Qonnaan bulaan Harargee Lixaa sangoota lama birrii kuma 350tti gurguran maal himu?

Sangaa birrii kuma 200

Madda suuraa, Kominikeeshinii Aanaa Shanan Dhuuggoo

Obbo Usmaan Huseen kan sangaa tokko birrii kuma 200n gurguran, sangaa kan biraa ammoo kuma 150n, walumaagalatti sangoota lama birrii kuma 350tti gurguran.

Obbo Usmaan Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Ganda Raayyaa keessatti hojii horii furdisuu hojjatu.

Kanaan dura gatii haganaan horii gurguranii akka hin beekne kan himan qonnaan bulaan kun, namni irraa bitellee hojii isaanii ilaaluun isaan jajjabeessuu himan.

‘’Kan narraa bitellee daldalaadha. Daldalaan kun hojii kiyya akka dinqisiifatellee natti hime. Badhaasatu siif mala naan jedhe,’’ jechuun namni irraa bitellee akka isaan jajjabeessaa ture himan.

Obbo Usmaan sangoota lamaanuu namni tokko akka irraa bite himanii, namni irraa bitellee irraa buufatee gatii gaariitti akka gurgurate itti himuu dubbatan.

‘’Inni gammadee fudhatee gale. Finfinneetti geessee gatii mishaatti akka gurgurate bilbilee natti himeera.’’

Gatii ittiin gurgure garuu natti himne jedhan qonnaan bulaan kun.

Obbo Usmaan horii ni horsiisu, bitaniis furdisanii ni gurguru.

Sangaa amma gurguran lameen Fulbaana darbe birrii kuma 40 fi kuma 50n bituu kan himan Obbo Usmaan, Fulbaana darbe bitanii wagga osoo hin guutin bu’aa guddaa buufatan.

‘’Kan amma kuma 200n gurgure birrii kuma 50n, kan kuma 150n gurgure ammoo birrii kuma 40nin bite. Qotiyyoo haga kanaan gurguree hin beeku,’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara darbe gatii olaanaa birri kuma 80n gurguruu kan himan Obbo Usmaan qaala’iinsi jireenyaa hammaachuurraa gatiin qotiyyoos dabaluu himan.

Gorsaa fi deeggarsa ogeeyyii qonnaas of biraa qabaachuu kan himan qonnaan bulaan kun, ‘’kan silaa akkuma kanaan duraa birrii kuma 60, kuma 80n gurguruuf ture sababa gorsa isaanii eegee yoonaan ga’een maallaqa guddaatti gurgure,’’ jedhan.

‘’Nyaata jijjiiraa kenninaaf, kan har’a kennineef bor hin kenninuuf. Boqqolloo baaburaan ergan daaksisee booda laaffiseen akka marqaatti kennaaf. Marfees bulti 15n kennaaf. Ogeessi beelladaas hordofaa ture."

Obbo Usmaan sangaa wayita gurguranii deebisanii kan biraa ittiin bituun furdisanii gurguru.

Ammas maallaqa argataniin hojii kana bal’isanii akka hojjechuuf karoorfatan himan.

Sababa qaala’iinsi jireenyaa hammaateef gatiin horii dabalus, kan isaanii garuu bu’aa ifaajee isaaniin kan walsimu ta’uu dubbatan.

‘’Gatiin horii dabaleera. Kiyya garuu gatii ifaajee kiyyatu kana baasise. Horiin hedduutu jira as. Garuu gatiin isaanii kan kuma 100 baasuyyuu hin jiru. Kan kiyya isaan keessaa adda.’’

Bulchiinsi godinaa fi aanaa isaaniis akka isaan jajjabeessanii fi hojii isaanii kanaaf badhaasuuf akka jiran dubbatan qonnaan bulaan kun.

Kanaan durii sangaan gatii hanganaan gurgurame jiraachuu baatus, tibba ayyaanaa garuu birria kuma 100 olitti gurguruun waan haaraa miti.

Kan Obbo Usmaan garuu taatee ayyaanaan walqabatu miti.

Bara 2021 Ayyaana du’aa ka’uu Yesuus Kiristoota irratti Godina Kibba Lixa Shawaa Aanaa Iluu Galaan magaalaa Tajiitti sangaan tokko birrii kuma 115n gurgurameera.

Namni yeroo sana sangaa sana bitan Obbo Ashabbir Gosaa qalmaaf kan bitan yoo ta’u, qaala’iinsa jireenyaarraa gatiin hagana dabaluu himanii turan.

Egasiis qaala’iinsi dabaluu kan itti fufe yoo ta’u, sangaan tokko birrii kuma 200n wayita gurguramu gatii isa olaanaadha.