Oromiyaatti ajjeechaan namoota nagaarratti raawwatamu maaliif dhaabachuu dide?

Madda suuraa, SM
Naannoo Oromiyaa godiinota garaa garaa keessatti waggoota shanan darban keessatti ajjeechaa, dararriifi buqqaattiin lammiilee nagaarra gahu akka hin dhaabbanne jirattonni ni himu.
Humnoonni nageenya mootummaa, hidhattoonni Faannoo, akkasumas hidhattoota Waraana Bilsummaa Oromoo (WBO)n ajjeechaa, dararriifi saamiichi uummaata nagaarratti raawwatamuu yeroo gara yerootti dabaluu kaasu jiraattoonni.
Keessattuu humnoonni mootummaa namoota to'annaa seeraa jala jiran mana hidhaatii baasanii ajjeesuu, dhabamsiisuu, reebicha hamaafi miidhaa garaa garaa irraan akka gahan BBCnis maddeen garaa garaa waabeefachuun gabaasaa turuun ni yaadatama.
Yeroo dhiyoo asitti ammoo maqaa "Shanee deeggartu" jedhuun ajjeechaa murtee seeraan alaa humnoonni mootummaa namoota nagaarratti fudhatan dabalaa dhufuu jirattoonniifi maatiin namoonni jalaa ajjeefaman BBC'tti himan.
Taateen kun ammoo jalqaba ji'a Hagayyaatii kaasee godiinoota akka Shawaa Lixaafi Qeellam Wallaggaa keessatti hammaachuu himu jiraattoonni BBCn dubbise.
Dhiyeenyuma kana Qeellam Wallaggaa magaala Dambi Doollotti ta'e jedhameen, suuraan dargaggoota afur to'annoo jala oolfamanii miidiyaa hawaasaarratti baayyee qodamaa ture.
Dargaggoota kanneen keessaa tokko kan ta'e dargaggoo Daangaa Dhinaa harkisaa duubatti hidhamee dhiignii ijarraan dhagala'aa mul'ata ture.
Boodarras dargaggoo Daangaa Dhinaa humnoota nageenyaa mootummaan magaala Dambi Doolloo keessatti ajjeefamuu BBC'n miseensa maatirraa mirkaneeffateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himannaa kana ilaalchisee hanga ammaatti humni nageenyaa mootummaas ta'e qaamni mootummaa kamuu ibsa kenne hin jiru.
Miseensi maatii dargaggoo kanaa nageenyasaaf jecha maqaansaa akka hin dhahamne gaafate kun BBCtti akka himetti, gaafa Hagayya 31, 2023 namoonni afur Aanaa Anfilloo Ganda Suddiirraa qabamanii gara magaala Ashii jedhamutti geeffaman.
Daangaan namoota sadi wajjin humna nageenyaa mootummaan kan qabame yoo ta'u, "Magaala Ashii halkan tokko erga bulchanii booda magaala Dambi Doollotti fudhatanii deeman. Gaafa Jimaataa [Fulbaana 1] Dambi Doolloo geeffamee torbee dhumasaatti [Fulbaan 8] ajjeefame," jedha.
Osoo hin ajjeefamiin dura Daangaan warra wajjin qabame wajjin waajjira dhaabaa keessatti torban tokkoof hidhamee dararamaa akka tureefi dhumarratti ajjeefamee gatamuu himu miseensi maatii kun.
Dargaggoo Daangaan barataa Yuunivarsiitii Dirre Dawaa kan ture yoo ta'u, 'Shanee waliin hidhata qabda' jedhamee raayyaa ittisaan qabee akka deeme himan.
Jiraataan Aana Anfilloo nageenyasaaf jecha maqaansaa akka hin dhahamne gaafachuun BBC'tti dubbate biraa, dargaggoo Daangaa itti dhiyeenyan akka beekuufi magaala Dambi Doollootti ajjefamee gatamuu hime.
"Dargaggoota kana torban tokkoof maatiin akka hin agarre godhanii dararanii booda isaan keessaa Daangaa Dhiinaa ajjeefame. Maatin reeffa erga fuudhanii deemaniillee doorsisa meeqatu ture. Reeffiisaalleen halkan keessaa sa'aatii 2:30tti awwaalame,'' jedha jiraataan kun.
Akkasumas Godiina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaatti, namni Itoophiyaatti dheerinaan beekamu Nagawoo Jimaa, haaluma wal fakkaatuun wasiillisaa jalaa ajjeeffamu dubbata.
Wasillisaa Galgalaoo Abbishuu jedhamu ji’a Hagayyaa keessa humnoota mootummaatiin ajjeefamuufi maatii keessaa namoonni biraa madaa’uu BBCtti hime.
Taateen kun dhiyeenya magaala Maqiitti kan argamtu ganda Subii Gamootti akka raawateefi maatiin osoo buna dhugaa jiranuu raayyaan ittisaa olitti seenee "bakka shaneen jiru nutti agarsiisaa” jechuun fuudhanii akka bahan hima Nagawoon.
Obbo Jimaa Abbishuu obboleessa angafaa Galgaloo Abbishuu yoo ta’an, humnoonni mootummaa qe’eetti itti seenanii alatti fuudhanii erga bahanii booda warra kaan madeessanii obboleessa isaanii akka ajjeesan BBC'tti himan.
“Jara shanee kana beektuu jedhanii gaafatan, [isaan ammoo] hin beeknu jedhaniin. Himaa jedhanii kanarratti raawwatan,” jechuun taateen kun gaafa Hagayya 12, 2023 akka raawwatee fi namoota afur rasaasaan rukutaman keessaa dubartoonni sadi madaa’anii obboleessi isaanii akka du’e ibsu.
Ajjeeffamu obboleessisaanii guyyaa sadiin dura naannuuma sanatti namni biraallee ajjeefamuu quba akka qaban himuun, naannichatti namoonni nagaa biraa humnoota mooummaan ajjeefaman baay’ee ta’uu dubbatu.
Goddiinni Shawaa Bahaa godiinoota Oromiyaa sochiin hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo itti taasifamu keessaa yoo ta’u, humnoota mootummaa wajjin yeroo heddu walitti dhukaasuun akka jiru jiraattoonni ni himu.
Sababa lola qaamolee kana lamaan gidduuttii gaggeeffamuun namoonni nagaan haarsaa baasaa jiru. Keessumaa humnoonni mootummaa maqaa “Shanee deeggartu” jedhuun namoota nagaa hidhuu, ajjeesuufi dararuun akkasumas akka dhabamsiisan dubbatu.
‘Shanee deeggartuun manguddoo waggaa 60 ajjeesanii maatii guutuu hidhan’
Godiina Shawaa Lixaa, Aanaa Liiban Jaawwii BBCn dubbises haaluma walfakkaataa dubbatu. Aanaa Liiban ganda Haroo Maaramii jedhamutti manguddoo Guddisaa Nagawoo jedhaman gaafa Haggayya 8, 2023 manaa fuudhamanii kaampii waraanatti geeffamanii ajjeefamuu hime.
“Obbo Guddisaan manguddoo ganna 60 fi jaarsa biyyaati. [Humnoonni mootummaa] dhufanii halkan sa’aatii 11'tti itti marsan. Dubartoota lama qabu, dubartoota lamaaniifi ijoollee hunda guurratanii deeman. Ijoollee [dargaggoota] wajjira poolisii geessanii, Obbo Guddisaa ammoo kaampii raayyaa ittisaatti geessan,” jechuun waan mudate hima.
Obbo Guddisaan sababii ''shanee deeggartu'' jedhuun qabamanii erga kaampii waraanatti erga geeffamanii booda gaafuma sana rasaasan rukutamnii ajjeefamuu dubbatan.
"Rasaasa qofaa osoo hin taane saanjadhaan harkasaanii mirgaarra waraanaman. Konkolaachisaan reeffasaa akka gatuuf itti himamnaan, nama guddaa jaarsa biyyaa akkamittan gata jedhee buufata fayyaa aanaa Liibban Jaawwitti geessee sa’aatii sadiif akka to’atame odeeffannoo qabatamaan qaba,” jechuun hima jiraatan kun.
Akka BBCn mirkaneffatetti ijoollee Obbo Guddisaa Nagawoo keessaa tokko miseensa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromooti.
Humnoonni mootummaa yeroo garaa garaatti maatii ijoollensaanii miseensa WBO ta’aniifi hidhattoota kana deeggaru jedhanii shakkan manasaanii gubuu, qabeenya barbadeessuu, hidhuun dararuu akkasumas hidhaa baasanii murtoo seeraa malee tarkaanfii ajjeechaa irratti fudhachuun akka raawwatan yeroo garaa garaatti jiraattonni BBC'tti himaa turan.
Haata'u malee, himannaa jiraattootaa kanaan walqabatee mootummaan garuu qaamoolee ajeechaafi dararaa namoota nagaarratti raawwatan kanneen yoo seeratti dhiyeessu hin mul’atu.
Gama biraatiinis, hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoos mootummaa waliin hidhata qabdu jechuun ajjeechaa raawwachuufi to'atanii maallaqa olaanaa gaafachuun himatamu. Hidhattoonni kunneen garuu himannaa kana ni haalu.
"Kun rakkoo qaba jedhanii ajjeessanii biraa deeman'
Jiraataa Godiina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa kan ta'an Obbo Machii Nagaasaa baruma kana ji'a Eblaa keessa ilmisaanii Qaroo jedhamu humnoota mootummaan jalaa ajjeefamuu BBCtti himan.
Guyyaa ilmisaanii ajjeefamu sana naannoosaanitti dhukaasni akka tureefi humnoonni mokotummaa hidhattootaa WBO duuka bu'anii osoo deemanuu ilmasaanii, nama nagaa, karaatti argatanii akka ajjeesan himu.
"Inni bakka qonnaa ture, rasaasa jalaa dheessuuf jecha mandara nuu gadi jiru tokkotti gadi bu'an. Ijoolleedhuma ollaa keenyaa dheessan waliin mana araqee tokkotti goran. Innillee biqila kana hin dhugu ijoolledhuma bira taa'aa ture," jechuun waraanni mootummaa hidhattoota WBO osoo faana dhahuu bakka ilmisaanii jirutti akka itti dhufe dubbatu.
"Mana isaan turaniitti ol-itti seenanii, rurrukutaniituma taa'i, ka'i jedhaniin. Warri kaan akkuma ajajamanitti taa'anii ka'an. Xinnoo mucaan ijoollummaas qaba sossodaatetuma taa'uufi ka'uu dinnaan rukutan nuun jedhan warri bira turan," jechuun akkaataa ilmisaanii Qaroon itti ajjeefame himan.
"Ijoolleen bira jiran akkuma isaan jedhanitti ajajaman, warri akkasitti ajajame dhaanameetuma bira darbame. Mucaan ammoo sossodaatee taa'ii ka'ii sana dide natti fakkaate. Ati rakkoo qabda jedhanii [rasaasan] rukutan," jechuun bakka itti ajjeefame sa'aatii lamaa ol erga turee booda dhaqanii reeffa akka kaasan dubbatu.
Achuma Aanaa Liiban Cuqqaalarraa jiraatan biraa BBCf yaada kenne, aanaa sana keessatti humnoonni mootummaa maqaa "Shanee deeggartu" jedhuun dararaa hamaa namarraan akka gahan hime.
Yeroo dhiyoo as humnoonni mootummaa murtee seeraa malee namoota nagaa ajjeesuu, dararuufi hidhuun hammaachuu jiraattonni iddoo garaa garaatii ni himatu.
Dhiyeenuma kana ji'a Adoolessaa keessa Godiina Shawaa Lixaa aanaalee garaa garaa keessatti raayyan ittisaa namoota nagaa heddu ajjeesuu jiraattonni BBCtti himanii turan.
Keessumaa gaafa Hagayya 10, 2023 Aanaa Cobii ganda Qoricha Kootichaa keessatti raayyaan ittisaa mana tokko keessatti nama jaha ajjeesuu namoonni rasaasan rukutamanii lubbuun oolan akkasumas maatiin firoonni jalaa ajjeefaman BBCtti himanii turan.
Achuma Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu ganda Haroo Dhagaa jedhamutti namni ganna 40 Obbo Furgaasaa jedhaman bakka horii tiksanitti humna mootummaan ajjeefamuu obboleessisaanii maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan BBC'tti himuun ni yaadatama.
Dhaabbileen dhimma kanarratti maal jedhan?
Paartileen mormituu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalawa Oromoo (KFO)n ajjeechaa namoota nagaarratti bakka garaa garaatti raawwate ilaalchisuun ibsa baasaniin balaaleffatanii turan.
Dhaabbanni Oromo Legacy Leadership & Advocacy Association (OLLAA) fuula miidiyaa hawaasaa gubbaatti akka maxxanseen, ji'a Adoolessaa qofa keessa godiinaalee Oromiyaa garaa garaatti namoonni nagaa 29 humnoota mootummaatiin ajjeefamaniiru.
Akka gabaasa dhaabbatichaatti namoonni kun godnaalee akka Wallaga Lixaa, Gujii Lixaa, Shawaa Lixaa, Wallaga Bahaa, Qeellam Wallaggaa, Shawaa Kabaafi Shawaa Kibba Lixaa fa'aa keessatti.
"Mootummaan Itoophoyaa itti gaafatamummaa mirga lammiilee eegufi balaarraa ittisuu qabu akka bahuufi sarbama mirga lubbuun jiraachuu namootaa irratti raawwate kanarratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gochuu akka qabu.
"Dabalataanis hawaasi addunyaa gochaalee Dhaabbileen jechuun dhaabbileen idil-addunyaas sarbama mirga namoomaa Oromiyaa keessatti lammiilee nagaarratti raawwatu akka balaaleffataniif Oromo Legacy Leadership & Advocacy Association (OLLAAn)waamicha dhiyeesse.
Itti gaafatamummaan maaf dhabame?
Oromiyaa keessatti waggoota shanan darban keessatti bakkeewwana heddutti, yeroo garaagaraatti oduu ajjeechaa namaa dhagahuun baramaa ta'eera.
Ajjeechaa murtee seeraan alaa kanaafis yeroo heddu humnoonni mootummaafi hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo quba walitti qabu.
Keessuamaa humnoonni mootummaa yeroo tarkaanfii ajjeechaa, hidhaafi dararaa murtee seeraa malee namoota nagaarratti raawwachuun komiin irratti dhiyaatuuttu, mootummaan yoo balaaleffatuu ykn haqa namoota miidhamanii baasuu hin mul'atu.
Dhiyeenya kana, torban dhumaa ji'a Adoolessaa keessa Godiina Jimmaa Aanaa Geeratti qote bultoota mirga isaanii gaafataniif jecha qoldaaltota mootummaan osoo reebamaniifi arrabsamanuu viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa ture.
Taatee kun erga raawwatee booda qondaaltonni aanichaa uummata dhiifama gaafatanii akka turan Bulchaan Aanaa Geeraa Obbo Hawwii Sa'id BBCtti himanii turan.
Haa ta'u garuu, ajjeechaafi sarbamni mirga namoomaa qondaaltota mootummaan ykn humnoota nageenyan yeroo namoota nagaarratti raawwatan itti gaafatamummaan akka hin jirre himatu jiraattonni BBCn dubbise.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Hogganaa Damee Jimmaa kan ta'an Obbo Badhaasaa Lammeessaa ajjeechafi sarbama mirgoota namoomaa humnoonni nageenyaa Oromiyaa keessatti namoota nagaarratti raawwatan ilalachisee yeroo garaa garaa gabaasa dhiyeessaa ture himan.
Taatee dhuma torban jalqabaa ji'a Hagayyaatii kaasee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti namoota nagaarratti raawwaterratti gaafatamanii ragaa funaannataa akka jiran himan.
Hagayya 8, 2023 kaasee keessumaa Godiina Shawaa Lixaa aanaalee garaa garaa keessatti humnoonni walitti bu'iinsafi sakkattaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoon wal-qabatee namoota nagaa heddu akka ajeessan BBCn jiraattota dubbisuu gabaasee ture.
Gaafa Hagayya 11fi 12 Aanaa Cobii gandoota garaa garaa keessatti mana tokko keessatti namoonni jaha ajjeefamuu dabalatee namoonni nagaan heddu raayyaa ittisaan ajjeegamuu jiraattonni BBCtti himanii turan.
Waa'ee ajjeechaafi sarbama mirga namoomaa raawwate jedhame kanaa komishiniinsaanii eeruu argachuu kan himan Obbo Badhaasan, "Godiinota muraasa keessatti kan akka Shawaa Lixaa, kan akka Horroo Guduruu Wallaggaa, Gujiifi Shawaa Bahaa keessatti walitti bu'iinsi qaama nageenyafi qaama hidhatee jiru gidduutti jiruun namoonni qulqulluu ta'an miidhamaniiru kan jedhu eerun nuqaaqabee jira."
"Baldhisnee irratti hojjachuuf ragaa walitti qabataa jirra, sababa rakkoon nageenyaa jiruuf iddoowwan kanatti yeroo tokko tokko bilbilaanis argachuu hin dandeenyu, qaamanis argamnee dhimma kana tokko lama jennee qorachuu hin dandeenyu," jechuun dhimmicha hordofaa akka jiraniifi qaama ilaallaturraa deebii itti barbaadanii gabaasni akka bahu Obbo Badhaaasan BBCtti himan.
Qaamoleen nageenyaa mootummaa namoonni erga to'annoo seeraa jala oolanii booda murtee seeraa malee tarkaanfii ajjeechaa akka irratti raawwatan eeruu isaan qaaqabu keessaa tokko akka ta'e himu.
Dhimmoota murtee seeraa malee qaamoleen nageenyaa namoota nagaarratti ajjeechaa, reebichafi, hiraarsufi sarbama mirga namoomaa garaa garaa raawwachuu jiraattonni himatan kanarratti deebiii akka laataniif qondaaltota mootummaa sadarkaa garaa garaa qunnamuuf yaalin goone hin milkoofne.












