Himatawwan Obbo Taayyeerratti kufaa ta'an oliyannnoon Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti ilaalamu

Madda suuraa, Feesbuukii Obbo Taayyee Danda'aa
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa himatawwan lama Obbo Taayyee Danda'aa kanaan dura bilisa itti jedhaman irratti oliyyannoo dhiyeeffate.
Deetaa Ministeera Nagaa kan turanfii miseensa Caffee Oromiyaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa, Abbaa Alangaa Federaalaan himatawwan sadi irratti banamanii dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa erga turee booda ALI Adoolessa 30, 2016 himatawwan lamaan bilisa jedhamanii ture.
Himatawwan lamaan kunis Seera Yakkaa Itoophiyaa ALI bara 1996 bahe Keewwata 251/C diina waliin waloomuu kan jedhufii Keewwata 257/E darbaniiru kan jedhanidha.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa keewwatawwan lamaan kana jalatti Obbo Taayyeen, 'Yaadni piropogaandaa (ololli) humnootii farreen nageenyaa 'ABO Shanee fi Faannoo' fudhatama akka argatu yaaduun ergaawwan sochii qaamolee kunneenii deeggaru gama fuula Feesbuukii isaaniitiin qoodaniiru akkasumas bifa qindaa'een ergaawwan hamilee ummataa gadi buusan yookiin dandeettii dandamachuusaa diigan qoodaniiru jedhee ture kan himate.
Haa ta'u malee Obbo Taayyee Danda'aa barreeffamoonni ani qoode mirga yaada bilisaan ibsachuu bu'uureeffachuun kan qoodamanfii nagaa kan lallabani jechuun mana murtii hubachiisanii turan.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataas dhimma tokkoon himata lama hundeessuun hindanda'amu jechuun dabalataan dhimmi Obbo Taayyeen ittiin himataman mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu agarsiisu malee mirga nama biraa kan dhiibanii miti jedhee ture.
Haaluma kanaan Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan lamaan ofirraa ittisuun osoo irraa hin eegamin bilisa jechuun jalamurtii kennee ture.
Haa ta'u malee Abbaan Alangaa, jalamurtiin mana murtii jalaatiin kenname kun kufaa akka ta'ufii Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan lamaan akka ofirraa ittisaniif Dhaddacha Oliyyannoo Yakkaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf oliyyannoo dhiyeeffateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Taayyee Danda'aa gama isaaniitiin oliyyannoo Abbaa Alangaarratti deebii ittisaa barreeffamaa kan dhiyeeffatan yemmuu ta'u, manni murtichaas yaada garee lamaanii qoratee jalamurtii kennuuf ALI Bitootessa 25, 2017'tti beellama qabatee akka ture BBC'tti himaniiru.
Haa ta'u malee guyyichatti 'abbaan seeraa dhimmicha qabate dhukkubsateera' jechuun har'a ALI Ebla 21, 2017'tti beellama akka qabates himan.
Beellama har'aarratti Obbo Taayyeen abukaatoo isaanii walin ta'uun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti kan argaman yemmuu ta'u, manni murtichaas abbaan seeraa tokko dhukkubsatanii hafuu himuun dhimmicharratti jalamurtii laachuuf beellama biraa qaachuun akka barbaachisu himeera.
Abukaatoon Obbo Taayyee Danda'aa gama isaaniitiin yeroo afraffaaf mana murtiichaatti dhiyaachuusaanii himuun yeroo jijjiirraa beellamaa abbootiin seeraa dhiyeessan falmaniiru. Beellamni yoo kennames guyyaan gabaabbatee akka qabamuuf gaafataniiru.
Manni Murtichaas yaada abukaatoo biraa ka'e erga dhaggeefateen booda ALI Caamsaa 4, 2017'tti beellama qabateera.
Gama biraatiin Obbo Taayyeen himata sadaffaa dhimma meeshaa waraanaa seeraan alaa mana isaaniitii argameera jedhame akka ofirraa ittisan jalamurtiin kennamuun kan yaadatamu yemmuu ta'u, dhimmichis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa jira.
Jimaata darbe dhaddacha ooleen Obbo Taayyee Danda'aan ragaa ittisaa akka isaaniif tahaniif kan lakkaawwatan Ministirri Mummee Abiy Ahimad fi Kantiibaa Adaanach Abeebee Mana Murtiitti osoo hindhiyaatin jalaa Hasan.
Deetaa Ministeera Nagaa kan turanfii miseensa Caffee Oromiyaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa, himata dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa mana isaaniitii argameera jedhame akka ofirraa ittisan Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaalu jala murtii kennuunsaa ni yaadatama.
Haaluma kanaan ragaalee ittisaa Obbo Taayyeen lakkaawwatan shan keessaa lama: Komishinarri Jeneraalaa Itti Aanaa Malaakuu Fantaa fi Ministira Nagaa kan turanfii yeroo ammaatti Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun hojjechaa kan jiran Binnaalf Andu'aalam ALI Sadaasa 9, 2017 dhaddachatti dhiyaachuun jecha ragummaasaanii kennanii turan.
Gama biraatiin Manni Murtichaa dhaddacha ALI Mudde 3, 2017 taa'een ragaalee ittisaa Obbo Taayyee Danda'aa keessaa tokko kan ta'an Aadde Caaltuu Saanii biyya alaa jiru kan jedhu xalayaan akka isa qaqqabe himee ture.
Haa ta'u malee ragaaleen ittisaa hafan beellamwwan darban dabalatee Jimaata darbes mana murtiitti dhiyaatanii jechasaanii hinkennine.
Dhaddacha Jimaata taa'een Manni Murtichaa waraqaa waamichaa MM Abiy fi Kantiibaa Adaanachiif ergullee isaan argachuu akka hindandeenye hime.
Ogeessi poostaa angawoota lamaaniif xalayaa waamichaa geessuu deeme xalayicha itti kennuu akka hindandeenye gama rejistiraara mana murtichaan deebiin akka kennameef dhaddachichi himeera.
Kanaafis xalayaan waamichaa gama Poolisii Federaalaatiin MM Abiy Ahimad fi Kantiibaa Adaanach Abeebeef akka qaqqabu akka taasisu Manni Murtichaa himeera.
Haa ta'u malee Obbo Taayyee Danda'aa fi abukaatoonsaanii yaada gama mana murtichaatiin ka'e falmuun dhimmichi dhimma ogeessa poostaa osoo hintaanee dhimma mana murtii akka ta'e, ragaaleenis waamicha mana murtii hinfudhannu jedhan taanaan Manni murtiichaa gara tarkaanfii itti aanutti deemuu akka qabu dubbatan.
Haa ta'u malee Manni Murtichaa ragaalee ittisaa eeramaniif waraqaan waamichaa gama Poolisii Federaalaan akka geeffamuuf akka taasisu himuun Waxabajjii 30, 2017'tti beellama qabateera.












