Shawaa Lixaatti humnoonni nageenyaa ummata nagaa ajjeessuu jiraattonni himan

Ajjeechaa fi dararaan uummatarra ga'aa jiru akka dhaabbatu paartileen siyaasaa fi jaarmiyaaleen mirga namaaf falman gaafataniiru

Godiina Shawaa Lixaa aanaalee garaa garaa keessatti humnoonni nageenyaa ajjeechaa, hidhaafi dararaa uummata nagaarraan gahuu jiraattonni BBC'tti himan.

Himannaa jiraattootaa kanarratti mootummaan ammatti kan jedhe jiraachu baatulleen, partileen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalawa Oromoo (KFO)n garuu taatee kana ilaalchisuun ibsa baasaniiru.

Aanaa Cobii keessatti namoonni nagaan hedduun ajjeefamuu maatiin namoonni jalaa du'anii fi jiraattonni ijaan argan BBC'tti himaniiru.

Jiraataa aanaa Cobii, ganda Qoricha Kootichaa Obbo Araarsaa Yaadasaa gaafa Hagayya 10, 2023 raayyaan ittisaa mana jireenyaasaaniitti ol itti lixee nama saddeet bakka tokkotti rukutee isaan keessaa namni jaha du'uu himu.

"Osuma teenyee buna dhugaa jirruu namni tokko fiigaa dhufee maal hojjattu?jedhee nutti dubbate. Nuti Afaan Oromoo malee hin beeknu waan ta'eef buna dhugna jenneen. Kanarra deebii tokko osoo nu kennin dhiiraa dubartii nama saddeet iddoo tokkotti rukute," jechuun manasaanii keessatti rukutamuu himu.

Kanneen du'an keessaa obboleettiisaanii dabalatee dubartoota lamaafi ilmasaanii wajjin dhiirota afur ta'uu himu Obbo Ararsan.

"Warra du'aa [du'a gahii] wayii deemna jennee teenyee buna dhugaa turre, warri rukutaman maqaasaanii: Dhugaasaa Magarsaa soddaa kooti, Xuruu Yaadasaa obboleettii kooti, Karrayyuu Araarsaa mucaa kooti, Daasitaa Lammeessaa haadha manaasaati. Gurmee Jifaaraafi Abarraa Jifaaraati- isaan bakkan ani jiraadhu sanaa lafa qotatuu gindii fidatanii dhufan.''

"Mucaa xinnaa wayii Hayiluu Fufaa [jedhamu] fi animmoo nama amma kanaa nu rukute," jechuun namoota kana keessaa isaan dabalatee lama qofti lubbuun hafuu dubbatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Araarsan: "Ana dhiiguma keessatti na arginaan du'eera jedhee na bira darbe," jechuun attamiin lubbuun akka itti hafan jechuun rasaasaan miilarra rukutamuu himan.

Guyyaa sana humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu dhukaasni akka ture kan gaafataman jiraatan kun, "iddoo sana homtuu hin jiru, namni dhukaases homtuu hin jiru, goodaadhuma dhufanii nu fixan malee," jechuun namoonni du'an dhukaasa qaamolee wal-lolan gidduutti akka hin duune himan.

Isaaniifi haatiiwarraasaanii qofti lubbuun hafuu kan himan Obbo Araarsan, namoonni ajjeefaman kun gaafa Jimaataa, Hagayya 11, 2023 ollaan yaa'ee akka awwaale himan.

Jiraataan biraa Aanaa Jalduu Ganda Haroo Dhagaa Dhaabaarraa BBC'n dubbise ammoo gaafa Hagayya 11, 2023 obboleessi isaanii abbaa maatii ta'e lafa loon tiksutti humnoota mootummaatin ajjeefamuu himu.

Nageenyasaaniif jecha maqaasaanii kan dhoksan jiraatan kun Obboleessisaanii Obbo Furgaasaa kan umuruun waggaa 40 fi abbaan ijoollee, humna nageenyan akka jalaa ajjeefame himu.

Obboleessasaanii kan ajjeese raayyaa ittisaa ta'uu kan himan jiraatan kun, "Dhukaasni ta'e homtuu hin jiru, akkuma tasaa ganda keenya sana seenanii bakka inni qottoo baatee horii isaa tikfatutti ajjeesan. Reffasaa naannoo sa'aatii kudhaniitti argine," jedhan.

Obboleessasaanii malee namoonni biroo rukutamaniifi kanneen reebichi irra gahes akka jiran himan jiraatan kun.

Qaamni raayyaa ittisaa wajjin walitti dhukaasu akka hin turre kan himan jiraatan kun, raayyan ittisaa aanaa Ilfataarraa dhufee ganamaan kallattii sadiin gandasaanitti akka seene himu.

Ajjeechaafi dararaa humnoonni nageenyaa uummata nagaarratti raawwatan jedhanii jiraattoonni himatan kanarratti partileen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalawa Oromoo (KFO)n ibsa baasaniin balaaleffataniiru.

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa Hagayya 12, 2023 fuula miidiyaa hawaasaa gubbaatti baaseen humnoonni mootummaa Godiina Shawaa Lixaa aanalee Amboo, Cobii, Daannoo, Gindabarat, Ilfataa, Iluu Galaan, Liiban Jaawwii fi Midaa Qanyii qonnaan bultootafi namoota nagaarratti ajjeechaa, saamicha, hidhaa jumlaa fa'aa gaggeessuu ibse.

Paartichi odeeffannoo qabatamaa argadhe jedheen mootummaan maqaa sakatta'uu WBO jedhuun duula qindaa'aa ummatarratti banuu beeksise.

"Giddugala Oromiyaa Lixa Shaggar aanoota Amboo, Daannoo, Iluu Galaan, Liiban Jaawwii, Midaa Qanyii, Ilfata, Cobiifi Gindabaratitti walduraa duubaan Hagayya, 7, 8, 10 fi 11, 2023 yakka namoomaa suukanneessaa fi hidhaa jumlaa, reebicha, saamicha qabeenyaa fi ajjeechaa jumlaa ummata nagahaa irratti raawwate," mirkaneeffachuu ibse.

Paartin Kongiresii Federaalawa Oromoos gamasaatiin ibsa Hagayya 13, 2023 baaseen, Godiina Shawaa Lixaafi godinaalee biroo keessatti ajjeechaa humnoota mootummaan namoota nagaarratti raawwate akka balaaleffatu ibse.

''Duula haaloo ummata nagaarratti bahuu fakkaatuun Haagayya guyyaa 4, 2015 ALI Aanaa Cobii ganda Bakkee Hoofuu jedhamutti gaggeefameen, namoonni 11 haala suukaneessaan humnoota mootummaatiin ajjefamanii jiru," jedha ibsa isaatiin.

Akkasumas Dhaabbanni Oromo Legacy Leadership & Advocacy Association (OLLAA) fuula Tiwitaraa gubbaatti, aanaa Cobiitti namoonni 12 humnoota mootummaan bifa suukaneessan ajjeefamuu ibsuun kanneen namoota nagaarratti ajjeechaa raawwatanis mootummaan seeran akka gaafatuuf waamicha dhiyeesse.

Namoonni maatiin jalaa ajjeefaman, kanneen madaa'aniifi ijaan argan, Aanaa Jalduufi Aanaa Cobiirraa BBC'n dubbise, humnoonni nageenyaa mootummaa uummata nagaa ajjeesufi miidhaa qaamaa irraan gahuu himan.

'Tokko tokkoon waamanii ajjeesan'

Aanaa Cobiirraa ganda Bakkee Hoofuurraa barataan Yuunivarsiitii tokko rasaasan rukutamee ajjeechaa jalaa miliquu BBC'tti hime, humni raayyaa ittisaa isa dabalatee namoota afur qe'eedhaa fuudhee bakka biraa geessuun namoota sadi biraa ajjeesuufi inni jalaa fiigee miliquu dubbata.

Barataan ''du'arraan hafe'' jedhuufi nageenyasaaf jecha maqaansaa akka hin dhahamne gaafate kun, raayyaan ittisaa isa dabalatee namoota sadi: Obbo Mogoraa Milkessaa Badhaasaa, Obbo Fiixaa Milkeessaa Qaja'aa fi dargaggoo Tolasaa Dirribsaa qabanii erga deemanii booda bakka tokkotti ajjeesuu hima.

"Iddoo tokkoo nama afur nu qabanii ba'aa nu baachisanii fageenya dheeraa erga nu deemsisanii booda bakka tokko ga'anii osoo gaaffii tokko nu hin gaafatiin rasaasan nu fixan.

"Yeroo isaan nu waamanii tokko tokkoon nu ajjeesuu jalqaban, osoon arguu hin du'u jedheen osuma natti dhukaasanuu fiige baqadhe. Baay'ee natti dhukaasan, garuu rasaasa tokko qofatu nyaararra na rukute," jedha dargaggoon kun.

Achuma Aanaa Cobii Ganda Bakkee Hoofuutii dargaggoon biraa BBC'f yaada kenne dhuguma namoonni sadi bakka tokkotti ajjeefamuufi barataan yuunivarsiitii boqonnaaf biyya jiru rasaasan rukutamee baqachuu hime.

Dargaggoon kun namoonni ajjeefaman namoota nagaa akka ta'an himuun garuu guyyaadhuma sana erga ajjeechaan kun raawwatee booda humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gandasaanitti dhukaasni akka ture hime.

Raayyaan ittisa biyyaas ganda Bakkee Hoofutti kan bobba'e sakattaa hidhattoota Waraanaa Bilsiummaa Oromoof ta'uu akka hin oolle hime.

Naannoo Oromiyaa bakkeewwan sababa walitti bu'iinsa hidhattoota WBO fi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamuun lammiileen nagaan itti gaaga'aman keessaa tokko aanaalee Godiina Shawaa Lixaati.

Godinaalen Lixa Oromiyaa, Gujii, Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa fa'aas bakkeewwan sababa nageenyi dhabamuun duuti, hidhaafi dararaan lammilerra gahu itti fufeedha.

Bara darbe ji'a Onkoloolessaa keessa Aanaa Cobiitti haleellaa diroonii mootummaan gaggeesseen namoonni nagaan ajjeefamuusaanii jiraattonniifi maatiin namoonni jalaa du'an himanii turan.

Ajjeechaa lammiilee nagaarratti raawwate jechuun jiraattonniifi maatiin namoota du'anii himatan kana irratti yaada qondaaltota mootummaa aanichaafi godinichaarraa argachuuf BBCn taasise hin milkoofne. Yeroo nutti dubbachuuf fedha qabaatan kamiittuu ni keessumeessina.

Ji'oota muraasa dura mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti Tanzaaniyaatti gaggeeffame wal-hubannoo gaaridhaan xumarame jedhamus, waraanni humnoota mootummaafi hidhatoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeeffamu ammas hin dhaabanne.