Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masriin eegumsa Hidha Abbayyaa Itoophiyaaf maallaqa kaffaluu qabdii?
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
Hidhi Guddicha Itoophiyaa kana booda ofuma isaaf meeshaa guddaa ofiin of tiksu akka tahe xiinxaltoonni BBC'n dubbise himan.
Hidhi Guddichi Itoophiyaan ijaaraa jirtu [GERD] Hidha Haaromsa Itoophiyaa jedhamuunis beekama. Hidhi kun haaromsa dinagdee guddaa uummata biyyattiif fida jedhamee abdatameera.
Garuu guyyaa ijaarsi hidha kanaa jalqabee as mormii guddaa keessa darbuun amma gara xumuraatti dhiyaateera. Fulbaana dhufu kanas akka eebbifamu mootummaan Itoophiyaa beeksiseera.
Gam tokkoon humna, beekumsaa fi baajata biyyattiin qofa hojjetame. Gama biraan dhiibbaa dippilomaasii cimaan Itoopiyaa mudate.
Masiriif ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti.'' Bishaanicha %85 kan gumaachitu ammoo Itoophiyaadha. Garuu Itoophiyaan bishaan kana irraa fayyadamuu qabdi jechuun biyyoonni gurguddoon kaan yeroo falmaniifii yeroo hedduu hin dhagahamu.
UN keessa waggoota 38 ol kan taajaajilan Obbo Baayisaa waaqwayyaa kana booda Itoophiyaan iyyata Masirii hundaaf deebii kennuu hin qabdu jedhan.
Yeroo darbe Tiraampi waa'ee hidha haaromsa Itoophiyaa kaasuun yeroo dubbatan ''Itoophiyaan callisuutu irra ture'' jedhan.
Tiraampi hidha haaromsaa Itoophiyaan xumuraa jirtu kana ''maallaqaan kan deeggare Ameerikaadha'' jedhanii ture. Dubbii kana ji'a tokko keessatti yeroo sadii dubbatan.
Itoophiyaan ammoo deebii yoo kennitu ''dubbiin kun soba. Hidhi Haaromsaa maallaqaa fi humna biyyattiin qofa ijaarame'' jette.
''Itoophiyaa irraa deebii kan kenne warra pirojeekticha hordofaa jiranidha. Silaa Ministeera Dhimma Alaatu deebii kennuu qaba ture. Inniyyuu yoo barbaachisaadha jedhanii itti amananidha. Sanaan ala osoo dhiisaniin filadha ture'' jedhan.
Obbo Baayisaan ''nama guddaa hamma kana gahuun ni sobde jechuunis namatti hin tolu. Dhiibbaa dippilomaasii mataa isaa qaba. Akka soba tahe osooma beekamuu dhiisuu wayya. kana booda waan fidan homaayyuu waan hin qabneef'' jedhan.
Inumaayyuu kana booda Itoophiyaan gaaffii fi yaaddoo Masiriif qofa deebii kennuu dhiistee ''siyaasicha gara Masiriitti deebisuu qabdi'' jedhan.
Masiriin hammi bishaanii hidhicha keessaa naaf gadhiifamu na jalaa xiqqaata kan jedhu qofa osoo hin taane qulqullina ijaarsa isaa irratti amantaa waan hin qabneef nageenyi hidhichaa na yaaddeessa kan jedhus kaasaa turte.
Itoophiyaan hidha kana qulqullinaa fi gahumsa olaanaan ijaartee akka xumuraa jirtu irra dedeebiin himaa turte.
Bara 2023 keessa MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed ''Hidhi Haaromsaa madda anniisaa qofa miti, madda muuxannoo fi beekumsaas ta'eera'' jedhan.
Kana kan dubbatan yeroo hidhicha marsaa arfaffaaf bishaaniin guutan ture.
Masiriin eegumsa hidhichaaf kaffaluu qabdi...
Obbo Baayisaa Waaqwayyaa hidhicha bishaaniin guutuun erga xumuramee siyaasni hidha kana irratti ka'u kana booda homaa akka dhiibbaa hin qabne kaasu.
''Amma Masiriitti barfateera. [It's too late and too little]'' jechuun kan dubbatan Obbo Baayisaan kana booda Masiriin homaa gochuu hin dandeessu jedhan.
''Masiriin kana booda hidhicha boombiidhaanis hin rukuttu. Inumaayyuu akka hidha kanatti himtuu hin buuneef Masiriin of eeggannoo gochuu qabdi,'' jedhan.
Obbo Baayisaan ''Itoophiyaan suphaa fi nageenya hidha kanaaf kana booda Masiriin wagga waggaan maallaqa akka kaffaltuufii gaafachuu dandeessi'' jedhan.
Hidhi kun tuqamnaan uummata Sudaanii fi Masirii galaana medetiraaniyaaniitti naquu waan danda'uuf eegumsa isaa irratti Itoophiyaa tumsuu qabu amnataa jedhu qabu.
''Itoophiaan kana duras hidha kana malee jiraatteetti. Ammas jiraachuu dandeessi, amma garuu misooma isaa irraas ni fayyadamti. Isaan garuu hidhi kun tuqmaan dhimma jireenyaaf du'aa gidduuti. Kanaaf isaantu dhimmee nageenya isaaf Itoophiyaa tumsuu qaba,'' jedhan.
Obbo Baayisaan gaaffiin kun seeraan Masirii kan dirqisiisu tahuu baatus, yeroo Masiriin sadarkaa idil-addunyaatti baastee mootummaa Ameerikaatti irra deddeebiin himattu kana, Itoophiyaan falmicha gara biraatti garagalchuuf gaaffii kana osoo kaaste gaarii taha jedhan.
''Eegumsa hidha kanaa irratti nu tumsuu qabdu, maallaqaanis nu tumsuu qabdu. Diinni ni jira'' jedhanii falmicha gara isaaniitti deebisuu danda'u'' jedhan.
Gama seeraanis waan nama dhorku akka hin jirre himan.
Obbo Baayisaan yeroo kana jedhan Itoophiyaan yaaddoo nageenyaa hidha kana irratti qabdi jechuuf miti.
Garuu Masiriin dhima hidha haaromsaa Itoophiyaaf abdii guddaa fidee dhufa jedhamu kana sadarkaa Mana Maree Nageenyaa UN fi Liigii Arabaatti geessuun dhimma marii gooteetti.
Irra deddeebiinis UNtti xalayaa barreessaa turte. tarii Manni Marii nageenyaa UN dhimma hidha bishaaniif wal gahii yoo taa'u kan hidha haaromsaa kan jalqabaa tahuu mala.
Yeroo sana Ministira Bishaanii Itoophiyaa kan turan Dr Silashii Baqqalaas kanuma kaasuun deebii kennannii ture.
Yuunivarsiitii Finfinnee irraa pirofeserTesfaayee Taaffasaa Kana dura yeroo BBCtti dubbatan ''Masiriin laga Abbayyaa waliin hidhata seenaa fi uumamaa qabna; hanga ammaattis nutu itti fayyadamaa ture waan taheef nageenyi fi faayidaan keenya yoo nuuf hin mirkanoofne fayyadamuu hin dandeessan kan jedhu ejjennoo isaanii isa cimaadha6'' jedhan.
''Masiriin Biyyoota Afrikaa keessaa humna guddaa akka qabdutti ilaalamaa turte. Ol aantummaa siyaasaa waggoota dheeraaf qaban irraa ka'uun Itoophiyaa tuffataa turaniiru.
Amma garuu haalli waan jijjiramaa dhufeef ol aantummaa siyaasaa qaban ture sana tursiifachuu barbaadu waan taheef callisuu hin barbaanne'' jedhu Pirofesr Tasfaayee Taaffasaa.
''Ulfina keenyatti bu'ame jedhanii yaadu. Sodaatamuu qabna ture, '' yaada jedhu yeroo baay'ee qabu jedhan.
Dhimmi hidha Abbayyaa kun siyaasa Baha Afrikaa keessaa jijjiiruu danda'a jedhu. Itoophiyaan hidha kana yoo xumurtu kallattii hundaan biyya dhaggeettii gudddaa kana caalaa qabdu tahuu malti.
Dabalataanis lageen kaan irratti hidha gara biraafi jallisii hojjechuu dandeessi jechuun sodaa qabu jedhan.
Masiriin yoo hidha kana callisnee ilaalle biyyootni akka Keeniyaa, Ruwaandaa, Ugaandaa fi kaanis akkasuma ka'anii bishaan kanatti fayyadamuu qabna jedhanii ka'uu waan danda'aniif ammuma cimsinee morminee waa argachuu qabna jedhanii hojjechaa jiru jedheen akka ogeessa tokkootti yaada jedhan Pirofeser Tasfaaayeen.
Masiriin hidha guddaa bishaan meetir kuubii biiliyoona 170 qabatu Aswaan qabdi. Hidhi guddicha Itoophiyaa garuu bishaan meetir kuubii biliyoona 74 qabata.
Hidhi Guddicha Itoophiyaa Doolaara biliyoona shanii oliin hojjetamee xumuramaa jiru humna ibsaa Meeggaa waattii 5,000 ol maddisiisa jedhamee eegama.
Itoophiyaan uummata ishee ammayyuu %60 dukkana keessa jiraatuuf humna ibsaa dhiyeessuuf hidha kana kutannoon hojjetaa turte. Darbitee biyyoota ollaa akka Keeniyaa fa'aatti humna ibsaa gurguraa kan jirtu yoo tahu Taanzaaniyaafis dhiyeessuuf hojjetaa akka jirtu himameera.
Siyaasni Hidha Haaromsaa kana booda nageenya isaa irratti akkamiin wal tumsina, aannisaa hidhi kun maddisiisuu fi misooma kaan irraa argaman irratti akkamiin wlaiin fayyadamna gara jedhutti deebi'uu akak qabu Xiinxaltoonni BBC'n dubbise kaasu.
Obbo Baayisaanis yaaddoo Masiriin waggaa 11 oliif kaasteef qofa deebii kennuu osoo hin taane kana booda Itoophiyaan baasii eegumsa hidhichaaf barbaachisu iyyuu wagga waggaan akka kaffalaniif Masirii dabalatee biyyoota yaa'a gara gadii gaafachuu dandeessi jedhan.
Itoophiyaan hidhicha isa dhumaaf bishaaniin guuttee Fulbaana dhufu eebbisiisuuf akka jettu himteetti.
Biyyoonni sadan Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan garuu ammayyuu waliigaltee dhaabbataa dhumaarra hin geenye.
Jaarsummaa Gamtaa Afrikaanis tahe Ameerikaa yeroo hedduu taa'aniin waliigaluu hin dandeenye.
Hidhichi bishaaniin guutamee xumuramuun tarii kana booda gaaffii fi qajeeltoo marichaa jijjiiruu mala.
Waliigalteen maaliif cime?
Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.
Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.
Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.
Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.
Ta'us, ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.
Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu himti.
Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.
Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaanLaga Abbayyaa kanarratti hirkatti.
Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.
Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.
Waliigalteen durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf mirga guutuu kennaaf.
Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruu jalqabde.