Waa'ee gaaffii naannummaa ummata Walloo Mana Maree Federeeshiniif dhiyaate jedhame maal beekna?

Obbo Dajanee G/Maaram

Madda suuraa, Prime media

Gaaffii naannoo ta'uu ummata Walloo Mana Maree Federeeshiniif kan dhiyeessan Koree Gaaffii Naannummaa Uummata Walloofii Paartii Dimokiraatawaa Ummattoota Wallooti.

Gaaffiin naannummaa ummattoota Walloo yeroo mootummaa cee'umsaarraa eegalee ka'aa turuu kan himan Walitti Qabaan Koree Gaaffii Naannummaa Uummata Walloo Obbo Dajanee G/Maaram, waggoota lamaa as koree hundeessuun gaafii isaanii bifa haaraan kaasuu akka eegalan himaniiru.

"Xalayaa qopheeffannee gaafii keenya karaa seera qabeessaatiin Mana Maree Naannoo Amaaraattiif erga galchinee waggaafii ji'a jaha ta'eera" jedhan.

Gama biraatiin "ummanni Walloo seenaa keessatti bulchiinsa mataasaa kan qabufii diinagdee guddaa kan sochoosu ture" kan jedhan immoo Pirezidaantiin Paartii Dimokiraatawaa Ummattoota Walloo Obbo Natsaannat Xaasaw dha.

Haa ta'u malee ummatichi naannoo Amaaraa jalatti buluu erga eegalee as mirgoonni ofiin ofbulchuufii misoomuuf qabu sarbamaa turuu himan.

Kanaafis paartiin isaanii gaafii naannummaa ummattoota Walloo gama Koree Gaafii Naannummaa Uummata Walloon ka'e deeggaruun koricha waliin hojjechaa akka jiran himaniiru.

Gama biraatiin gaafii bakka bu'ummaa koreen kuni qabu ilaalchisee kan gaafataman Obbo Dajaneen, "mallattoo uummata miliyoona tokkoo ol walitti qabnee harka keenyarra jira" jedhan.

Gaafii eenyummaa...

Naannoon haaraan akka hundaa'uuf gaafii dhiyeessaa jiran sabaaf sablammoota akka Argobbaa, Affaar, Agaw, Oromoofii Amaaraa ofkeessatti kan qabate akka ta'e Obbo Dajaneen himu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaafii naannummaa dhiyeessaa jiraniif bu'urri inni ijoon eenyummaa akka ta'e himuunis, ummnanni isaan bakka bu'uun gaafii naannummaa dhiyeessaafii jiran kun afaan garagaraa yaa dubbatan malee eenyummaa waloo kan qaban akka ta'es kaasu. Ummanni kunis 'ani Walloodha' jedhanii kan of ibsan ta'uu dubbatu.

Gama biraatiin uummanni isaan bakka bu'an dhiibbaan eenyummaasaarratti xiyyeeffate irratti taasifamaa turuus Walitti Qabaan Koree Gaafii Naannummaa Uummata Walloo Obbo Dajanee G/Maaram himu.

"Eenyummaan hawaasa achi jiruu sarbameera, hawaasni achi jiru kun qooqnisaa, aadaansaa, duudhaansaa, seenaansaa bifa adda addaatiin faalameera. Karaa sodaachisuu fi dhuunfatamuun ukkaamfameeti malee hawaasni achi jiru hawaasa mataasaa danda'efii hawaasa walfakkaatudha" jedhan.

Dabalataan "hawaasni kun mirga misoomuu hinarganne; mirga guddachuu hinarganne" kan jedhan Obbo Dajaneen, uummatichi bulchiinsa gaarii dhorkatamee turuus kaasu.

"Kanaaf hawaasni sun akkuma dur sirna Haayilasillaasee fi sirna Dargii keessatti bulaa ture sanitti kophaadhumasaa of fakkaatee jiraachuu qaba, of bulchuu qaba, aadaafii duudhaasaas guddifachuu qaba" jedhan.

"Naannoon (Amaaraa) nuuf ilaaluu dideera..."

Gaafii naannummaa uummattoota Walloo Mana Maree Naannoo Amaaraatiif erga dhiyeessan waggaa tokkoo ol lakkoofsisus deebii quubsaa ta'e akka hinarganne Obbo Dajaneen dubbatu.

"Akkaataa heerri mootummaa federaalaas ta'e heerri mootummaa naannoo Amaaraa heeyyamutti waggaa tokko keessatti deebii argachuu qabdu jedha. Garuu waggaafii ji'a jaha ta'eera. Hanga ammaatti deebii nuuf hinkennine" jedhan.

"Amma booda naannoon nuuf laaluu dideera, akka ilaalus nuti abdii godhannee irraa hin eegnu" jedhan.

Haaluma kanaanis ALI Kibxata Ebla 28, 2017 gaafii naannummaa ummattoota Walloo Mana Maree Federeeshiniif dhiyeeffachuusaanii himaniiru.

Manni Maree Federeeshiniis gaafii isaanii ilaaluun deebii akka laatuuf abdii akka qaban Obbo Dajaneen BBC'tti himaniiru