Raayaan: Morookoonni attamiin mucaa eela keessatti uggurame oolchuuf tokkommaan akka dhaabbatan

Gareen balaa ibiddaa Raayaan mucaa waggaa shanii baadiyaa Morookootti boolla eelaa keessatti guyyootaaf danqame oolchuuf alkanii guyyaa hojjataa turan

Madda suuraa, Getty Images

Opareeshiniin mucaa waggaa shanii Raayaan Oraam eela gadi fagoo keessatti kufe oolchuuf taasifame, lammiilee Morookoo guyyoota baay'eef abdiifi kadhannaan waliin akka dhaabbatan taasisee.

Raayaan guyyaa Kibxataa wayita eela sana keessatti kufeetti abbaan isaa magaalaa xiqqoo Kaaba Taamooroo kan qarqara gaarreeniitti argamtutti boollicha suphaa turan.

Haashtaagiin #SaveRayan jedhu guyyoota hedduudhaaf biyya diina Morookoo kan taate Alijeeriyaa dabalatee biyyoota hedduu keessatti guyyootaaf baay'ee qoodamaa ture.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

1px transparent line

Qopheessaan sagantaa TV Morookoo beekamaan, Raachid Allali Raayaan waliin ta'uu mul'isuuf jecha sagantaa isaa haqee ture.

Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ammoo bakka balaan kun mudateetti walitti qabamuun hojjattoota lubbuu baraartotaa yoo jajjabeessan, baay'een isaanii ammoo ibsaatti fayyadamuun halkaniifi guyyaa hojjataa turan.

Aangaa'oonniifi hojjattoonni balaa ibiddaa raayaan lubbuun boolla gadi fagoo keessaa oolchuuf wayita qotaa turaniitti namoonni marsanii ilaalaa turan, Guraandhala 3, 2022.

Madda suuraa, AFP

Wal makaan biyyoo fi dhakaa naannoo sanaa ammoo oppireshinii lubbuu baraaruuf taasifame caalaa rakkisaa taasiisee ture, kana jechuunis of eeggannoon yoo qotame malee balaa lafti jiguu qaqqabsiisuu danda'a jechuudha.

The site where rescuers worked to reach a five-year-old boy trapped in a well in the northern hill town of Chefchaouen

Madda suuraa, Reuters

Gareewwan yeroo balaa, hojjattoota balaa ibiddaa dabalatee, bool'a guddicha tulluu cinaan qotuu irratti gargaaraa turan. Kunis osoo booyii dagalee addatti qotuun karaa bakka Raayaan jiruutti geessuu baafachuuf ture.

Mucaan waggaa shanii Raayaan eela gadi fageenyisaa meetira 32 fi bal'innisaa baay'ee dhiphaa keessatti kufe.

Rescue crews work to reach five-year-old boy Rayan, who became trapped after falling into a well in Morocco

Madda suuraa, Getty Images

Lubbuu baraartoota keessaa namni tokko addatti galanni kennameef. Innis Ali Saahraawi, maashiina guddaatti fayyadamuun qotuun balaa akka qabu wayita hubatameetti, doomaa isaa fayyadamuun muuxannoo qabuun boollaa gara Raayaaniitti geessuu qotuu fedhiisaatiin hirmaataa ture.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

1px transparent line

Dhumarrattis garee lubbuu baraartootaa Sambata galgala Raayaan, kan guyyoota afuriif boollicha keessatti uggurame bira qaqqaban.

Jalqabarratti namoonni ambulaansii baatee deemaa turte keessa turan fuuluma gammachuutiin namoota taatee sana marsuun doowwachaa turaniif nagaa dhaaman.

Takka ture garuu ibsa masaraa Mootii Mohaammad VI irraa baheen oduun gaddaa mucaan waggaa shanii du'usaa mirkanneessu dhagahame.

Boodas Mootiin biyyattiis maatii Raayaaniif bilbiluun du'aatii mucaa kanaatti gadda itti dhagahame ibsuun jajjabina hawwaniif.

Reeffi mucaa waggaa shanii Raayaan bakka balaan itti qaqabeen mandara Chefchaa'oyeen kan biyya Morookootii ambulaansiin fudhatame

Madda suuraa, EPA

Wayita reeffii Raayaan fudhatameetti maatiin mucaa kanaa bakka balaan kun itti qaqqabee wayita gadhiisanii deemaniitti hojjattoonni gareewwan lubbuu baraartootaa harkasaanii wal qabachuun hiriira galanii dhaabbatanii turan.

Rescue teams join hands as the parents of five-year-old Rayan leave the scene where their son's body was taken by ambulance

Madda suuraa, EPA

Suuraaleen hundinu mirgi abbeentaa isaanii kan eegameedha.