Poolisiin Federaalaa waraqaa waamichaa MM Abiyyii fi Aadde Adaanachiif akka geessuuf manni murtii akka ajaju hime

Madda suuraa, Taayyee Danda'aa
Obbo Taayyee Danda'aan ragaa ittisaa akka isaaniif taniif kan lakkaawwatan Ministirri Mummee Abiy Ahimad fi Kantiibaa Adaanach Abeebee har'as Mana Murtiitti osoo hindhiyaatin hafan.
Deetaa Ministeera Nagaa kan turanfii miseensa Caffee Oromiyaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa, himata dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa mana isaaniitii argameera jedhame akka ofirraa ittisan Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaalu jala murtii kennuunsaa ni yaadatama.
Haaluma kanaan ragaalee ittisaa Obbo Taayyeen lakkaawwatan shan keessaa lama: Komishinarri Jeneraalaa Itti Aanaa Malaakuu Fantaa fi Ministira Nagaa kan turanfii yeroo ammaatti Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun hojjechaa kan jiran Binnaalf Andu'aalam ALI Sadaasa 9, 2017 dhaddachatti dhiyaachuun jecha ragummaasaanii kennanii turan.
Gama biraatiin Manni Murtichaa dhaddacha ALI Mudde 3, 2017 taa'een ragaalee ittisaa Obbo Taayyee Danda'aa keessaa tokko kan ta'an Aadde Caaltuu Saanii biyya alaa jiru kan jedhu xalayaan akka isa qaqqabe himee ture.
Haa ta'u malee ragaaleen ittisaa hafan beellamwwan darban dabalatee har'as mana murtiitti dhiyaatanii jechasaanii hinkennine.
Dhaddacha har'a taa'een Manni Murtichaa waraqaa waamichaa MM Abiy fi Kantiibaa Adaanachiif ergullee isaan argachuu akka hindandeenye hime.
Ogeessi poostaa angawoota lamaaniif xalayaa waamichaa geessuu deeme xalayicha itti kennuu akka hindandeenye gama rejistiraara mana murtichaan deebiin akka kennameef dhaddachichi himeera.
Kanaafis xalayaan waamichaa gama Poolisii Federaalaatiin MM Abiy Ahimad fi Kantiibaa Adaanach Abeebeef akka qaqqabu akka taasisu Manni Murtichaa himeera.
Has ta'u malee Obbo Taayyee Danda'aa fi abukaatoonsaanii yaada gama mana murtichaatiin ka'e falmuun dhimmichi dhimma ogeessa poostaa osoo hintaanee dhimma mana murtii akka ta'e, ragaaleenis waamicha mana murtii hinfudhannu jedhan taanaan Manni murtiichaa gara tarkaanfii itti aanutti deemuu akka qabu dubbatan.
Haa ta'u malee Manni Murtichaa ragaalee ittisaa eeramaniif waraqaan waamichaa gama Poolisii Federaalaan akka geeffamuuf akka taasisu himuun Waxabajjii 30, 2017'tti beellama qabateera
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama biraatiin iyyata Obbo Taayyeen dhiittaa mirgoota namoomaa anaafii maatiikoorratti raawwatame naaf yaa qoratamu jechuun iyyatan ilaalchisee Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa bu'aa qorannoosaa mana murtiif kan dhiyeesse yemmuu ta'u, Obbo Taayyeen gabaasa komishinichaarratti komii qabaachuu gaafatamanii komii akka hinqabne himaniiru.
Gaafif deebii Obbo Taayyee Danda'aa kanaan dura BBC waliin taasisaniin "Guyyaan Too'atamu sanarraa eegalee akkaataan miidiyaaleen dursanii akka yakkamaatti gabaasaa turan, herreega baankii koo seera malee cufuun maatiinkoo akka rakkatu kan godhame, ji'a afurii oliif kutaa ibsaa hin qabne keessatti qofaatti kanin hidhamee fi kaan dhihaateera" jechuun dhiittaan mirga namoomaa irratti raawwatamuu himanii turan.
Gama biraatiin abukaatoowwan shan dhabbatanii kan turan Obbo Taayyeen, Waajjirri Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa abukaatoowwankoo doorsisuun akka dhaddacharratti naaf hindhaabbanne taasiseera komachaa turunsaanii ni yaadatama. Beellamawwan darbanis abukaatoo malee dhimmasaanii ofiif hordofaa turaniiru.
Har'a garuu abukaatoo haaraa waliin dhaddacharratti argaman.












