Iyyaasuu Mohaammad kan Oromoo Walloo tokkummeessuuf hojjachaa ture akkamiin ajjeefame?

Iyaasuu Mohaammad Lataa Qana'ii wajjin

Madda suuraa, Leta Kenai Aga Facebook page

Iyaasuu Mohaammad Walloo qofatti osoo hin taane hawaasa Oromoo heddu biratti beekamaadha. Uummata walloo Kaaba Itoophiyaa keessatti faffaca'an walitti fiduufi eenyummaasaanii akka hin daganneef hojjataa tures jedhama.

Uummata Oromoo Walloo Oromoota kutaalee Oromiyaafi idddoo biraa jiran waliin walitti fiduufis ifaajaa akka tureefi hojiilee hedduu dalaguutu himama.

Waggaa lama dura Naannoo Amaaraa, Godina Addaa Saba Oromootii humnoota nageenya mootummaan qabamee hidhame.

Iyyaasuun bakka itti hidhamee turee baafamee ajjeefamuusaa nama ijaan argeefi wajjin hidhaa turerraa maatiin reefu akka dhagahan obboleessisaa Hamzaa Mohaammad BBCtti hime.

Ajjeefamuu Iyyaasuu maatiin kan dhagahan gaafa Kibxataa Fulbaana 26, halkan akka ta'e hima.

Iyaasuun humnoota mootummaatiin maqaa deeggaraa Shanee jedhuun hidhamee akka ture kan himu Hamzaan, "Sana dura uummata keenya daangaa Naannoo Affaar irra turaniif gargaarsa gochaafii ture" jedha.

"Reeffasaa hin arganne. Amma karaa bulchiinsotaa [bulchiinsa mootummaa] dubbataa jirra, deebii nuuf deebisan hin qaban eeggachaa jirra."

Waa'ee du'asaa ilaalchisee miidiyaa hawaasarratti baay'ee qoodamaa jira. Hawaasa Oromoo Waalloofi Oromiyaa walitti fiduuf heddu nama dhama'aa tureefi yeroo haleellaan hawaasa Walloorratti gaggeeffamaa ture uummata bira dhaabbachuun sagalee ta'aafii akka ture namoonni qoodaa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waloo Lataa Qana'ii fuula Facebook isaa gubbaatti Iyaasuu Mohaammad bara 2017 Walloorraa ka'ee Finfinnee dhufuun cidhasaarratti akka hirmaatefi waan gaafa sana Iyyaasuun dubbate barreese.

"Abbaan koo cidha abbaa Lataa hin dhufne, abbaan Lataa cidha abbaa koo hin dhufne. Dhaloonni kun wal-barbaannee dhiiga faca'e walitti qabuu qabna. Tokko ta'uu qabna. Alagaa jidduu jirra, yaa Oromoo nu hin gatinaa," jedhee dhaammatee akka ture ibse Lataan.

Yeroo hedduu miidiyaa hawaasarratti kan barreessu Lalisaa Idiriis ammoo Iyyaasuu Mohaammad wajjin bara 2018 kaasee akka wal-beekaniifi hawaasa Oromoo kaaba Itoophiyaa jiran walitti qabuuf nama danuu ifaaje akka ta'e ibse.

"Sabboonaa dhugumatti haqaaf dhalatee, haqaaf du'eedha. Naannoo Amaaraa keessatti Oromoo walitti qabuuf aarsaa hedduu kaffale. Raayyaatii hanga Jiilleetti akka namuu wal iyyaafatu taasise.

"Yejjuu 30 fi Baatee walitti fidee gaaddisa tokko jalatti nama mariisise. Kalaalaa hanga Maqdallaatti nama hidda sanyii qoratee Oromoo wal agarsiisaa ture," jedhe.

Iyaasuun nama ganna 40tti dhiyaateefi abbaa ijoollee shanii yoo ta'u, Oromoota naannoo Amaaraa keessatti afaan isaanii wallaalanii eenyummaasaanii dagatan dadammaksaas akka ture hima obboleessisaa Hamzaan.

Oromoonni Walloo akka nama bakka biraatii dhufee achitti galeetti ilaalamuun dhiibbaa jala jiraachuu kan himu Hamzaan, obboleessisaa Oromoota Walloo dabalatee warra Raayyaafi bakka biraa jiraniif eenyummaasaanii akka hin daganneef ifaajaa akka ture hima.

'Iyaasuun erga 'ajjeefamee' waggaa guuteera'

Iyyaasuun erga hidhamee waggaa lama darbuu kan hime obboleessi isaa Hamzaan, ergasii bakka inni itti hidhames ta'ee haala inni keessa ture maatin arguus dhagahuus hin dandeenye.

"Agarree hin beeknu, ani isa gaafachuu manneen hidhaa deemee baatii lamaafi guyyaa kudhanan hidhame mataa kiyyatti. Dawwee Booraarratti qabamee Kamiseefi Baatee keessatti baatii lamaafi guyyaa kudhan na dararan anallee," jechuun barbaachi taasisan akka hin milka'in hima.

Waggaa lama guutuu achi buuteesaa osoo hin beekin har'a dhufa bori dhufa jedhanii osoo eeganuu du'asaa Kibxata galgala dhagahan.

Iyaasuun bakka Awaash Arbaa jedhamutti geeffamee akka hidhameefi namni isa waliin ture akka inni ajjeefameefi erga ajjeeffamees waggaa guutuusaa maatin bilbilaan dhagahan.

Reeffasaa arganii akka hin mirkaneeffanne kan himu miseensi maatii kun nama bilbilee du'uu Iyyaasuu itti hime yoo ibsu: "Kan isaa waliin mana hidhaa Awaash Arbaa bakka jedhamu Naannoo Affaar tureedha.

"Waliin turre, akkattan isinitti himun dhabe malee inni erga wareegamee bara tokko [waggaa tokko] qaqqabeera nuun jedhe," jechuun bilbilaan akka dhagahuu hima.

Dabaluunis, "Nama shan turan, namni lama konkolaataarraa miliqanii bu'an naannoo Burqaa jedhamtutti," jechuun obboleessisaa Iyyaasuun warra miliqan keessaa akka hin taane hima.

Iyaasun jalqaba Baatee irraa qabamee Kamisee erga geeffamee booda Awaash Arbaa bakka jedhamu akka geeffameefi achii baafamuun akka ajjeefame dubbata.

"Erga qabanii booda galma Abbaa gadaa, Kamisee jiru geessan. Achii fidanii Awaash Arbaa geessan. Awaash Arbaarraa fuudhaniiti bakka Burqaa jedhamutti kan wareegame," jechuun haala obboleessisaa itti du'e ibsa.

waa'ee ajjeechaa Iyyaasuu irratti qaama nageenyaa mootummaa irraa BBC'n iyyaafatee deebii hin arganne.

Haa tahu malee, yeroo dhiyoo asitti maqaa "Shanee deeggartu" jedhuun ajjeechaa murtee seeraan alaa humnoonni mootummaa namoota nagaarratti fudhatan dabalaa dhufuu jirattoonniifi maatiin namoonni jalaa ajjeefaman BBC'tti himaniiru.

Godina Shawaa Lixaa aanaa Cobiitti, Hagayya 10, 2023 miseensi raayyaa ittisaa mana jireenyaasaaniitti ol itti lixee nama saddeet bakka tokkotti rukutee isaan keessaa namni jaha du'uu miseensi maatii miidhamtootaa BBCtti himaniiru.

Dhiyeenyuma kana Qeellam Wallaggaa magaala Dambi Doollotti ta'e jedhameen, suuraan dargaggoota afur to'annoo jala oolfamanii miidiyaa hawaasaarratti baayyee qodamaa ture.

Dargaggoota kanneen keessaa tokko kan ta'e dargaggoo Daangaa Dhinaa harkisaa duubatti hidhamee dhiignii ijarraan dhagala'aa mul'ata ture.

Boodarras dargaggoo Daangaa Dhinaa humnoota nageenyaa mootummaan magaala Dambi Doolloo keessatti ajjeefamuu BBC'n miseensa maatirraa mirkaneeffateera.

Dhaabbanni Oromo Legacy Leadership & Advocacy Association (OLLAA) fuula miidiyaa hawaasaa gubbaatti akka maxxanseen, ji'a Adoolessaa qofa keessa godiinaalee Oromiyaa garaa garaatti namoonni nagaa 29 humnoota mootummaatiin ajjeefamaniiru.

Biyyoota Gamtoomanii (UN)tti Komishiniin mirgoota namoomaa qoratu humnoonni mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti namoota nagaa murtii seeraa malee ajjeesaa, hidhaafi dararaa jiru jechuun himate.

Akka gabaasa dhaabbatichaatti namoonni kun godnaalee akka Wallaga Lixaa, Gujii Lixaa, Shawaa Lixaa, Wallaga Bahaa, Qeellam Wallaggaa, Shawaa Kabaafi Shawaa Kibba Lixaa fa'aa keessatti.