Barsiisaa Yunivarsiitii Wallaggaa aantee ummata baadiyaa ta'uun Indiyaarraa badhaasa guddaa argate

Madda suuraa, Dr. kanaan Facebook
“Yeroo baayyee baadiyyaa fagoo keessa deemee akka uummanni itti jiraatu yoon argu galgala galee hirribni na hin fudhatu. Kun ammoo osoon hin dadhabin Sambattaniifi halkan dabalatee of kennee hojjechuu baannaan boqonnaa akkan hin arganne na godhe,” jedha barsiisaan Yunivarsiitii Wallaggaa Kanaan Ambalam (PhD).
Dr. Kanaan Yunivarsiitii Wallaggaatti Muummee Biizinasiifi Ikonoomiksii damee Bulchiinsaa Ummataafi Misooma keessa waggoota 12 ol barsiiseera. Waggoota kudhanii oliif ammoo barsiisuu cinaatti pirojektoota uummata baadiyyaaf tajaajila kennan hojjechaa tureera.
Baasii xiqqaadhaan riqichawwan ijaaruu, burqaawwan bishaanii gabbisuu, ganda baadiyyaaf ibsaa galchuufi oyiruu qonnaan-bultootaa jallisiin akka bishaan galuuf gochuun hojii Dr. Kanaan barattoota isaafi hawaasa naannoo gurmeessuun hojjetan keessaati.
Dhaloonni isaa Indiyaa kan ta’e barsiisaan Yunivarsiitii Wallaggaa kun, biyya fagoofi aadaa biraa keessaa dhufuun aantummaa uummata baadiyyaa akkamiin horatte jechuun BBCn gaafateera.
“Anaaf namummaatu angafa. Biyya fagoo irraa ykn afaaniifi aadaa biraa keessaa dhufuun hawaasatti dhiyaatanii wal gargaaruu nama hin dhorku,” jedha.
Miillaan geejjiba osoo hin gargaaramiin baadiyyaa keessa kiiloomeetira hedduu barattoota isaa waliin deemee akka hojjetu kan dubbate Dr. Kanaan, “gaheen barsiisaa tokkoo daree seenee barsiisuu qofa miti.
Barsiisonni yunivarsiitiiwwan keessatti qofaa daangeffamanii taa’uurra hawaasa keessa deemanii, rakkoo jiru adda baasanii furuu ta’uu qaba,” jedha.
Kana gochuunis barattoonni isaanii dhaloota rakkoo furan akka ta'an barsiisuu danda'as jedhera.
Beekamtiifi badhaasa hojii gaariif kenname…

Madda suuraa, Screenshot from Dr. Kanaan Facebook
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr. Kanaan hojii hawaasa baadiyyaaf bu’aa buuse kanaaf namootaafi qaamolee gara garaa irraa beekamtiifi badhaasa argateera.
“Lammii eessaayyu ta’an cimanii hojjechuufi qajeelummaan yeroo mara badhaasa gaariin namaaf deebiya,” jechuun fuula Facebook ofiirratti barrreessan Pirezidantiin Yunivarsiitii Wallaggaa Hasan Yusuuf (PhD).
Dr, Hasan kana kan jedhan badhaasa guddaa Dr. Kanaan Amajji 10 biyya dhaloota isaa Indiyaa irraa argate hordofee ergaa dabarsaniin.
Imbaasiin Indiyaa Finfinnee jiru ammoo, Dr. Kanaan Ambalam Yunivarsiitii Wallaggaa irraa hojii uummataaf bu’aa buusuu Itoophiyaa keessatti hojjeteef badhaasa Indiyaa Pravasi Bharatiya Samman Award (PBSA) jedhamu argateera jechuun barreesseera.
Badhaasni kun baayyee guddaafi kabaja qabu lammileen Indiyaa biyyoota addunyaa keessatti damee gara garaa keessatti hawaasaaf bu’aa buusaniif waggaa lamatti takkaa kennamuudha.
“Hojii rakkoo hawaasaa furuu kana waggoota 10 darbaniif hojjetaa turreerra. Badhaasni kun ammoo kanaaf beekamtii kennuudha waan ta’eef haalaan nu jajjabeessa. Badhaasa kanaaf ammoo mootummaa Indiyaa galateeffachuun barbaada,” jechuun waan itti dhaga’ame BBCtti hime Dr. Kanaan.
Badhaasa kana ni arganna jedhanii osoo hin taane rakkoo hawaasaa furuuf inniifi gareen isaa hojjechaa akka turan kan dubbatu Dr. Kanaan, haata’u malee, erga hojii keenyaaf beekamtiin kennamee ammoo kabajaan fudhanne jedha.
Badhaasni kun Dr. Kanaaniif kan jalqabaa miti. Hawaasni badhaaseera, Yunivarsiitiin Wallaggaa bdhaaseera, Ministeerri Barnootaas bara darbe isa badhaasee akka ture dubbata barsiisaan kun.
“Badhaasa gara garaa qaamolee gara garaa irraa arganneerra, kan ammaa mootummaa Indiyaatiin kenname kun garuu addadha. Badhaasichi akka caalaa itti-gaafatamummaa fudhannu nu taasisa.”
Akkamiin hojii kana jalqabe?
Hojii pirojektoota baasii xiqqaadhaan humnaafi qabeenya naannootti argamuun godina Wallaggaa Bahaa keessatti jalqaban amma gara Qeellam Wallaggaa, Gujii Lixaafi naannoo Kibbaa Hadiyaatti deemuun hojjechaa jiru. Naannawaa Finfinneetti Askoofi Buraayyuttis pirojektii hojjetan akka qaban hima Dr. Kanaan.
Yeroo gara garaatti barattoota isaa waliin baadiyyaa keessa deemuun jireenya hawaasa baadiyyaa rakkisaa argu hojii tajaajila hawaasaa kana akka jalqabuuf ka’umsa isaa ta’uus ibsa dhalataan Indiyaa kun.
Rakkoo uummata baadiyyaa keessa jiru erga qaamaan keessa deemee argee booda barattootaan rakkoo hawaasa keessa jiru tokko adda baasuun yoo barbaaddan dhuunfan, yookaan ammoo gareedhaan akka furan gochuu akka jalqabe hima.
Kun ammoo barattootaafi isaaf akkan inni hawaasa waliin walitti siqee waliin hojjetu gargaareera.
“Barattoota waliin daataa sassaabuuf dirreetti baanee dubartii tokkotu laga xiqqoo riqicha hin qabne tokko ce’uudhaaf osoo rakkattuun arge. Yeroodhuma sana barattoota kakaasuun maaliif riqicha hin ijaarru jennee guyyoota lamaaf achi turree misimaaraafi muka, akkasumas dhakaa walitti fidnee riqicha ijaarree galle.
Kun ka’umsa nuuf ta’ee waan nu kakaaseef bakka rakkoon riqichaa jiru deemnee hojjechuu itti fufne,” jechuun addatti maaliif akka hojii hawaasaa kana hojjechuu itti jalqaban dubbata Dr. Kanaan.
Dr. Kanaan barattootaafi hawaasa naannoo waliin ta’uun hanga ammaatti riqichawwan 93 ijaaraniiru, burqaa bishaanii 55 gabbisaniiru, akkasumas hidhaa jallisii qonnaan-bultootaaf hojjetaniiru. Gandi baadiyyaa tokkos akka ibsaa argattu gargaaraniiru.
Pirojektoota ijaaraman kanneen olitti garuu bu’aan caalu barattoonni akkamitti rakkoo hawaasaa adda baasanii furmaata kennuu itti danda’an qabatamaan kan itti barataniiru. Hawaasni naannoos qabeenya naannoodhuma isaaniitti argamu kan akka muka, dhagaa, cirrachaafi humna namaa fayyadamuun rakkoo qabu- ittiin furatu irratti beekumsaafi muuxannoo akka argatan godhaniiru.
Yaadni ummataa maal fakkata?

Madda suuraa, Dr. Kanaan Ambalam Facebook
Yeroo gara garaatti bakka gara garaatti uummata tajaajila kennaniif yeroo dubbisanitti baayyee gammadoo akka ta’an dubbata.
Riqicha dhabuudhaan yeroo ce’uudhaaf jedhanitti namoota baayyeetu lubbuu dhabaa ture jedhu hawaasni naannoo.
“Seenaa dhageenye keessaa kan nama gaddisiisu sitti himuudhaaf, namichi tokko haati warraa isaa bishaan fudhatee jennaan ishee baasuuf waliin seenaa lamaan isaanii bishaan akka fudhate natti himan,” jedha Dr. Kanaan mudannoo hawaasa keessa dhagahe yeroo ibsutti.
Bakkawwan gara garaatti riqicha isaan ijaaran lubbuu baayyee hambiseera jedha uummanni.
Duraan hawaasni yeroo walitti deemu, gabaa deemu ykn tajaajila fayyaafi barnoota argachuuf deemutti laggeen riqicha hin qabne, keessumaa waqtii roobaatti guutanii lubbuu balleessaa turan jedhu.
Ammaa garuu rakkoon kun hafee uummanni waqtii hunda akka fedhetti gabaa, mana-barumsaa, buufata fayyaafi manneen-amantaa yaaddoo tokko malee deemuu danda’eera jedhu.
“Gandoonni ollaa jiranis riqicha nuti ganda tokkoof ijaarre ilaalanii nuufis hojjedhaa jedhanii nu gaafatanii riqichawwan baayyee ijaarreerra.
Fakkeenyaaf, magaalaa Arjoo Guddattuu keessa pirojektoota 6-7 hojjenneerra. Jalqaba pirojektii tokko qofaa hojjennee isa ilaalanii kan biraa akka hojjennuuf nu gaafatan.
Walumaagalatti pirojektoonni keenya jijjiirama qabatamaa hawaasa baadiyyaatiif argamsiisaniiru kan jedhu Dr. Kanaan, kanarraa kann ka’e gaaffiin uummanni akka hojjennuuf dhiyeessan baayyee dabaleera jedha.
Baasii hojii rakkoo uummata baadiyyaa furuu kana hojjechuuf isaan barbaachisu kan gaafatame Dr. Kanaan, pirojektoonni isaan hojjetan baasii xiqqaa kan gafatu ta’ee yeroo hunda waloon kan hojjetamudha. Waloo jechuunis inniifi gareen isaa hanga tokko, hawaasni pirojektiin hojjetamuufis hanga tokko walitti fidu.
Maddi galii qaban jiraatee osoo hin taane, waan xiqqoo dhuunfaan qaban walitti fiduun, qabeenya naannootti argaman akka dhakaa, cirracha, mukaafi uumna namaa gargaaramu.
Pirojektoonni bakka fagoo akka Hosaa’inaa, Bulee Horaa (Gujii Lixaa) Dambi Doollaa deemanii hojjetanitti baasii pirojektootaaf baasan malee gaajjiba garee baratttootaa isaaniif baasan akka jiru hima.
Bakkawwan fedhiin jiru baruudhaaf neetwoorkii akka qaban kaasuun, bakkawwan hojii isaanii arganii isaan iyyaafatanii akka dhaqanii hojjetan jiraachuu dubbata.

Madda suuraa, Screenshot from Dr. Kanaan Facebook
Gargaarsi jiru maal fakkaata?
Hojii isaanii keessatti gargaarsi gama hawaasaan jiru baayyee guddaa akka ta’eefi meeshaafi wantonni pirojektootaaf barbaachisan harki caalu hawaasa keessaa akka dhiyaatuuf raga bahu barsiisaan Yunivarsiitii Wallaggaa Dr. Kanaan.
“Yunivarsiitiin Wallaggaas karaa isa ilaallatuun nu cinaa dhabbataa jira. Qaamoleen mootummaa ammoo irra caalaan haala mijeessuudhaan nu gargaaru.”
Yeroo ammaa riqicha, burqaa gabbisuufi jallisii walumaagalatti pirojektoota 25 of harkaa akka qaban kan dubbatu Dr. Kanaan,” gara fuula duraatti xiyyeeffannaan keenya jallisii qonnaan-butootaaf misoomsinee uummanni akka waggaatti al takkaa ol omishee nyaataan of danda’u gargaaruudha,” jedha.
Beekumsi barsiisota yunivarsiitii keessatti daangeffamuu hin qabu kan jedhu barsiisaan Yunivarsiitii Wallaggaa Dr. Kanaan, rakkoo hawaasa keessa jiru kan hin furre taanaan ‘hiikni beekumsaa’ maal? jechuun gaafata.












