Haleellaa Finoota Salaamitti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 25 ajjeefamaniiru - Hospitaala

Madda suuraa, FINOTE SELAM COMM.
Naannoo Amaaraa Godina Gojjam Lixaa magaalaa Finoota Salaamitti haleellaa raawwateen yoo xiqqaate namoonni 25 ajjeefamuu BBC’n jiraattotaafi maddeen hospitaalaarraa odeeffate.
Maddeen kunneen namoonni dabalataa 70 ol ta’an immoo madaa'uu himan.
Haleellaan ALI Hagayya 07, 2015 barfatarra giddugala magaalaarratti raawwateen walqabatee jiraattonni BBC’n dubbise kaan meeshaa jabaa kaan immoo dirooniin raawwatuu himan.
Haleellaa kana irratti mootummaan waan jedhe hin qabu.
Walitti bu’iinsi humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo magaalaa gurguddoo naannichaa keessaa bahus bakkeewwan birootti itti fufuu jiraattonni ibsaniiru.
Jiraataan magaalichaa tokko BBC’n dubbise gaafa Dilbataa haleellaan Finoota Salaamitti raawwate dirooniidhaani jechuun ibsan.
Kan inni qiyyeeffatees konkolaataa fe'isaa Sinoo Tiraak jedhamuufi addabaabayii magaalattiirra dhaabate jiru ta’u himan.
‘’Bakkicha hidhattooti sinoo Tiraakiin fe’amanii adeemaa turan adda baabayiirratti dhaabatanii turan. Haleellaan isaanirrati qiyyaafate.
‘’Haa ta’u malee, sinotiraakiin kuni bakkichaa erga sosso’ee daqiiqaa 20 booda kan dho’iinsi mudate.
''Achii dargaggoota aysuzuu [konkolaataa] gubbaa jiraniifi namoota bakkicha sosso’aa turanirratti haleellaan dhaqqabe,’’ jedhan.
Haleellaa teessoo bulchiinsa Godina Goojjam Bahaa kan taate Finoota Salaamitti raawwate hordofee namoonni hedduu ajjeefamuufi miidhamuu jiraattonni ibsaniiru.
Haa ta’u malee, lakkoofsa namoota haleellaa kanaan lubbuu dhaban baruun ni rakkisa.
Jiraattonni BBC'n dubbise lakkoofsa namoota ajjeefaman 25 hanga 70 ta’uu himu.
BBC’n hospitaala ijoo mootummaa magaalicha jirurraa akka odeeffateetti namoonni 26 halleellaa dhaqqabeen lubbuu dhabaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hakiimni Hospitaala Finoota Salaam maqaan isaanii akka dhahamuu hin feene tokko miidhaan kan dhaqqabe ganama sa’aatii 3:30 - 4:00 gidduu ta'uu himan.
‘’Kan dhaqqabe dho’iinsadha. Maalummaa dho’insa kanaa garuu baruu hin dandeenye,’’ jedhan.
Hakiimni kuni haleellaa mudatee hordofee namoonni hedduu miidhamanii gara isaanii dhufuu himan.
‘’Namoonni wal’aansa barbaadan ammallee dhufaa jiru. Hanga 70 kan ta’an gara hospitaalaa dhufaniiru,‘‘ jedhan.
Maddeen hospitaalichaa namoonni hedduu akka lubbuu dhaban tilmaamu. Haa ta’u malee, hospitaalicha keessa kanneen du’anii galmaa’an 26 ta’uu ibsan.
Dabaluunis, doktarri hospitaalichaa namoonni 22 bakkuma haleellaan raawwatetti ajjeefaman jedhan. Namoonni afur ammoo erga hospitaala seenanii booda du’an.
Hanqina meeshaalee wal’aansa fayyaarraa kan ka’e namoota miidhamaniif tajaajila wal’aansaa kennuun akka hin danda’amne ogeeyyiin fayyaa BBC'tti himaniiru.
Ogeeyyiin kuni haleellaan sun erga raawwatee booda maatiin namoota jalaa du’an fi miidhaman naasuudhaan kaasanii gara manaatti akka geessanis himan.
Yeroo ammaa miidhamanii hospitaalatti yaalamaa kan jiran namoota 55 ta’uu fi hanga Wiixata ganamaatti namoonni miidhaman gara hospitaalaa dhufaa akka turan madden hospitaalaa BBC'tti himaniiru.
Haleelaa kaleessa (Dilbata, Hagayya 13, 2023) raawwateen namoonni miidhamanii hospitaala Finoota Salaam seenan 81 yoo ta’an, kanneen keessaa hanga ammaatti 26 du’aniiru.

Madda suuraa, getty images
Namoonni miidhamanii hospitaala hin dhufne, kanneen du’anii osoo hospitaala hin dhufin awwaalaman, akkasumas kanneen gara dhaabbilee fayyaa biroo geeffaman waan jiraniif, lakkoofsi namoota miidhamanii fi du’anii kana caaluu akka danda’u hakiimni kun himaniiru.
Jiraataan magaalattii BBCn dubbise tokko ''hiriyoota koo afur dabalatee namoonni 40 caalan ajjeefamaniiru.
''Namoonni naasuu fi sodaarraa kan ka’e mana cufatan waan jiraniif odeeffannoo guutuun waan walitti hin qabamneef malee miidhaan qaqqabe kana caala,’’ jedhan.
Barataan miidhaan irra qaqabuun ammatti hospitaala keessatti argamu tokko BBCtti akka himeetti, ‘‘mi’a bituuf bakkan baheettan dhohiinsa adabaabaayiirratti mudateen rukutame,’’ jedheera.
''Itti dabalunis balichaan dura, ‘‘dargaggoonni konkolaataarraa sirbanii fi namoonni baay’een eddichatti socho’aa akka turan,’’ yaadata.
Namoonni naannawa dhohinsichaa turan baay'eerra miidhaa qaqqabuu kan dubatu barataan kun, ‘‘namoota baayeetu miidhame.
''Ana cinaadhaa mataasaa reeffa shaniitu kaafame,’’ jechuun mataa fi miilasaarra miidhaan qaqqabee wallaansarratti akka argamu hime.
Kanneen haleellaa Magaalaa Finoota Salaamitti raawwatameen miidhaan irra qaqqabee ‘‘irra caalaan dargaggoota yoo ta’an, waggaa 15 kaasee kan hanga 20 ta’an keessatti akka argaman’’ maddeen hospitaalichaa himaniiru.
Isaan keessattis ‘‘ijoollee wagga 13 fi 14 ta'en agarreerra’’ kan jedhan oggeessi fayyaa, ‘‘baay’eensaanii kan miidhaa cimaan irra gaheedha’’ jedhan.
Namoonni Hospitaala Finoota Salaamiitti wallaansa hordofaa jiran kan miidhaan qaamaa cimaan, ijji miidhame, kan lafeensaanii cabee fi kan wallaansaa cimaa gara biraa barbaachisuudha jedhan.
Yeroo ammaattis miidhamtoonni 55 hospitaala Finoota Salaam jiru kan jedhan hakimiichi kun, hospitaalichi duraanuu hanqina dhiyeessitii kan qabu ta’u eeruun, amma immo daandiileen dargaggoota naannichaatiin cufamusaaniitti hanqinni dhiyeessitii olaanaan mudachu dubbatan.
Walitti bu’iinsa dhuma baatii Adoolessaa irraa kaasuun naannoo Amaaraa eddoowwan garaa garaatti humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo jidduutti eegaleen wal qabatee, naannichatti tasgabbiin waan dhabameef labsiin yeroo muddamaa labsameera.
Kana hordofuunis raayyaan ittisa biyyaa naannicha keessatti bobbaafamuun magaalota hedduu hidhattoota harkaa bilisa baasuu torban darbe beeksisee ture.
Sababii walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo jidduutti mudateen, namoonni nagaa ammatti lakkoofsi isaanii adda hin baafamne ajjeeffamuu maddeen hospitaalaafi maatiin BBC’tti himan.
Walitti bu’iinsicha keessattis haleellaan meeshaa gurguddaa fi qilleensaa raawwatamuu himan jiraattoonni.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas haleellaan meeshaalee gurguddaafi qilleensaa magaalota Dabra Birhaan, Finoota Salaam fi Bureetti namoota nagaafi gamoowwan jireenyaa irra miidhaa qaqabsiisuu maddeen amanamoorraa adda baafachuu ibseera.












