu malee, loluu hin qaban – Rippaabilikaana duraanii

    Miseensa Riippablikaanootaa duraanii Peete

    Madda suuraa, Getty Images

    Miseensi kongireesii paartii Rippaabilikaanaa sooruma bahan Peet Seshiinsi, yaaliin ajjeechaa Tiraamp ''kufaatii'' seera kabachiisuu ta'uu dubbatan.

    Kunis ''fudhatama kan hin qabne'' fi ''kan baay'ee nama dhiphisu'' waan ta'eef ''gaaffiin gaafatamuu qabu baay'eedha'' jedhan.

    Tiraamp ''ayyaana Waaqayyootiin oolaaniiru'' jechuun sagantaa BBC Today jedhamutti hima.

    Yaa'ii Rippabilikaanotaa kan ifatti torban darbe kaadhimamaa pirezidantii gochuun isaan muudu irratti, haasaa yeroo taasisan faarri Tiraamp maal akka fakkaatu kan gaafataman Seeshiin, ''akkan yaaduutti "itti fufuu kan barbaaduu" fi "marii jijjiiruu"kan barbaadun hubadhe jedhan.

    ''Karaa jecha afaaniin wal xiqqeessuutiin geggeefamuutii karaa dheeraa deemneerra. Biyyi kamiyyuu kana keessa baay'ee dandamachuu hin dandeessu" jedha Seeshiinsi.

    ''Lolaaf osoo hin taane sirreeffamaaf ta'uu qaba jedheen yaada,'' jechuun Seshiins waan Tiraamp gara fuulduraatti dubbatan ilaalchisuun yaada kennan.

  15. Joo Baayidan filannoo keessaa yoo bahan bakkasaanii eenyutu Tiraamp morkata?

  16. Tiraamp silaa 'ani nama du'edhayyu' jedhan

    Doonaald Tiraap

    Madda suuraa, Getty Images

    Doonaald Tiraapm ''Ani silaa nama du'edha'' jechuun yaalii ajjeechaa irratti raawwate ''waan ajaa'ibaati'' ta'u dubbatan.

    ''Silaa ani nama as dhaabbatu hin turre, du'aan ture,'' jedhan haasaa wayita gara kora piraazedaantummaaf kaadhimamanitti deeman Niiw Yoork Poost waliin taasisaniin.

    Tiraamp gurrasaanii mirgaa bakka kaleessa rasaasaan rukutaman irratti huccuu (bandage) adiin maxxansuun, haata'u malee gargaartoonni isaanii namuu akka suuraa hin kaafneef dhurkuu Niiw Yoork Poosti gabaaseera.

    ''Hakiimni hospitaalcha keessa turanis waan akkasii takkaa argee hin beeku jechuun kun waan raajiitii,'' jechuu Tiraamp dabaluun himan.

  17. Moqaadishootti haleellaa bombii namoota kubbaa ilaalaa turan irratti raawwatameen hedduun ajjeeffamuufii miidhaamu gabaafame

    Konkolaataa Moqaadishootti haleelame

    Madda suuraa, TV Somaaliyaa

    Magaala guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti haleellaa boombii badee balleessaan namoota walitti qabamanii kubbaa miilaa Awuurooppaa ilaalaa turan irratti raawwateen yoo xinnaate namoonni shan ajjeeffaman.

    Buufanni TV Somaaliyaa akka gabaaseetti, haleellaa boombii kaleessa Dilbata Adooleessa 14, 2024 raawwatame kanaan namoonni 20 ta’an miidhaaf saaxilaman.

    Poolisiin biyyattii haleellaa namoota walitti qabamuun kaaffee magaalaa guddoo keessatti argamuutti kubbaa dowwachaa turan irratti qiyyeefate kunis boombii konkolaataa irratti kiyyeeffame dhosuudhaan jedhe.

    ‘‘Boombii konkolaataarratti kiyyeeffamuun kaaffee Toppi jedhamu irratti dhukaafameen namoonni shan ajjeeffamuun kan mirkannaa’e yoo ta’u, namoonni 20 ta’an madaa’aniiru’’ jedhe poolisiin akka TV biyyaaleessaa biyyattii gabaaseetti.

    Buufanni TV Daalsaan jedhamuufi Moqaadishorraa tamsa’u akka gabaaseetti, kaaffeen masaraa mootummaatti dhiheenyaan aragamuufi haleellaan irratti xiyyeefate kunis yeroo haleellaan raawwatamuutti dhoohinsi cimaan dhagahamuu hime.

    Buufanni TV kun namoota ijaan argan eeruudhaan akka gabaaseetti, konkolaataan bombiin irratti kiyyeeffame kunis yeroo dheeraaf kan kaaffee sana bira dhaabbataa tureedha.

    Kaaffee sana keessatti hojjattoota mootummaa kan yeroo baayyee itti fayyadaman ta’u ibseera.

    Haleellaa kanaafis hanga ammaatti gareen ittigaafatamummaa fudhate hin jiru. Akkasumas garee mootummaan ittigaafatamaa taasisees hin jiru.

  18. Gochaa naasisaa duula 'na filadhaa' pirezidaantummaa Ameerikaa jijjiree

  19. Dhimmi dargaggoo Tirmpaatti dhukaasee ammallee waan muraasatu beekama

    Toomaas Maatiiw Kiruukis

    Madda suuraa, CBS

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa kuni bara 2022tti eebba barnoota sadarkaa lammfaaf kan ka'e dha.

    Waa'een dargaggoo ganna 20 kan kaleessa Tiraampitti dhukaasee, Toomaas Maatiiw Kiruukis ammallee waan muraasa qofa beekna.

    Kiruukis achuma iddoo haleellaa raawwatetti ajjeefame. Dargaggoon kuni Peensilvaaniyaa bakka dhalootasaa wiirtuu kunuunsaa keessatti nyaata qopheessuurratti gargaaraa tahuun hojjeta. Barnoota sadarkaa lammaffaa irraas bara 2022tti eebbifame.

    Hiriyyootaafi barsiisotisaa kan namaaf kabaja qabu, hubataa fi callisaa jechuun isa ibsu. Bakka bu'aan mana barumsaa Rooyitarsitti dubbatan Kiruukis nama siyaasa irratti hirmaatu akka tahe hin beeku jedhan.

    Miidiyaaleen Ameerikaa miseensa paartii warra Rippaabilikaanaa jalatti galmaa'eera jechuun gabaasaniiru. Tahus bara 2021tti garee duulaa libaraalaa kan warra demookiraatii ActBlue jedhamuuf doolaara 15 gumaacheera.

    Waajirri Qorannoo Federaalaa gaafa Dilbataa miidiyaa hawaasaa Kiruukis irratti barreefama doorsisaas tahe, seenaa dhukkuba sammuu hin qabu jedhe.

    Qawween dargaggoon kuni itti fayyadame AR-style 556 rifle kara seera qabeessa taheen abbaasaatu bite, haleellicha garuu qofuma raawwate.

  20. Yaalii ajjeechaa Donaald Tiraamp irratti hamma yoonaa maal beekna?

    Tiraamp haleellaan irra gahuun booda

    Madda suuraa, Getty Images

    Sanbata kaleessaa Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp bulchiinsa Peensilvaaniyaatti wayita duula geggeessaa turan yaaliin ajjeechaa irratti taasifame. Sa'atii sanarraa kaasee taateewwan garagaraatu mudataa ture.

    Dhimmooti hanga ammaa beeknu kunooti:

    • Pireezidanti Baayidan Waayit Haawus irraa ergaa uummataaf dabarsaniin biyyi isaanii tokkummaan akka dhaabbattuufi garaagarummaa siyaasaa ''kara nagaa'' sagaleedhaan akka furan yaadachiisan.
    • Baayidan dabaluunis waa'een shakkamaa yaalii ajjeechaa raawwatee waan muraasatu beekama jedhan.Shakkamaan kuni dargaggoo ganna 20 Toomaas Maatiiw Kiruukis jedhama.
    • Qondaaloti Biiroo Qorannoo Federaalaa Ameerikaa sababii haleellaa kanaa qorachaakan jiran yoo tahu shakkamaan dhukaasa kana qofaamasaa raawwate jedhanii amanu.
    • Joo Baayidan haleellaa Tiraamp irra gaheen booda bilbilaan kan dubbisan yoo tahu yaalii ajjeechaa raawwates balaaleffatan.
    • Haleellaan raawwachuun booda beeksisni siyaasaa TV pireezidantichaa haqameera.
    • Tajaajilli Tikaa - dhaabbanni hojiin Tiraampiin tiksuu itti kenname gama garagaraan qeeqni irra gahaa jira. Biiroon Qorannoo Federaalaa namni hidhatee ajjeefamuun dura waltajjii irratti dhukaasa banuun ''waan hin eegamne dha,'' jedhan.
    • Tiraamp rasaasni gurra mirgaa isaanii dhahuun booda fayyaa akka qaban himuun sagantaa paartiin isaanii dorgommii pireezidantummaaf isaan kaadhimu Republican National Convention irratti argamaniiru.
    • Ministirri Mummee UK Keer Istaamar akkuma hogganoota addunyaa biroo ergaa dabarsaniin Tiraamp dafanii akka fayyaniif hawwaniiru.
    • Taatee kanaan namni tokko yoo du'u, lama immoo madaa'aniiru.