'Dimokiraasiif jecha' rasaasaan rukutame jedhan Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa torban darbe yaalii ajjeechaa irra qaqqaberraa hafan, Doonaald Tiraamp, hiriira deeggarsa isaaniif Mishigaanitti bahamerratti ''dimookiraasiif jecha natti dhukaafame,'' jedhan.
Hiriira Mishigaan kanarratti namoonni kumaatamaan lakkaa’amanitu hirmaate.
Kana qofa miti, hiriira kana waanti adda taasisu erga yaalii ajjeechaarraa hafanii hiriira jalqabaati akkasumallee ittaanaan isaanii JD Vaansi bakka argametti bahame.
Hiriira magaalaa Giraand Raappidsitti bahame kanarratti warri Dimokiraatotaa ''Tiraamp yaaddoo dimokiraasiirratti uume'' jedhanii akka himatan dubbatan.
Tiraamp deebi'anii masaraa Waayit Haawus seenuuf qophaa'u dubbatan.
Dhukaasni torban darbe irratti banamee, Tiraamp gurra madeesse qoratamaa jira.
Hiriirtonni sagantaa Mishigaan irratti hirmaatan BBC'tti akka himanitti, yaaliin ajjeecha Tiraamp - kan lubbuu nama tokko dabarsee fi namoota lama biroo madeesse - kadhimamaa Pirezedantii warra Rippabilikaanotaa deeggaruu nun dhowwu jedhan.
Namoonni kaan sirumayyuu sababa itti dhukaafameef jechan dhufe kanneen jedhanillee turaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hiriira Giraand Raappidsi kan Pensilvaaniyaarra waanti adda godhu sagantichi bakka to'annoo qaamolee nageenyaaf mijatutti gaggeeffamu isaati.
Torban darbe yaaliin ajjeechaa kan irratti qaqqabe Tiraamp haasaa wayita dhageessisanitti, ''namoota kumaataman lakkaa'aman warra na ilaalu dhufan nan galateeffadha'' jedhan.
''Simboo Waaqayyoofin isin dura dhaabadhe'' jechuun Waaqayyoo ajjeefamuurraa akka isaan oolche irra deddeebi'anii dubbatan.
Weendii fi Istiiv Upkot, Mishigaan magaalaa Kilaarksiton jiraatu.
Jarri kunneen namoota kumaatamaan lakkaa’aman kanneen guutuu Mishigaanirraa konkolaataa isaaniitiin Tiraamp arguuf dhufan keessaa tokko yoo ta’an, hedduun isaanii eegumsi nageenyaa cimuu mirkaneessan.
Abbaa warraa fi haatii warraa kunneen akka himanitti, yaalii ajjeechaa torban darbee hordofee intalli isaanii ganna 26 nageenya isaaniif sodaachuun saganticharratti akka hin hirmaanne sa'aatii lama dura isaan kadhatteetti.
Taatullee jarri lamaan saganticharraa hafuu hin feene.
''Taateen torban darbe mudate carraan deebi'e mudachuu xiqqaadha,'' jedhan Aadde Apikoot.
Warra kana lamaan dabalatee namoonni biroo hedduun Giraand Raappidsitti kophee diimaa 'Make America Great Again' jedhamuun faayame keewwatanii, koffiyyaa tiksee, shaamizii fi uffata alaabaa Ameerikaa fakkaatu uffatanii argaman.
Tiishartiin suuraa Tiraamp ofirraa qabus gurgurtaaf dhiyaateera.
Laawuraa Sholtiz akka jettetti, Dilbata ganama hiriyyaa ishee waliin saganticha irratti hirmaachuuf osoo hin murteessiin dura waa'ee nageenya ishee akka yaaddofte dubbatteetti.
“Sodaan akka si dhorkuu eeyyamuufi hin qabdu” jette.












