Iiziin Jimma gana baadiyaa waggaa tokko jiraatteetti Afaan Oromoo sirriitti dandeesse

Ibsa waa'ee viidiyoo, Iiziin Jimma gana baadiyaa waggaa tokko jiraatteetti Afaan Oromoo sirriitti dandeesse.

Iizii Muulensi jedhamti. Hojii tola-ooltummaadhaaf karaa Piiskooriin kan Ameerikaa irraa dhufte. Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaa ganda Ciimmee jedhantu keessa waggaa tokkoof jiraatteetti.