Walitti bu'insa naannoo Amaaraatiin aanga'aan mootummaa ajjeeffamu KMNI ibsame

Madda suuraa, getty Images
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI)n ibsa isaa walitti bu'insi Naannoo Amaaraa atattamaan akka dhaabbatu ittiin gaafateen, naannichatti aanga'aan mootummaa ajjeeffamu beksiiseera.
Komishinichi ibsa har'a Hagayya 14, 2023 baaseen, Naannoo Amaaraatti aanga'oonni mootummaa sadarkaalee adda addaatti argaman irratti qiyyeeffannaan taasifamee ture kan jedhe yoo ta'u, eddoowwan naannichaa garaagaratti caasaalee mootummaa diigamuun alatti aanga'oota irratti ajjeechaan raawwatameera jedhe.
Magaalota Naannoo Amaaraa sadiitti haleellaa qilleensaafi meeshaa jabaa raawwateen lammiileen nagaa lubbuu dhabuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise.
Komishinichi magaalootaa fi naannawa magaalootaatti walitti bu'insi raawwatamu mirkanneesseera kan jedhe yoo ta'u, kanaanis meeshaaleen waraanaa cicimoon itti dhima bahamuufi namoota nageenyaafi qabeenyaarra miidhaan qaqqabuu ibseera.
Keessattuu mormiitoonni daandiilee cufuu yaalaniifi namoonni kaan ajjeeffamuu, manneen hidhaa naannichatti argaman fi buufataalee poolisii irratti saamichi raawwatamuun, meeshaaleen waraanaafi kanneen dhookaafaman biraa hatamuu, hidhamtoonni murtee eeggataa turaniifi kanneen itti murtaa'ee hidhaarratti argaman akka miliqan taasifamuu KMNI ibse.
Komishinichis sarbamni dabalataa akka hin raawwanne mootummaafi hidhattoonni Faannoo walitti bu'iinsa dhaabuun gara mariitti akka deebi’an gaafateera.
KMNI ''gabaasonni amanamoo haleellaan qilleensaa fi haleellaan meeshaa jabaa Dabra Birhaan, Finoota Salaam fi Bureetti lammiilee nagaa hedduu galaafatuufi bakkee jireenyaa mancaasuu,'' odeeffatuu ibse.
Yeroo walitti bu’iinsaa qondaaltonni Naannoo Amaaraa sadarkaa garagaraarra jiran irratti xiyyeeffatamuus ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkaatuma kanaanis kan ajjeefaman akka jiran ibse, garuu lakkoofsaan adda baasuun hin dubbanne.
Mirgi namoomaa yeroo walitti bu’iinsaallee kabajamuu akka qabu kan gaafate komishinichi, magaalaa Finfinnee keessas lammiileen nagaan ''bal’inaan hidhamuu,'' himeera.
Ibsi komishinichaa kuni yeroo magaaloti ijoo naannichaa jiruu idileetti deebi’aa jiraniifi miidhaan walitti bu’insichaan dhaqqaban yeroo ifa bahanitti dhagahame.
Akka dhaabbanni kun ibsetti, walitti bu’iinsi humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduu magaalota gurguddoo keessa tasgabbaa’us, kaanitti itti fufeera.
Mootummaan Labsii Muddamaa labsuun tarkaanfii erga fudhatee booda magaalonni yeroo gabaabaa keessa jireenya idileetti deebi'uu ibse.
Walitti bu’iinsa naannicha keessa jiru ''yaaddoo guddaan'' hordofaa jiraachuu kan ibse komishinichi, dhaabbileen akka IGAD, AU, UN fa’i marii nagaa akka mijeessan waamicha dhiheesseera.
Gama kaaniin, walitti bu’iinsa meeshaa jajjaboo hojiirra oolaniin lammiilee nagaarratti ajjeechaan, darbees miidhaan dhaqqabuu ibse.
BBC’n torban dura jiraattotaafi maddeen hospitaalaarraa akka odeeffateetti lammiileen nagaa walitti bu’iinsa keessa lubbuu dhabaniiru.
Kanneen du’an keessa mormitoonni daandii dhagaan cufuuf yaalan akka jiran komishinichi ibse.
Yeroo walitti bu’iinsi hammaatetti, tajaajiloonni bu’uuraa kanneen akka ibsaa, bishaan, hospitaalaafi kaan adda citanii akka turan jiraattonni ibsaniiru.
Tajaajiloota bu’uuraa argachuun rakkisaa ta’u kan ibse komishinichi, jiraattonni mana keessa akka turan dirqamuu ibse.
Kunis, buqqaatota biyya keessaafi alaa naannicha keessa qubataniif haala rakkisaa uumuufi deeggarsi namoomaallee danqamu beeksise.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sababa rakkoo Naannoo Amaaraa keessa jiruun deeggarsa geessuu rakkachuu ibsee ture.
Miidhaa dhaqqabe
Magaalaa Dabra Birhaanitti gandoota afur nami keessa baay’atutti Hagayya 06 – 07, 2023 walitti bu’iinsa cimaa tureen lammiileen nagaa ajjeefamuu ibse.
Akka komishinichaatti, kunneen hospitaala, mana sagadaa, mana barnootaa, bakka hojiifi qe’ee jiraatan keessatti ajjeefaman.
Magaalaa Baahirdaaritti dargaggoonni daandiirraa yookiin mana isaaniitin ala ajjeefamuu ibse. Kaanimmoo yeroo sakattaan taasifamu dararaafi ajjeechaaf saaxilamuu hime.
Magaalaa Gondariitti lammiileen nagaa miidhamuu fi Shawaa Roobit keessattimmoo humnoonni nageenyaa ajjeechaa murti seeraa malee raawwatan jechuun himate.
Akka komishinichi ibsetti, kunneen si’achi qoratamuuf jedhu.
Kanneen hidhaaf saaxilaman jedhe keessa godaantonni Ertiraa jiraachuu maatiirra odeeffachuu hime.
Mootummaan Itoophiyaa walitti bu’iinsa Naannoo Amaaraa keessa mudateen lammiileen nagaa miidhamuu ibseera. Haata’u malee, lakkoofsaan waan ibse hin qabu.
Walitti bu’iinsi humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo hammaatuu hordofee ture torban darbe Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa Labsii Muddamaa kan labse.
Hidhattoota Faannoo yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa Raayyaa Ittisaa bira dhaabataniifi yeroo ammaa humnoota mootummaa lolaa jiran ''mootummaa naannichaa fonqolchuuf'' yaada qabu jechuun mootummaan himata.
Hidhattooti kunimmoo Raayyaan Ittisaa keessumaa naannolee ollaarraa humna balaa ofirraa ittisuu ummata Amaaraa laaffisuf socho'a jechuun himatu.












