'Magaalota Naannoo Amaaratti nageenyiifi sochiin idilee deebi'eera' - Mootummaa

Dr. Laggasaa Tulluu

Madda suuraa, FBC

Magaalonni Naannoo Amaaraa sababa rakkoo nageenyaan sochiin dhaabatee ture gara jiruu idileetti deebi'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Naannoo Amaaraa magaalota kanneen akka Bahiir Daarfi Gondar fa'aa keessatti humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota Faannoo ofiin jedhan gidduutti walitti bu'iinsi gaggeeffamaa ture.

Mootummaan labsii yeroo hatattamaa labsuun tarkaanfii erga fudhachuu eegalee magaalota kanneen humnoota mootummaa lolan harkaa baasuu beeksisee ture.

Ministiirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) ibsa har'a kennaniin magaalota kanneen keessatti nageenyiifi sochiin danqamee ture iddootti deebi'uu himan.

Garee mootummaan 'saamtotaafi waanbadee' jedhuratti meeshaa lafa kaa'anii humnoota nageenyaatti harka kennachuu waan didaniif tarkaanfii irratti fudhachuu ibsan Dr. Laggasaan.

"Gareen finxaalessaafi saamtotaa magaalota jahan keessaafi naannawa sana ture meeshaa lafa kaa'ee humnoota nageenyaatti akka harka laatu carraa kennameefitti fayyadamuu waan dideef, magaalota kanneenfi naannawaa sanatti tarkaanfin seeraa fudhatamee seerri kabajameera," jedhan.

Humnoota kanarratti tarkaanfiin mootummaan fudhate akka milkaa'uuf uummanni naannichaa gahee guddaa taphateeras jedhan.

"Hawaasni naannichaa gochaa garee saamtotaatiin waan gidirfameef qaamoleen seera kabachiisan dirqamasaanii milkaa'inaan akka bahaniif waan isaanirraa eegamu hunda godhaniiru," jechuun galateeffatan.

Magaalonni Naannoo Amaaraa kunneen yaaddoo nageenyaa humnoota kanaarraa guutummaatti bilisa ta'uu kan himan Dr. Laggaasaan, Raayyaan Ittisaafi humnoonni nageenyaa humnoota kanneen bakka isaan dhokatanitti hordofuun tarkaanfii fudhataa akka jiran himan.

Sababa rakkoo nageenyaan balaliiwwan Naannoo Amaaraatti taasifamu, dhaabbatee tures guyyaa kaleessaa, Hagayya 10 irraa kaasee eegaluusaas himan.

Haa ta'u malee balaliin gara Laalibalaatti taasifamu boru Hagayya 12rraa kaasee akka eegalu Daandin Qilleensa Itoophiyaa beeksiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tajaajilli Kominikeeshiinii Mootummaa ibsa baase kanaan magaalota Naannoo Amaaraa harka humnoota "garee saamtotaafi finxaaleyyii" jedhu harkaa baasuun sochiin idilee iddootti deebi'uu hime.

Turistooti biyyoota garaa garaa keessumaa magaala Bahiir Daarifi Gondar keessa jiran gara Fifinneefi biyyasaanitti akka deebi'anis godhamaa jiras jedhame.

Tajaajilli mootummaafi dhaabbilee dhuunfaa magaalota jahan kana keessatti guutammaan ta'uu baatus hojii eegaluus ibse Tajaajilli Kominikeeshinii Itoophiyaa.

Dabalataanis, "garee saamtotaa" jedhee kan mootummaan ibsu hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan, naannichatti bakkeewwan seena qabeessafi bakkeewwan amantii dahoo godhachuun Raayyan Ittisaa waan bakkeewwan seena qabeeyyiifi manneen amantii rukutu fakkeessuun holola miidiyaa gaggeessaa akka jirus himan.

Ibsa kanaan hidhattoonni kun kanneen qaamolee nageenyaa mootummaa keessaa gananii bahan tokko tokko fayyadamuun, kaan ammoo dargaggoota naannichaa faayidaa garaa garaan sossobuun magaalota naannichaa to'achuu akka danda'aniifi tarkaanfii qindaa'aa mootummaan fudhateen kaayyoon hidhattoota kanaa fashalaa'utu ibsame.

"Namoonni siyaasaa karaa gabaabaan aangoo qabachuuf dheebotan garee finxaalessaafi saamtotaa kanatti fayyadamaniiru."

"Gareen finxaalessaafi saamtotaa kun, uummata ni saama, kanneen uummata tajaajilan ni ajjeessa, daandii ni cufa, dhaabbilee tajaajila kennan ni saama, meeshaa [waraanaa] ni daldala," jedhan Dr. Laggasaa Tulluu ibsa kennan kanaan.

'Uummata Naannoo Amaaraa naannolee biroon walitti buusuurratti hojjata'

Hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan haasaafi ibsa karaa miidiyaalee hawaasatiin kennan irratti yeroo hedduu haasaa saboota biroo xiqqeessufi fedhii daangaa babal'ifannaa agarsiisu osoo dubbatanii ni dhagahamu.

Mootummaan ibsa har'a kenneenis humnoonni kun uummata Amaaraa uummata naannolee biroo wajjin walitti buusuurratti akka hojjatu ifa godhe.

"Uummata naannichaa [Naannoo Amaaraa] uummattoota biyya keenyaa kaan waliin walitti buusuu hojii kooti jedhee hojjata," jechuun mootummaan obsa fixatee tarkaanfitti akka seenetu ibame.

Mootummaan Nannoo Amaaraa sochiin hidhattoonni nannichatti gaggeessan humna mootummaa naannichaatin ol-ta'uurraa kan ka'e mootummaan federeraalaa akka gidduu galuuf torbee tokko dura gaafachuun ni yaadatamu.

Kanumarraa ka'uun Manni Maree Ministeerotaa Adoolessa 4, bara 2023 Labsii Yeroo Muddamaa ji'a jahaaf turu labse.

Labsicha hordofee mootummaan federaalaa Raayyaa Ittisaa bobbaasun tarkaanfii fudhachuu eegale.

Mootummaan Labsii Yeroo Muddamaa labsee osoo tarkaanfii hin fudhanne balaan guddaan uumamuuf akka ture ibsan Dr. Laggasaan.

"Mootummaan haala kana [labsii yeroo muddamaa] osoo uumuu baatee, magaalonni kunneen gara jeequmsaafi badii guddaa keessa akka seenan ifatti kan beekamuudha," jechuun mootummaan osoo tarkaanfii hin fudhatin dura jaarsoliifi abbootii amantii humnoota kanatti erguun karaa nagaa akka filatan obsaan eegaa turuu himan.