Godina Qellam Wallaggaa keessaa ibsaa argataa kan jiran aanaalee lama qofa- Qondaala Humna ibsaa

Ibsaan magaalaa Dambi Doolloof karaa Gambeelaa dhufaaf

Madda suuraa, OBN

Magaalaa guddoo Godina Qellam Wallaggaa- Dambi Doolloo dabalatee aanaaleen godinichaa hedduun tajaajila ibsaa qixa sirrii ta'een argachaa akka hin jirre, Hoogganaan Humna Ibsaa magaala Dambi Doolloo Obbo Lalisaa Ayyaanaa BBC'tti himan.

Naannoolee Lixa Itoophiyaa keessaa naannoo Gambeelaa waliin humna ibsaa kan qooddatu magaalli Dambi Doolloo tajaajila ibsaa ga'aa ta'e dhabamuutti jiraattonni komii kaasaa turan.

''Aanaalee Godina Qellam Wallaggaa keessaa aanaa lama qofa kan ibsaa argatu. Magaalaa Dambi Doolloo dabalatee aanaaleen sagal dukkanuma keessa turan,'' jedhan.

Akka hoogganaan kun jedhanitti, aanaaleen ibsaa argataa jiran Gidaamii fi Haroo Sabbuu yoo ta'an, isaanis humna ibsaa isa sarara karaa magaalaa Gimbiirraan dhufu kan fayyadamanidha.

''Aanaan Gidaamii buufata humna ibsaa xiqqaa (Substation) kan mataasaa magaalaa Gimbiirraa qaba. Haroon Sabbuus akkasuma Gimbiirraa argata. Isaan sa'aatii 24 guutuu ibsaa argatu,'' jedhan.

Aanaalee fi magaalota rakkoo ibsaa qaban keessaa, jiraattonni magaalaa Dambi Doolloo ibsaan durumaan adda ciccitaa akka turee fi erga guutummaatti badee ammoo ji'a lamaa ol ta'uu miidiyaa biyyattii OBN'tti himan.

Rakkoo tiraanisfoormarii fi muka sararri ibsaa irra diriiree jiruun walqabatee tajaajila ibsaa hawaasa biraan ga'uun humnasaanii ol ta'uu himan Obbo Lalisaan.

Maddi rakkoo maali?

Ibsaan magaalaa Dambi Doolloo babbaduunsaa kan beekameedha kan jedhan Obbo Lalisaa Ayyaanaa, utubaan sarara ibsaa baatee Gambeelarraa gara magaalattii geessu waggaa dheeraa tajaajiluurraa rakkoon kuN madde jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Ibsaan kun kan diriirfame bara bulchiinsa dargiiti. Bara 1980oota keessa. Sanuu utubaan sarara ibsaa baatee jiru muka malee sibiila miti. Erga dhaabbatee waggaa 36 ni ta'a. Garuu hanga har'aa osoo hin haaromfamin jira,'' jechuun madda rakkoo kanaa ibsu.

Rakkoo misoomaawwan bu'uuraa humna ibsaan cinaatti rakkoon nageenyaas tajaajila ibsaa hawaasaaf dhiyeessuurratti gufuu akka ta'e himan.

Obbo Lalisaan akka jedhanitti rakkoon akka furamuuf qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatutti iyyatanis deebii hin arganne.

''Muki waggaa dheeraaf ture kun gara sibiilaatti akka geeddaramuuf bulchiinsaa fi qaama ilaallatu hunda xalayaan gaafanneerra. Nuti hanga humna keenyaa deemneerra. Garuu ni hojjetama jechuu malee waan hojjetamee hawaasa fayyade hin argine.''

Kanarraa kan ka'e ibsaan magaalaa Dambi Doolloo kan duraan darbee darbeellee dhufaa ture, yeroo ammaa rakkoon kun hammaateera jedhan.

''Pooliiwwan ibsaa dulloomuurraa kan ka'e 60 ol kan ta'an jiganiiru. Kana hojjechiisuuf ammoo daandiin konkolaataa mijataa miti. Bakka pooliiwwan kun jijjigan kanatti poolii haaraa geessuun yeroo ammaa baayyee rakkisaadha.''

Bakki pooliin itti dhaabamuu qabu karaa konkolaataarraa fagoo waan ta'eef namaan baatamee dhaquu qaba kan jedhan Obbo Lalisaan, ''namni hanga daqiiqaa 45 baatee geessuu qaba. Sanuu haalli nageenyaa fi bu'aa bayiin haala teessuma lafaa rakkisaadha,'' jedhan.

Sababa kanaan uummanni ibsaa dhabee rakkoo keessa jiraachuu kan himan Obbo Lalisaan, sirreessuuf yoo yaalanis qormaati akka isaan mudate himan.

Sararri ibsaa naannoo Gambeelaan, tajaajilli uummataa ammoo Oromiyaadhaan hoogganamuunsaa rakkicha daran walxaxaa taasise jedhu.

''Hojjetaan keenya sarara babbade sirreessuuf itti deemeera. Sararri kun mootummaa naannoo Gambeelaatiin hoogganama. Tajaajila kan kennu ammoo Oromiyaa keessatti. Bulchiinsa lama jala ta'uunsaa dhiibbaa geessisaa jira. Kanaafuu isuma kana suphinee furmaata yeroof kennuufiyyuu dhiibbaa jala jirra.''

Akka Obbo Lalisaan jedhanitti bakka rakkoon mudate suphuun tajaajila uummataaf deebisuufilee naannoo Gambeelaarraa eeyyama gaafachuu qabu.

''Eeyyamasaanii erga gaafannee booda hojjetaan keenya fageenya dheeraa imaluun bakka poolii suphuu deemu. Bajanni isaas naannoo Gambeelaan hoogganama waan ta'eef kunis qormaata kan biraadha.''

Rakkoon kun akka furaamuuf waggoota sadii oliif qaama dhimmi ilaallatutti iyyatanii deebii dhabuu kan himan Obbo Lalisaan, mootummaan haala kana ilaalee furmaata hin kennu taanaan rakkoon kun ammalee itti fufa jedhan.

''Sararri mukaan jiru kun sibiilaan bakka buufamuu qaba. Oromiyaa jalatti deebi'uu qabas. Oromiyaa keessaan kallattii Gimbiirraan, Gidaamirraan jira. Kallattii sanarraan hin hojjetamu yoo ta'e uummanni ammallee rakkooma keessa jiraata.''

Bulchaa godina Qellam Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa tajaajilli humni ibsaa Magaalaa Dambi Doolloo fi naannoo isheef kennaa jiru qubsa akka hintaane OBNtti himan.

Rakkoon ibsaa kun akka furamuuf qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu waliin dubbatanis, waadaa galuurraan kan hafe hanga ammaatti wanti hojjetame akka hin jirre ibsan.

Kanarraa kan ka'e hawaasni rakkoo hawaas-dinaagdee cimaaf saxilamee jira jedhan.

Rakkoon ibsaa kun tajaajila dhaabbileen magaalaa Dambi Doolloo keessa jiran kanneen akka hospitaalaa, yuuniversitii, manneen barnootaa fi dhaabbileen tajaajilaa garaagaraa kennan akka gufachiisu himan Obbo Lalisaan.

Humni ibsaa magaalaan Dambi Doolloo fi aanaaleen Godina Qellam Wallaggaa hedduun argatan sarara magaalaa Mattuu irraa kaasee hanga Gambeelaatti diriiree jiru irraati.

Akka Obbo Lalisaan jedhanitti sararri Mattuu irraa hanga Gambeelaatti jiru gara utubaa sibiilaatti geeddrameera, kana Gambeela irraa Dambi Doolloo seenu garuu mukuma waggaa 36 dura dhaabbateen jira.