Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raayaan: Morookoonni attamiin mucaa eela keessatti uggurame oolchuuf tokkommaan akka dhaabbatan
Opareeshiniin mucaa waggaa shanii Raayaan Oraam eela gadi fagoo keessatti kufe oolchuuf taasifame, lammiilee Morookoo guyyoota baay'eef abdiifi kadhannaan waliin akka dhaabbatan taasisee.
Raayaan guyyaa Kibxataa wayita eela sana keessatti kufeetti abbaan isaa magaalaa xiqqoo Kaaba Taamooroo kan qarqara gaarreeniitti argamtutti boollicha suphaa turan.
Haashtaagiin #SaveRayan jedhu guyyoota hedduudhaaf biyya diina Morookoo kan taate Alijeeriyaa dabalatee biyyoota hedduu keessatti guyyootaaf baay'ee qoodamaa ture.
Qopheessaan sagantaa TV Morookoo beekamaan, Raachid Allali Raayaan waliin ta'uu mul'isuuf jecha sagantaa isaa haqee ture.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ammoo bakka balaan kun mudateetti walitti qabamuun hojjattoota lubbuu baraartotaa yoo jajjabeessan, baay'een isaanii ammoo ibsaatti fayyadamuun halkaniifi guyyaa hojjataa turan.
Wal makaan biyyoo fi dhakaa naannoo sanaa ammoo oppireshinii lubbuu baraaruuf taasifame caalaa rakkisaa taasiisee ture, kana jechuunis of eeggannoon yoo qotame malee balaa lafti jiguu qaqqabsiisuu danda'a jechuudha.
Gareewwan yeroo balaa, hojjattoota balaa ibiddaa dabalatee, bool'a guddicha tulluu cinaan qotuu irratti gargaaraa turan. Kunis osoo booyii dagalee addatti qotuun karaa bakka Raayaan jiruutti geessuu baafachuuf ture.
Mucaan waggaa shanii Raayaan eela gadi fageenyisaa meetira 32 fi bal'innisaa baay'ee dhiphaa keessatti kufe.
Lubbuu baraartoota keessaa namni tokko addatti galanni kennameef. Innis Ali Saahraawi, maashiina guddaatti fayyadamuun qotuun balaa akka qabu wayita hubatameetti, doomaa isaa fayyadamuun muuxannoo qabuun boollaa gara Raayaaniitti geessuu qotuu fedhiisaatiin hirmaataa ture.
Dhumarrattis garee lubbuu baraartootaa Sambata galgala Raayaan, kan guyyoota afuriif boollicha keessatti uggurame bira qaqqaban.
Jalqabarratti namoonni ambulaansii baatee deemaa turte keessa turan fuuluma gammachuutiin namoota taatee sana marsuun doowwachaa turaniif nagaa dhaaman.
Takka ture garuu ibsa masaraa Mootii Mohaammad VI irraa baheen oduun gaddaa mucaan waggaa shanii du'usaa mirkanneessu dhagahame.
Boodas Mootiin biyyattiis maatii Raayaaniif bilbiluun du'aatii mucaa kanaatti gadda itti dhagahame ibsuun jajjabina hawwaniif.
Wayita reeffii Raayaan fudhatameetti maatiin mucaa kanaa bakka balaan kun itti qaqqabee wayita gadhiisanii deemaniitti hojjattoonni gareewwan lubbuu baraartootaa harkasaanii wal qabachuun hiriira galanii dhaabbatanii turan.
Suuraaleen hundinu mirgi abbeentaa isaanii kan eegameedha.