Joo Baayidan filannoo dhufurratti namni biraa bakkasaanii akka dorgomu dhiibban godhamus tole hin jenne

Madda suuraa, Kent Nishimura / AFP
Joo Baayidaa filannoo dhufurratti kaadhimamaan biraa bakka isaanii bu'ee Tiraamp akka morkatu paartiinsaanii dhiibbaa godhus isaan garuu tole hin jenne.
Inumaayyuu torbee dhufuu kaasee duula na filadhaa gaggeessutti akka deebi'an beekisan. Baayidan yeroo ammaa Covid-19 qabamanii mana jireenyasaanitii hojii idileesaanii hojjataa jiru.
Guyyaa kaleessaa, Adoolessa 19 Dimokiraatonni heddu Baayidan dorgommii filannoo pirezidaantummaa nama biraaf akka dhiisan gaafatanis isaan garuu tole hin jenne.
Baallii dorgommii pirezidaantummaa nama biraaf akka kennaniif dhiibban kan itti hammaachuu eegale, torbanoota dura falmii Tiraamp waliin gaggeessaniin dulluma wajjin gahuumsa gadi aanaa agarsiisuu isaanii hordofeeti.
Baayidan garuu filannoo kanarratti "Tiraamp inuman injifadha" jedha.
Paartii Dimokiraatotaa keessa namoonni jajjaboon Baayidan filannoo kana keessaa bahanii namni biraa akka bakka bu'uuf yaada dhiyeessanii turan.
Bakka Baayidan dorgomuu danda'u jedhamanii kan yaadaman Pirezidaantii Itaantuu kan ta'an Kamaalaa Hariisi.
Kamaalaa Haaris garuu deeggarsa Joo Baayidaniif qaban ammayyuu hin mittiqsine.
Dursituu duula filannoo Joo Baayidan kan taate Jeen O'Malley Diilon miidiyaa MSNBC irratti yaada kenniteen Baayidan "kan durii caala Doonald Tiraamp injifachuuf kutannoo cimaa qaba" jechuun pirezidaantii duraanii Doonald Tiraamp injifachuuf "nama filatamaadha" jette.
Joo Baayidan yaada kennaniin, "Mul'anni dukkanaa'an Tiraamp gara fuulduraaf qabu akka lammiilee Ameerikaatti nu hin ibsu. Akka paartittis, akka biyyaattis waliin taanee sagalee filannoo kennamuun isa ni injifanna," jedhan.

Madda suuraa, Kent Nishimura / AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Joo Baayidan nama ganna 81 yoo ta'an dullumarraa kan ka'e falmii Tiraamp wajjin gaggeessan irratti gahuumsa gadi aanaa agarsiisan jedhamanii komataman. Walgahii NATO torbee darbe UStti gaggeeffamerrattis maqaa gaggeessitoota biyyaa wal-jala jijjiiranii waamaa turan.
Kanarraa kan ka'e miseensonnifi senaataroonni paartii Dimokiraatotaa akka namni biraa bakka isaanii bu'ee dorgomuuf dhiibbaa irratti gochuu eegalan.
Baayidan garuu "Waaqayyoo waaqarraa dhufee hin 'Joo Baayidan hin dorgomin' yoo nan jedhe malee dorgomuurraa waanti na hambisu hin jiru"' jedhanii ture.
Haa ta'u garuu duula Tiraam itti jiran waliin yoo wal-bira qabamu Baayidan waan duubatti hafan fakkaatu.
Yaalin ajjeechaa Tiraamp irratti erga gaggeeffamee as ammoo Tiraamp deeggartootasaanii biratti danuu leellifamaa jiru.
Yeroo Tiraamp duula gaggeessaa jiran kanatti Baayidan Covid-19 qabamanii mana jiru. Konveenshiniin Biyyaalessaa Dimokiraatotaa Adoolessa 19, kaleessa eegalee jira.
Joo Baayidan sababa dullumaan filannoo keessaa akka bahan dhiibban paartiisaanii irraa itti cimus garuu namni jabaan Baayidanii olitti paarticha keessaa Tiraamp dura dhaabbachuu danda'u eenyudha? kan jedhu gaaffii paartiin Dimokiraatotaa deebisuu qabuudha.
Filannoo bara 2020 irratti paartii Dimokiraatotaa keessaa Joo Baayidan sagalee baay'ee guddaa ta'een kaadhimamaa ta'anii filannoof dhiyaatan.
Joo Baayidanis filannoo kana keessaa hin bahu jechuuf sababni isaan dhiyeessan sagalee guddaan kaadhimamaa ta'anii dhiyaachuusaaniti.
Ammas taanan senaataroonni paartii Dimokiraatotaa heddu Baayidan baallii nama biraatti kennanii 'leegaasii gaarii' kaa'anii akka darban gaafataa jiru.












