Siriyaa: Mucaan waggaa 8 buttootaan osoo reebamu viidiyoon mul'ifame dheekkamsa kaasee ture

Miidiyaan motummaa Siriyaa Faawaaz al-Qaataafaan erga gadhiifameen booda abbaasaatiin ammatamee agarsiiseera Guraandhala 12, 2022

Madda suuraa, Sana

Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaan motummaa Siriyaa Faawaaz al-Qaataafaan erga gadhiifameen booda abbaasaatiin ammatamee agarsiiseera

Siiriyaatti mucaan waggaa saddeetii butamee osoo dararamuu viidiyoon mul'isu ba'ee inatarneetii irratti maxxanfamuun erga hawaasa dheekkamsiisee booda daa'imichi gadhiifame.

Faawaaz al-Qaataafaan erga maatiin isaa namoota mucaasaanii butaniif kanfaltii raawwatanii booda guyyaa Sambataa maatiif deebifame.

Mucaan kunis baatii Muddee keessa garee wanbadeetiin butame jechuun miidiyaan motummaa gabaase.

Wayita gaaffiifi deebiin TV irratti taasifameetti haalli nagaa mucaa kanaa gaarii fakkaata.

Poolisiin naannichaa akka jedheetti, shakkamtoonni afur lakkoofsi bilbilaa isaan ittiin doorsisa ergaa turan hordofuun torban darbe to'annaa jala oolfaman.

Jarreen mucicha ukkaamsanis maatiitti deebiisanii kennuuf yeroo lama bakka itti waliin galan illeen osoo hin mucicha fidaniin hin dhiyaatiin hafusaanii Ajajaan Poolisii Deeraa Birgaadar Diraar al- Daandaal himan.

Gaafa Sambataa ammoo, abbaa mucaaatiin akka doolaara kuma 199 kanfaluun bakka dhiheenya magaalaa Naawaatti argamuutti dhaqee mucaasaa fudhatu itti himan.

Erga maallaqicha fudhataniin boodas Faawaaz faarmaasiin alatti dhiisanii deeman.

Qondaalli poolisii kun ejansii oduu motummaan bulfamu Sanaatti akka himaniitti, ''qaamooleen mucaa butan erga akka ajjeessuuf dorsiisaniin booda, lubbaa daa'ima kanaa oolchuuf jecha poolisiin jidduu hin galle.''

Ejansiin Saanaa akka gabaasetti, abbaan mucichaa Aab Mohaammad, ''mucaan saanii nagaan gadhiifamee maatiitti deebii'usaatti gammachu olaanaa itti dhagame ibsataniiru.'' Akkasumas essuumni mucichaa Musaab ammoo pirezidaanti Baashaa al-Assaad dhimmichaaf xiyyeeffannaa kennuusaatiif galateeffataniiru.

Mucaa kunis erga gadhiifameen booda turtii TV al- Watan waliin taasiseen, namoota isa butaniin reebamaa fi doorsifamaa kaatan hime.

Kan butamees Muddee 2 osoo mana barnootaatii deebii'ee galaa jiruu ture.

Taatee tokkoo irrattis osoo qaaxaan qawwee itti kiyyaafamuun kanfaltiin maallaqaa hin gaafatamiin dura, keenyaatti maxxanfamee funyoon hidhamuun reebamaa akka ture hime.

Erga viidiyoo osoo namoota isa ukkaamsanii reebamuun booyyaa jiru agarsiisuu miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifameen booda dhimmisaa xiyyeeffannaa olaanaa argate ture.

Isaan boodas ergaan hashtag #Save_the_child_Fawaz_Qataifan jedhu miidiyaa hawaasaa irratti qoodamuun maatiinis gargaarsaafi deeggarsa hanga Tarkii, Jarmanii fi Ameerikaa fa'i irraaargachu danda'an.

Hordooftoonni Mirga Namoomaa Siriiyaa, kan UKtti bu'uureeffatan, erga bara 2011tti wal waraansi biyyaattii eegalee kaasee daa'iiman dhibbaa hedduu biraas Siriyaa keessatti ukkaamfamu himeera. Hedduunsaaniis eessa buuteensaanii hanga har'aatti akka hinbeekamne himeera.