Fedhasaa Shuumaa: Dargaggoo Dambi-Doolloo ibsaan manasaatii badee hin beekne

Fedhasaa Shuumaa

Madda suuraa, Fedhesa Shuma

Itoophiyaa keessatti namni ibsaan manasaatii badee hin beekne dargaggoo Dambi-Doolloo, Fedhasaa Shuumaa, qofaadha jedhe Ministeerri Hojiifi Ogummaa.

Ministeerichi hojii kalaqaa Fedhasaa ilaalchisuun fuula Linkidiin isaarratti akka barreessetti, dargaggoon abbaa qalaqaa ta’e kun waan namni ni ta’a jedhee yaadee hin beekne jenereetara sagalee hin qabneefi naafxaas ta’e beenzila malee hojjetu kalaqee agarsiiseera.

Tekinooloojiin dargaggeessa Dambi-Doolloo kun filannoo inarsjii keessatti warraaqsa kan uumuu danda’u akka ta’e kan eere Ministeerichi, carraaqqii baayyeen booda jenereetara al takkaa qofa chaarjii guutattee wagga tokko guutuuf tajaajila kennuu danda’u uumuu danda’eera jedhe.

Daraggoota Ministeerri Hojiifi Ogummaa, fi Inistitiyuutiin Leenjii Tekinikaafi Ogummaa Federaalaa sagantaa yaadawwan tekinooloojiifi kalaqa gabbisuu leenjii addaa yeroo Gannaa qophaa’erratti hirmaatan keessaa tokkodha.

Tekinooloojiin kun ibsaa kennuurra darbee mobaayila, televizhinii, firiijiifi meehsaalee elektirooniksii kamiyyu chaarjii kan godhuufi kan sochoosuufi tekinooloojii keebiliifi keebilii malee fayyadamuu akka danda’amutti hojjetamedha.

Humna takkaa qabate ofumaan irra deebiyee chaarjii of gochuu danda’uurra darbee yeroo dheeraatiif tekinooloojiin annisaa maddisiisu kun, Itoophiyaa keessatti filannoo annisaa qabaachuu keessatti warraaqsa uumuu akka danda’u abdatameera jedha Ministeerichi.

Jenereetarri sagalee hin qabne annisaa 300W irraa kaasee akka dandeettiifi fedhii fayyadamaarratti hundaa’uun kun takkaa chaarjii guutamee wagga tokkoo oliif tajaajila kennuu akka danda’u dargaggoon kun mirkaneesseera.

Kanarraa kan ka’een A L I bara 2014 irraa kaasee biyya Itoophiyaa keessatti dargaggeessa ibsaan manasaatii hin dhaabne isa qofaa ta’uu danda’eera.

Yeroo ammaa kana Ministeerri Hojiifi Ogummaa dargaggeessi kun kampaanii mataa isaa banatee tekinooloojiin inni kalqe kun bal’inaan omishamee hawaasa haala qaqqabsiisuun danda’urratti hojjechaa jira.

Fedhasaa Shuumaa eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dargaggoo Fedhasaa Shuumaa Qeellam Wallaggaa, magaalaa Dambi-Dollootti dhalatee guddate.

Magaalaa Dambi-Dolloo keessatti namoonni baayyeen tajajaila elektiriira suphuutiin isa beeku.

“Mana nama dhuunfaatti halkan daabboo tolchaa buleen guyyaa barachaa ture” jechun kanaan dura jireenya keessa darbe BBCtti himera Fedhasaa Shuumaa. Haata’u malee, yeroo ammaa abbaa hojii kalaqaa ta'uun beekkamtii argateera.

Hojiin kalaqa dargaggoo kanaas sadarkaa godinaa hanga biyyaatti dorgommiif dhiyaatee dinqisiifannaa argateera.

Kalaqa kanaanis dorgommii biyyaalessaarratti hirmaachuun dhiyeenya kana birrii 260,000 badhaafameera. Kana malees, sababa hojii kalqasaa kanaan al lama sagantaawwan garagaara irratti Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin akka wal arge hima.

Fedhasaan yaadawwan kalaqa tekinooloojii heddu qabaatus, barbaachisummaa anniisaan qaburraa kan ka’e jenereetara boba’aa malee hojjeturratti xiyyeeffachuu hima.

Haata’u malee, jireenyi dargaggoo kanaa qormaanni kan itti baay’ate ture. Rakkoo isa mudataa tureenis al lama barnootasaa addaan kutuuf dirqamu dubbata.

Feshasaa Shumaa badhaasa maallaqaa argate waliin

Madda suuraa, Fedhesa Shuma

“Waggaa jahaaf mana namaan hojjadhe”

Dargaggoo umurii waggaa 26 kan ta’e Fedhasaa Shuumaa, godina Qeellam Wallaggaa magaala Dambii Doollootti dhalatee guddate.

Yeroo ammaa Mana Barumsaa Oliiqaa Dingilitti barataa kutaa 7ffaa yoo ta’u, barumsa isaan cinatti hojii meeshaalee elektirooniksii suuphuufi kalaqawwan garagaraa hojjeta.

Bara 2001 barnoota akka eegale kan himu dargaggoon kun, sababa rakkoo diinagdee maatiin barnootasaa bara 2003 fi 2009tti al lama addaan kutuuf akka dirqame hima.

“Haalli maatii na gargaaruuf rakkisaa waan tureef barumsa addaan kutaan ture. Mana namaas hojjechuu jalqabeen ture. Achuma keessatti jireenyakoo fooyyessuuf hojii kalaqaa baay’een hojjechaa ture,” jedha.

“Obbolaa saddeetin qaba. Hundi keenya barnoota addaan kutuuf yeroo ta’u ‘hundi keenya addaan kunnee taa’uurra ani isinin gargaara’ jedhee obbolaa lama barsiisaan ture,” haala keessa ture hima.

Sana boodas waggaa jahaaf mana namaatti qacaramee hojjateera.

“Mana namaa baay’een hojjechaa ture. Hojii biskutii fi daabboo hojjechuu gargaaraa ta’uun nama jalattin bare,” jedha.

“Al tokko tokko halkan guutuu daabboo tolchaan bula. Yeroo sana yemmuun mana barumsaa deemu hirriibni na jeeqa ture,” kan jedhu barataan kun, hanqinni hirriibaa barnootasaarratti dhiibbaa geesisuu akka jalqabe hima.

“Yeroon kutaa keessa baay’ee itti ciisutu ture. Yeroo barattoonni boqonnaaf bahan ani daree keessan ciisa, yemmuu ol galan illee hin dhagahu. Ijoolleetu na dammaqsa ture. Yeroon barsiisoonni beekaa rafaa jiru itti fakkaates jira. Rakkoon kun hammaachaa yemmuu deemu barumsa addaan kute,” jedha.

Fedhasaa Shuumaa

Madda suuraa, Fedhasa Shuma

Jalqabbii hojii kalaqaa

Hojii kalaqaa ALItti bara 2005 akka eegale kan himu Feedhasaan, taateen hojii kalaqaatti akka cichu isa taasise hojii manaa barsiisaadhaan kennameef ture akka ta’e hima.

“Barsiisaan moodela hojjedhaa nun jedhe. Anis moodeela barcuma soofaa mukarraa hojjedhee galche. Barsiisaanis moodeela sana argee ‘baay’ee bareedaadha, mee kan biraallee hojjedhu fidi’ naan jedhe,” jechuun attamiin akka eegale hima.

Hojii kalaqaan cinatti hojii suuphaa elektirooniksiis cimsaa deemuu kan himu barataan kun, bara 2009 dunkaana mataasaa banachuun hojii suuphaa meeshaalee elektirooniksii bifa guutuu ta’een hojjechuu eegale.

“Amma mana elektirooniksii kootti hojiiwwan suphiinsaa kanneen akka mobaayilaa, Jipaasii, televiziyoonaafi meeshaalee elektirooniksii hunda nan hojjedha,” jedha.

Generetaara bilbilaan cufanee banamu

Madda suuraa, Fedhesa Shuma

Kalaqa jenereetara boba’a malee anniisaa maddisiisu

Hojii kalaqa jenereetaraaf ka’umsa kan ta’eef rakkoo adda ciccituu elektiriikii magaala Dambii Doolloo keessa jiru akka ta’e hima Fedhasaan.

“Sababan hojii elektirooniksii hojjedhuuf Dambii Doolloo keessa ibsaan yeroo baay’ee hin argamu. Ibsaan torbee tokkoof yoo jiraate ji’aa tokko kan ta’uf immoo ni bada. Hojiin nuti hojjennu ibsaa barbaada kanaaf walitti fufiinsaan hojii hojjechuu hin dandeenye,” jedha.

Rakkoo adda ciccituu ibsaa isa mudate furuuf jenereetara boba’aan hojjetu bitee turus boba’aa dafee fixuu isaatiin akkasumas baasii suuphaa waan qabuuf amansiisaa ta’uu akka hin dandeenye hima.

“Jenereetara kana hojjechuu bara 2009 ture kanan eegale; garuu milkaa’uu hin dandeenye ture. Bara 2010tti ammoo ergan hojjedheen booda garuu na jalaa gubate,” jedha.

Sana boodas hojii kalaqa jenereetaraa kana yeroof dhiisee akka turee fi bara 2012 itti deebi’ee hojjechuu eegaluu hima.

Boodarras bifa guutuu ta’een bara 2014 keessa hojjetee xummuruu hima.

Jenereetara itti bilbiluun banuuf cufuun danda’amu

Jenereetarri kalaqe baatirii konkolaataa yookiin baatirii ifa aduu akka fayyadamu kan himu dargaggoo Fedhasaan, jenereetarichi anniisaa ofiif maddisiisuun jala jalaan humna guuttachaa/of-chaarjessaa boba’a malee itti fufiinsaan anniisaa kennuu danda’a jedha.

“Baatirii konkolaataa kana ibsaarraa chaarjii godhanna. Yoo ibsaan hin jiraanne paanaalii soolaarii fayyadamnee chaarjii gochuu dandeenya. Baatirii kana ibsaan kan chaarjessinu yoo ta’e, guyyoota sadiif chaarjessina. Isa booddee chaarjiirra osoo hin kaayinii ifi osoo adda hin citin waggaa tokko fi ji’oota shan walitti fufiinsaan hojjeta,” jechuun hima.

Jenereetarri kun hanga ampuuliwwan 100 bobeessuu kan danda’u akka ta’es himeera. Haata'u malee, baatiriin jenereetarichaa yeroo keessa kan dadhabu akka ta'es dubbata.

Kalaqa isaa kana ‘sagalee hinqabu, aara hin baasu akkasumas sa’aatii dheeraadhaaf hojjeta,” jedha. Dhimmi biraa jenereetara kana adda taasisu ammoo bilbila irratti bilbiluun banuufi cufuun danda’amus jedha.

“Siimii akka nuf dubbisuuf boordii mobaayilaa fayyadamne. Boordii kana kan fayyadamne yeroo itti bilbillu yookiin ergaa gabaabaa itti erginu ajaja fudhatee ibsaa kana akka nuf dhaamsuf,” jedha.

“Amma siimkaardii lama fayyadamne. Tokkorratti yeroo bilbillu ibsaan kun ni boba’a. Gaafa dhaamsuu barbaadnu immoo siimii isa lammaffaa irratti bilbilla” jedha.

Sababoota jenereetarichi bilbilaan akka ka’u fi dhaamu itti godhe keessaa tokko rakkoo nageenyaa darbee darbee magaalaa Dambii Doolloo mudatu akka ta’es barataa Fedhasaa hima.

“Yeroo tokko tokko haala nageenyaan walqabatee magaalaan keenya keessa rakkoon ni jira. Yeroon itti fiignufaa ni jiraata. Sanaaf manumakoo taa’ee ibsicha cufuudhaafi kanin hojjedhe,” jedha.

“Ammaaf bilbila qofaan dhaamsuun danda’ama. Fuula duraatti garuu Teeleetti heeyyamakoo geessee gara ergaa barreeffamaa qofatti akka isaan naaf deebisan gochaan jira,” jechuunis himeera.

Fedhasaa Shuumaa

Madda suuraa, Fedhesa Shuma

“Tekinooloojicha baay’ee jaalatanii jiru”

Barataa Fedhasaa Shuumaa jenereetara kalaqe kanaan dorgommiilee kalaqaa sadarkaa godinaa hanga biyyaati jiran irratti dorgomee dinqisiifannaa argateera.

Sababa hojii kalaqasaa kanaan al lama sagantaawwan garagaraa irratti Mummee Ministiraa Abiy Ahimad waliin walarguu kan himu barataa Fedhasaan, “Kalaqni kun uummata keenya baadiyyaa baay’ee waan fayyaduuf hojitti galuu qaba jedhanii darban,” jechuun hima.

Barataan kun dorgommii yaada kalaqa hojii ‘Biruh Itoophiyaa’ bara 2015 kan Ministeera Hojii fi Dandeettiin qophaa’e irratti dorgomuun tibbana badhaasa birrii 260,000 argateera.

Kalaqni kun sararawwan elektiriikii daandii fagoo deeman kan hin barbaadne ta’uu isaatiin lubbuu namaa sababa elektiriikiin darbu kan hambisu ta’uusaa akkasumas rakkoo hanqina dhiyeessii elektiriikii iddoowwan baadiyyaa biyyattii jiru gama furuun faayidaa qabeessa akka ta’e qopheessitoota dorgomichaatti himuusaas dubbata.

“Tekinooloojicha baay’ee jaalatanii jiru. Gara fulduraatti hojiitti galuu qaba naan jedhaniiru,” jechuun haala dorgommii Biruh Itoophiyaarra ture hima.

“Karoorrikoo omishatti galee kalaqa kana hawaasa qaqqabsiisuudha. Wanti kun rakkookoo erga furee gadi bahee yoo hawaasaafis bu’aa qabaate anaaf gammachuu guddaadha,” jedha.

Gama biraatiin obbolaawwan Fedhasaa inni barsiisaa ture keessaa tokko ebbifamtee hojiirra kan jirtu yemmuu ta’u, inni biraan immoo ogummaa Faarmaasiin bara kana akka ebbifamu BBCtti himeera.

“Amma ergan of danda’ee booda fi obbolaanis toora naaf qabatanii booddee gara mana barumsaatti deebi’eera,” jechuunis himeera.