Yaaliin ajjeechaa Tiraamp irratti taasifame attamiin fudhatama isaarratti jijjirama hin eegamne fide?

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Yaaliin ajjeechaa pirezidantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp irratti osoo inni duula na filadhaa pirezidaantummaa yeroo lammataatiif gaggeessaa jiru irratti aggaamame, kan addunyaa mara naasisee ture.

Erga Tiraampi miidhaa fiixee gurraasaa mirgaarra rasaasaan gaheen alatti gutummaatti nagaan ooluunsaa barameen booda, lammiileen biyyatti yaaddoo taatee sana hordofee mudachuu malurraa bayyanatan.

Haata’u malee taatee sana hordofees hedduun gaaffiilee fi wal himannaa yoo dhiheessan dhagahamu.

Erga marsaa tokko pirezidaantummaan Ameerikaa bulchanii booda karaa filannootiin kan Waayita Hawuusii baafaman maanguddoon umuriin wagga 78, Doonaald Tiraamp deebii’anii gara aangootti deebii’uudhaaf wayita duula gaggeessaa jiraniitti rakkoon isaan mudate salphaa hin turre.

Tiraamp miidiyaaleen qeeqamuun alatti, himannaawwan garaagaraa irratti dhiyaachuun mana murtiitti dhiyaatanii himannaawwan irra caalaan yakkamaa jedhamuun itti murtaa’ee ture.

Fakkeenyaaf himannaawwan galmee daldalaa waliindhahuun irratti baname 34 hundaan balleessaan irratti argamuun ibsamee ture. Kunis seenaa Ameerikaa keessatti pirezidantiin aangoorra jiruus ta’e kan aangoorraa bu’e yoo himatamee yakkamaa jedhamu Tiraamp kan jalqabaa ta’aniiru.

Kana malees, himannaawwan ganaa mana murtiin ilaalamaa jiran biraas qabu. Haata’u malee, kaayyoon Tiraamp inni guddaan gara aangootti deebii’u waan ta’ef, xiyyeeffannaa saanii filannoo baatiiwwan booda gaggeeffamurra kaawwachuun paartii Riippablikaanoota bakka bu’uun kaadhimamaa ta’anii duula gaggeessaa jiru.

Donaald Tiraamp

Madda suuraa, AP

Yaalii ajjeechaa

Himannaan mana murtii fi qeequmsi osoo isa hin dhaabiin irra deeiin pirezidantummaaf filatamuuf bulchiinsoota Ameerikaa keessatti duula na filadhaa taasisan keessaa tokko kan ta’e, qophii Samabata Adooleessa 13, 2024 Peensiilviiniyaatti tureerratti taateen adda mudate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Innis yaaliin ajjeechaa jedhamee kan himamee rasaasni itti dhukaafame. Tiraamp haasaa deeggartootasaaniitiif waltajjii magaala Batilariitti walitti qabamaniif taasisaniin deeeggartoonni miira ho’aa keessa turan.

Guyyaa sanas Tiraamp bakkicha kan qaqaban sa’aatii tokkoof guyyaafatanii yoo ta’u, miirrii aarii hirmaattootarratti uumee hin turre.

Tiraamp haasaa taasiisuu eegalanii daqiiqaawwan shanii booda yeroodhuma gara mata duree falmii kan ta’e waa’ee dhimma baqattummaa seeraan alaa haasa’u eegalan ture kan sagaleen dhukaasaa dhagahame.

Baatii gamoo dhiheenya waltajjiittii argamuu gubbaa taa’uudhaan kan dhokatee Tiraampi eeggataa ture dargaggeessi umuriinsaa wagga 20, Maatiiwu Kiruuksi, rasaasni mataasaanitti kiyyeeffachuun dhukaase gurrasaa mirgaa dhahuun miidhaa hamaa malee oolaniiru.

Waltajjii sanarratti Tiraamp rasaasa miidhaa hamaaf ykn du’aaf isaan saaxiluuf oolte irraa kan hafan, ‘‘carraadhaan ykn eegumsa Waaqaatiin’’ akka ta’e af-gaaffii haleellaa sanaanii booda yeroo jalqabaatiif taasisaniin himaniiru.

Yaaliin ajjeechaa kunis miidhaa xiqqoo gurra mirgaa Tiraamp irraan qaqabsiisee, lubbuun nama tokkoo fi miidhaan namoota lama irra qaqabuun alatti, siyaasa Ameerikaafi adeemsa filannoo ittaanu yaaddoo keessa galcheera.

Kanaan alattis, taateen kun kan Tiraampiif carraa gaarii uumeefiidha jedhamaa jira.

Carraawwan hin yaadamiin

Torban darbe keessa falmii tamsaasa TV kallattii pirezidantii Joo Baayidan waliin taasisaniin, caalanii waan mul’ataniif filannoo Sadaasa dhufaa gaggeeffamuuf morkataa cimaa ta’udhaan warra riipablikaanootaa gara Waayita Hawuusiitti deebiisa jedhamee tilmamameera.

Yaaddoon kan qabate warri dimokiraatootaa ammo maanguddoo wagga 81 kan ta’an Baayidan Tiraamp waliin falmiifi dorgomanii pirezidaantummaan itti fufuuf ejjannoo qaamaafi cimina sammuu hin qaban jechuun akka kaadhimummaa keessaa bahan gaafataa turan.

Haata’u malee Baayidan dogongora raawwataas ta’u, hoggansa marsaa lamaaffaarraa kan na dhaabu hin jiru jechuun kaadhimummaa itti fufaniiru. Haalli kunis dimokiraatoota jidduutti qoodiinsa uumeera.

Egaa haala akkasiirra osoo jiranu ture kan yaaliin ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti agga’amame. Taateen kun ammo Doonaald Tiraamp kan maqaansaanii himannaawwan garaagaraatiin gurraacha’eef akka dorgommii pirezidaantummaatiif deeggarsa caalaa argataniif karra baneefiira.

Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Abdii injifannoo

Tiraampi yaalii ajjeechaatiin booda miseensoota garee tajaajila eegdoota pirezidantiin marfamanii wayita waltajjiirraa bu’aniitti, dhiignii osoo fuulasaarra gadi yaa’uu, ciminaafi akka hin injifatamne mirkanneessuudhaaf harkasaanii ol kaasuudhaan deeggartoota isaanitiif osoo ergaa dabarsanu suuraan kaafaman Ameerikaarra darbee addunyaa mararratti xiyyeeffannaa olaanaa argatee ture.

Haleellichi kan paartii keenyarratti aagaamameedha jedhanii kan amananiifi Tiraamp deeggaruudhaaf mama kan turan hundi akka kaka’aniif taatee miira kakaasee ta’eera.

Kana malees deeggarsa argachuu akka hin oollees yaadameera.

Hedduun kanneen haleellaan kun wara falmitootaan kan qindaa’e ta’u hin ollee jedhanii yaadan ammo, Tiraampi haleellicharraa lubbuun hafuu qofaa osoo hin taane, pirezidantii ittaanaa akka ta’uf akka barbaadan ibsaa jiru.

Gaazexaan Faayinaanshiyaal Taayimsi akka gabaaseetti, waltajjiiwwan dorgommiin siyaasaa irratti gaggeeffamurratti, kanneen yaalii ajjeechaatiin booda Tiraamp pirezidantummaa ni injifata jedhaniin falman gara %66tti ol ka’u beeksiiseera.

Deeggarsa murteessaa kaadhimummaa

Tiraamp baatii Caamsaa darbe keessaa yeroo mana murtiitti dhiyaachuun galmeewwan hereega daldalaa waliidha’uun itti murtaa’eetti, dorgommii pirezidaantummaa kanaaf deeggarsa gahaa argachuu dhabu ta’a jedhamuun yaadamee ture.

Haata’u malee murteen mana murtichaa duula na filadhaa irratti humna haara akka uumeef kan gabaafame yoo ta’u, sa’aatiiwwan 24 murtichaan booda turan keessatti deeggarsa maallaqaa filannoof ta’u doolaara miiliyoona 53 ta’u walitti qabu akka danda’e himameera.

Amma ammo yaalii ajjeechaa Peeniisiilveeniiyaa keessatti irratti aggaamameen booda deeggarsa dabalataa kaadhimamaa paartii riipabliikaan ta’u isa dandeessisu argataa jira.

Addunyaarratti abbaa qabeenyaa dursaafi hundeessaa dhaabbata guddichaa kan ta’an Elan Maski, yaaliin ajjeechaa Tiraamp irratti raawwatmee daqiiqaawwan booda Tiraamp kaadhimamaa ta’un akka dhiyaataniif akka deeggaran ibsan.