Jimma Geeraatti waan qonnaan bultootarratti raawwateen qaanofneerra - Bulchaa

Madda suuraa, Gera Communications
Vidiyoon ummata walgahii taa’an gidduutti namoota jilbeenfachiisuuf hiraarsanii fi arrabsoo makatee mul’atu, tibbana miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ture.
Vidiyoon sarbama mirga namoomaa agarsiisa jedhame kun, Godina Jimmaa Aanaa Geeraa Ganda Baadiyyaa Borcoo Deekkaatti kan raawwatame ta’uu BBC’n mirkaneeffateera.
Viidiyoon kun marsaalee hawaasaarra qoqqoodamuu hordofee, namoota dheekkamsiiseera.
Viidiyoon ammatti BBCn mirkaneessuu hin dandeenyeefi godinuma kanatti raawwateeera jedhamees, marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa kan jiru oggaa tahu, kanaan ammoo reebichi ifatti mul'ata.
Bulchaan Aanaa Geeraa Obbo Hawwii Sa'id dhimma kana ilaalchisuun BBC’tti akka dubbatanitti, gochi aadaa fi safuu ummataa cabsee kun qondaalota aanichaatin kan raawwatame ta’uu himan.
Gochi kun gaafa ALI Adoolessa 08, 2015 kan raawwatamee akka ta’e kan himan Obbo Hawwiin, taatee kanaaf ka’umsa kan ta’e komii namoota muraasaa fi caasaa gandaa gidduu tureen akka ta’e himu.
“Komii namoota muraasaa fi caasaa gandaa gidduu jiru ilaaluuf koree olaanaa aanaa garasitti ergine.
''Itti-gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa fi Itti-gaafatamaa Ijaarsa Paartii keenyaatu gandicha dhaqe,” jedhan.
Koreen aanaadhaa deeme namoota komatetu rakkoo qaba kan jedhu adda baasan. Kana hawaasatu jedhe jedhu Obbo Hawwiin.
Rakkoon jiru erga adda bahee fi badiin kan namoota komatanii ta’uun erga beekameen booda, dhibdeen kan dhalate namootni dhiifama akka gaafatan taasisuuf yaalii godhameen akka ta’es himu.
Namootni gochaan hiraarsuu fi arrabsoo irratti raawwatame kunneen namoota jaha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namootni kunneen viidiyoo qoodame sanarratti "Nagaheen naaf hin kennamne jedhee himachuun koo balleessaadha?" yoo jedhan dhagahamu.
Taatullee, dhimmichi dhimma nagaheen walqabatuu miti jedhu bulchaan aanichaa.
BBC'n yaada namoota miidhaan irra gahe kanneenii ammatti argachuu hin dandeenye.
Namootni kunneen erga hawaasa waltajjii bahe duratti baafamaniin booda dhibdee 'jilbeenfadhuu' fi 'hin jilbeenfadhu' jedhuun gara rukuttaaa fi arrabsootti cehe.
Bulchaan Aanaa Geeraa Obbo Hawwiin, gochaan aanichatti raawwatame kun 'gocha safuu ummataa cabseefi maqaa gaarii aanichaa balleessu' waan ta’eef, waan qondaalota aanichaatiin raawwatame kanatti qaana’uu himan.
“Taatee kanatti qaana’uu qofa utuu hin taane itti yeellaaneerra. Kuni duudhaa Oromummaa waan hin ibsine.
''Aadaa fi safuu ummata aanaa Geeraas kan cabsedha. Kanaaf jecha, nuti akka aanaatti gocha waltajjii sanarratti ta’eef ummata dhiifama gaafanneerra,” jedhan.
Gochi kun erga raawwatamee fi vidiyoon gocha kana ibsu erga baheen booda, namoota jahan gocha kana keessa turanii fi qondaalota aanaa lamaan gocha kana raawwatan too’achuus himan.

Madda suuraa, Social Media
Bulchiinsi aanichaa gocha kanaan booda hawaasa gandichaa waliin marii taasisuun, dhiifamani erga gaafatameen booda, namootni jahan gochi kun irratti raawwatame wabiidhaan akka bahan ta'eera jedhan.
Qondaalonni aanaa lamaan gocha hiraarsuu kana raawwatan garuu ammayyuu to’annoo jala akka jiraniifi dhimmi isaanii seeraan kan ilaalamu ta’uus himan Obbo Hawwiin.
Dhibdee waltajjii sanarratti dhalateen gochi safuu hin eegne raawwaatamus, miidhaan qaamaa namootarra gahe akka hin jires ibsan.












