Sudaanitti daa’imni konkolaataa balfaa keessatti danqame sa’atii saddeet booda baraarame

Hojjatoonni lubbuu baraartootaa mucaa waggaa 10 konkolaataa balfaa keessatti sa'aatii 8'f danqamee baraaran Sudaan Kaartuum Guraandhala 15, 2022.

Madda suuraa, Omer Balal/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Ummanni mucicha baraaruuf alkan hojjataa turan

Magaalaa guddoo Sudaan- Kaartum keessatti, daa'imti waggaa 10 konkolaataa balfaa keessa sa’atii saddeetiif erga dabarseen booda lubbuun baraarameera.

Mucaan konkolaaticha keessatti danqamee kunis, konkolaataa Korporeeshinii Qulqullinaa Kaartuum waliin kan hojjetufi maqaansaa Majiid Mubaarak Ibraahim akka jedhamu poolisiin hime.

Innis osoo balfa darbachaa jiruu konkolaaticha keessa hin bu’iin akka hin hafne dubbatame. Yeroo ammaatti hospitaala galu isaa malee poolisiin garuu haala maaliirra akka jiru hin ibsine.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa suuraa lubbuu baraartonni mucaa lubbuun oolchuuf wayita dhama’an agarsiisu qoodaa turan.

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

Akka namoonni ijaan argan himanitti barruun mucaa kanaa kuusaa balfaa baate jalaan gadi hulluqee mul’ata ture.

Waraabbiin viidiyoon tokkoo ammooo ogeessi sibilaa gargaaraa jiruufi harka nama biraa yeroo kuusaa balfaa konkolaataan baatee jiru banuuf humna fayyadamu agarsiisa.

Namoonni konkolaaaticha marsanii jiran-mucaan akkatti baafamu irratti gorsa kennaa turan.

Namoonni dhimma hawaasaa irratti yaada kennan taateen kuni Sudaan keessatti ijoollee umriin isaanii gahaa hin taane hojii akkasiif bobbaasuufi loltummaaf illee fudhachuun mirgi isaanii akka sarbamu himan.

Haalli diinagdee cimaa tahe ijoolleen hojii balaafamaa akkanaarratti akka bobba’an isaan saaxila. Kaartuumiifi magaalawwan biroo keessatti ijoolleen daandiirra jiraatan baayyetu jiru.

Akka dameen UN ijoolleerratti xiyyeefatu UNICEF jedhutti, ijoolleen miiliyoona sadii tahan barnoota barachaa hin jiran. Ijoolleen hojii kanneen akka qulqulleessuu, daldala qinxaaboo, balfa funaanuufi hojiiwwan ijaarsaa irratti waan adda addaa hojjetu.

Koropooreeshiniin Qulqullinaa Kaartuum kaffaltii xiqqaa fi haala hojii mijataa hin taane akka qabu fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa kaasaa turan, hojjettoonni dhaabbatichaas dhiyooma kana mormiirra turan.

Rogeessi El-Sadiq Eissa jedhamu tokko hojjetaa dhaabbatichaa sababii hojiitiin miilli irraa cite beekaa jedhera.