Dolaara sobaa to'achuu hanga pirezidantota Ameerikaa eeguutti

Madda suuraa, EPA
Gareen eegumsa pirezidaantota Ameerikaa Tajaajila Iccitii (secret service) ergamni isaa tokko. Kunis Pirezedaantotaa fi rasaasa isaanitti dhukaafamu gidduu utaalanii seenudha.
Gareen eegdota Pirezedaantotaa kuni yeroo hedduu fuula guuranii suufii fi daawitii ijaa gurraacha kaa’atanii naannoo isaanii si’oominaan hordofu.
Miseensonni secret service pirezedaantota, pirezedaantota aangorraa bu’anii fi kanneen pirezedaantummaaf kaadhimaman eeguun kan beekaman yoo ta’u, nageenya nama eeganii mirkaneessuun gurra guddaa qabu.
Torbee darbe garuu qorumsa isaanirraa eegamu kufaniiru. Pirezedaantii duraanii fi kaadhimamaa pirezedaantii, Doonaald Tiraamp irratti fageenya meetira 150 irraa itti dhukaafame.
Carraa gaarii Tiraamp qabaniin oolan malee eegdonni secret service isaan hin oolchine.
Rasaasni itti fufee yoo dhukaafamu garuu gareen secret service kuni rasaasa dhukaafamaa jiru qaama isaanitiin qorrisiisuuf gidduu utaalanii seenuuf hin milaamilchine. Saffisaan gara waltajjiitti dhufanii Tiraampitti marsan.
Namni dhukaasaa ture kuni sadarkaa yaaddoo hin taanerra gahuu gaafa mirkaneeffatan ammoo saffisaan gara iddoo yaala argatanitti geessan.
Doolaara sobaa too’achuu

Madda suuraa, Getty Images
Gareen sekuritii sarvis waggaa 150 dura A.L.A bara 1865 yeroo hundaa’u kaayyoon isaa namoota murteessoo ta’an eeguu hin turre.
Gareen kuni jalqaba kan hundaa’eef biyya waraana waliinitiin hunkutoofte keessatti maallaqa seeran alaa too’achuuf ture.
Waraanni walii waliinii Ameerikaa yeroo dhaabbatee turetti maallaqa biyyattii keessatti socho’u sadii keessaa tokko maallaqa sobaa ture.
Maallaqni sobaa sadarkaa olaanaan biyyattii keessatti socho’u kuni dinadgee biyyattii yaaddoo guddaa keessa kan buusu ture.
Mootummaan biyyattii kanaaf jecha garee secret service ( tajaajila iccitaawaa) jedhamu kana hundeesse.
Adeemsa keessa gareen kuni nootiiwwan maallaqa sobaa gabaa keessaa baasutii waan milkaa’eef gaheen hojii dabalataa meeshaalee gara biyyaa seenan akka too’atu kennameefi.
Haa ta’u malee ajjeefamuu pirezedaanti Wiliyaaam Makikinley hordofee gareen sekuritii sarvis kallattiin ergamasaa jijjiirame.
Ittigaafatama haaraa 'secret service'
A.L.A bara 1901 keessa liyoon Kizolegoski pirezedaantii Ameerikaa 25ffaa kan turan Wiliyaam Makikinley harka fuudhuuf obsaan eegaa ture.
Hiriira dheeraa booda pirezedaantichi Nama liyoon Kizolegoski jedhamu harka fuudhuuf yoo itti qaban kan namichi diriirse harkasaa osoo hin taane meeshaa waraanaa dhoksee qabatee turedha.
Pirezedaanticha si’a lama garaasaanirratti dhukaase. Pirezedaantichi akka malee miidhamanii waan tureef guyyoota muraasa booda boqotan.
Ta’ii Kanaan booda pirezedaantiin Ameerikaa isa qofa kan eegu gareen eegumsaa akka barbaachisu kan murtaa’e.
Kanumaanis gareen secret servicekuni pirezedaantota, maatii pirezedaantotaa fi bulchitoota biyyoota biroo gara Ameerikaa dhufan akka eegu ta’e.
Garee sekuritii sarvis Kanaan dura pirezedaantotaaf eegumsa kan godhu eegdotuma dhuunfaa waayit Haawus eegan ture.

Madda suuraa, Getty Images
Eegumsi kan godhamu eenyuufiidha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen secret service pirezedaantota amma aangoorra jiran, aangoraa bu’anii fi pireezidantii ittaanaa, nama gaa'elaan wajjin jiran akkasumas ijoollee isaanii umrii waggaa 16 gadi ta’an, hundaaf eegumsa godha. Dabalataan dureewwan biyyaa US daawwataniif eegumsi ni taasifama.
Kanaan alattis hoggantoota biyyoota biroo daawwannaa hojiif gara Ameerikaa dhufanis kan eegu isaanuma. Filannoo pirezedaantummaaf guyyaa 120 yeroo hafu ammoo morkattoota Pirezedaantummaa warra ta’anis ni eega.
Bara 1998 irraa eegaluun ammoo sagantaawwan qiyyaafannaa garee badii ta’uu malu jedhan akka eegufis ittigaafatamni itti kennameera.
Sagantaawwan kunneen, yaa’ii waliigalaa Paartii, sagantaa muudama pirezedaantii, walgahiiwwan idil addunyaa, sirnoota awwaalchaa fi sagantaawwan Ispoortii dabalata.
Gareen nageenyaa mootummaadhaan hundaa’e kuni seenaasaa waggoota 125 darbanii keessatti maallaqaa fi humna namaatiin haalan ofgurmeesseera.
Miseensota Ameerikaa keessattii fi biyyoota alaatti bobbaafaman kuma torba caalanis qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezedaantonni Ajajamoo ta’uu dhabuu
Ejensiin kuni erga hundaa’ee qormusi isa mudachuu hin dhiisne. Qorumsawwan kunneen keessaa tokko ammoo Pirezedaantonni eegaman akkaataa isaan jedhaniin ajajamuu dhabuudha.
Namootni eegumsi isaan barbaachisu tokko tokko nageenya isaanitiif jecha garee sekuritii sarvis isaan waliin akka ta’an heeyyamamoo ta’uu dhabuun nimul’ata.
Pirezedaantii ajjeefaman Wiliyaam Makikinley bakka kan bu’an Pirezedaant Tewuduroo Ruzovelt eegumsa garee sekuritii Sarvis Kanaan ofjibbaa fi nuffaa akka turan galmeen seenaa ni mul’isaa.
Galmeen seenaa Pirezedaantii kanaa kan Waayit Hawus jiru akka mul’isutti, pirezedaant Ruzovelt Eeegdota secret services kana nuffanii qofaa isaanii dhokatanii bahuun bakka bashannanaa qofaasaanii miilan deemaa turan.
Pirezedaant Ruzovelt bakka kan bu’an Pirezdaant Wiliyaam Haardis jala bultii ayyaana qillee irratti haadha warraa isaanii waliin waayit haawusii dhokatanii bahanii hiriyoota isaanii waliin yeroo ayyaanaa dabarsaa turan.
Garee secret service kana wanti adda godhu namoota eegumsa godhaniif kanaaf maqaa iccitawaa kennuufi.
Bil Kilintan maqaan isaan ittiin waaman ‘igil’ kan ture yoo ta’u, Joorji Daabliiwu Buush ammoo ‘ Tirelibilezar’, Baaraak Obaamaan ‘ Ringeed’ Donald Tiraamp ‘ Mogul’ Joo Baayiden ‘ Seltik’ jechuun waamu.

Madda suuraa, Getty Images
Ajjeechawwanii fi ta’iiwwaan mudatan
Gareen secret service kuni hangam maqaa gaarii kan horate ta’ulleen seenaa isaa keessatti taatewwan hamoo keessummeesseera.
Kanaaf ammoo agarsiistuu jabaa kan ta’u bara 1963 yeroo Pirezedaant Joon Ef Kenediin ajjeefamidha.
Taatee ajjeechaa kana hordofuunis Gareen kuni haadha warraa joon Ef Keeneedii fi ijoollee isaanitiif eegumsa umrii guutuu akka taasisuuf murtaa’ee ture.
Bara 1950 walakkeessa keessa jiraattoni kutaa Poortoo Riikoo lama Pirezedaant Hari Tiruumaan ajjeesuuf yaaliin taasisan osoo hin milkoofne hafe.
Namootni yaalii ajjeechaa taasisan kuni lamaan pirezedaanticha rukutuu dhabanilleen miseensaa secret service kan ta’e, Leeyilii Koflaant rasaasa sadiin rukutan.
Miseensi kuni garuu rasaasa sadiin rukutamulleen warra lamaan keessaa tokko rasaasaan mataa keessa haleeluun ajjeesee ture.
Leyilii Koflant garuu haleellaa Sanaa booda lubbuun isaa darbe. Hanga ammaattis eegduu Pirezedaantii aajjeefame isa qofa ta’uunmaqaan isaa galmee seenaarra taa’eera.
Bara 1981 gareen secret service Pirezedaantii Ameerikaa Yerosii Ronaald Reegan yeroo eegaa turetti pirezedaanticharratti yaaliin ajjeechaa taasifamee ture.
Pirezedaantichi hoteela tokko keessaa wayita bahaa turanitti namni hanga funyaanitti hidhate pirezedaanticha, pirees sekretariyaatii, miseensota secret service fi Poolisoota irratti dhukaasa bane.
Pirezedaant Reeganis somba isaanirra rasaasaan rukutamanii ture. Haa ta’u malee balaa sanarraa lubbuun oolaniiru. Yeroo haleellaan suni baname miseensi garee sekuritii sarvis Joon Hinkiley utaalee pirezedaantichaa fi rasaasa gidduu seenes rukutamee booda bayyanate.
Haleellaa Pirezedaant Reegan irratti taasifameen booda ejensiin kuni hojimaata isaarratti fooyya’iinsa taasise. Teeknolojiiwwaan ammayyaa bal’inaan fayyadamuus eegale.
Baraaa 2012 yeroo pirezedaant Baaraak Obaamaan aangorra turan ejensiin kuni waliin dhahaan maqaan isaa akka malee kaafamaa ture.
Yaa’ii biyyaalessaa paartii Dimokiraatotaa borumtaasaa miseensonni ejensii kanaa alkoolii dhuganii machaa’uun fi sagaagalummaa raawwachuun amala hin taane agarsiisuu caalaa yaaddoo nageenyaaf karra kan banu jedhamee ture.
Pirezedaant Baaraak Obaamaan Yaa’ii sanarratti hirmaachuuf naannicha gahuun dura miseensonni garichaa dubartoota daldala saalaa hojjetan hedduu kutaa isaaniitti dursanii galfatanii akka ture sakattaan miidiyaa saaxile.
Kana hordofees hoganaa ejensichaa kan turan Mark Sulivab aangoosaanii gadhiisan.

Madda suuraa, Reuters
Tiraamp haleellaarraa oolchuu hin dandeenyee?
Torbee darbe keessa Pirezedaantiin duraanii Doonaald Tiraamp duula nafiladhaa irra osoo jiranii namni meeshaa hidhate tokko fooqirra bahuun dhukaasee Tiraamp madeessuun garee sekuritii sarvis kanarratti qeeqa kaasise.
Miseensa humna Galaanaa Ameerikaa fi humna addaa mootummaa federaalaa kan turan Jonaatan Giliyaam, wanti Pensliveeniyaatti mudate “Kufaatii secret service kan agarsiisudha” jedhan.
Jonaatan Giliyaam BBCtti akka himetti, akkaataa hojmaata secret service'n duulli filannoo taasifamuu torbee tokko dursee sakattaan naannoo, kanneen eegumsa godhan bakka qubatan adda baasuu fi nageenya akkamitti mirkaneessina kan jedhu adda baha ture.
Kanaaf jechas miseensonni secret service gamoo dargaggeessi irra yaabee dhukaase kana dursanii sakattaa taasisuu qabu ture.
Odeeffannoowwan boodarra bahan akka mul’isanitti guyyicha dargaggeessi kuni Tiraamp irratti dhukaasuu sa’aatii tokkoon dura shakkanii qabuuf jedhanii namoota keessa jalaa dhokatee qabuu dadhaban.
Kana malees dhukaasa banuu daqiiqaa 20 dura dargaggeessi gamoorra bahe kuni mul’atee turulleen Miseensonni secret service tarkaanfii fudhachuuf yeroo dheeraa iti fudhate.
Bulchaa magaala Batilar Toom Nayitis ammoo CBStti akka himanitti, dargaggeessi kuni haleellaa kana raawwachuu sekendoota dura poolisoota magaalaa waliin ijaaf ijatti walarganii ture.
Miseensi poolisii namni shakkisiisaan tokko gamoo irra jiraachuu dubbatee isa barbaachas poolisiin biraa gargaaruf gamicharra bahe.
Miseensi poolisii kuni akkuma gamicharra baheen Haleellaa kan raawwate Toomaas Matiw Kiruuks meeshaasaa poolisicharratti qiyyaafate. Sanbooda poolisichi lapheen akka ciisu ajaje. Booda meeshaasaa gara Tiraampitti naannessee dhukaasa bane.
Kiruuksi battaala Tiraampitti dhukaase sekondii 26 booda miseensi Sekuritii Sarvis dargaggeessa kana ajjeese.
Taatee kanaan booda hogganaan secret service Kimberlii Chaater aangoo akka gadhiisan dhiibbaan irratti taasifamaa ture. isaan garuu ejensichi ergamasaa bahu dhabuuf ittigaafatamasaa nan fudhadha garuu aangoo hin gadhiisu jechuun ABC News tti himan.
Daayirektarri ejensichaa guyyootaan duuba dhimma kanarratti mana maree biyyattiitti dhihaatanii gaaffiiwwan dhihaataniif deebii kennu jedhameetu eegama.












