Raayaan: Mucaan Morookoo guuyyoota afuriif eela keessatti ugguramee ture du'e

Mucaan Morookoo kan waggaa shanii eela gadi fagoo keessatti kufee ture lubbuun basuudhaaf yaaliin cimaan taasifamulleen guyyoota afuriin booda lubbuun baasuun hin danda'amne.

Ibsi battaluma mucaan boolla keessaa baafameen mootii biyyattiin kenname Raayaan du'uusaa beeksise.

Mucaa maqaansaa Raayaan jedhamu kana lubbuun oolchuuf namoonni dhibbaan lakkaa'aman bakka eela inni keessatti kufetti walitti qabamuun qotaa kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo karaa miidiyaaleetiin hordofaa turan.

Mucaan karaa qaawwa baayyee dhiphoo ta'eetiin eela gadi fageenya meetira 32 qabu keessatti kufe. Garee mucicha baraaruuf yaalaa turanis akka lafti irraatti hin kufneef sodaataa turan.

Boodas yaalii cimaan booda Sambata mucaa bira qaqqabuun baasuun danda'amulleen battala sanatti haala inni irra ture omaa hin jedhamne ture.

Kanaanis namoota mucicha baraaruuf yaalaa turanis namoota achitti walitti qabamaniin gammachuun simatamanii ture.

Miidiyaalee hawaasaa irrattis namoonni haashtaagii #SaveRayan fayyadamuun biyyattii guutuufi bakka biraatii deeggarsa isaanii mul'isaa turan.

Haata'u malee daqiiqaawwan booda garu dhimmichi gara gadda cimaatti geedarame bataluma ibsa mootii biyyatti irraa baheen Raayaan du'uun ibsame.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa gadda du'a mucaa kanaatii itti dhagahame ibsachaa jiru.

''Ibsi masaraa Mootii irra baheen, ''balaa gaddisiisaa lubbuu daa'ima Raayaan Oraam dabarsee hordofuun, Kabajamoo Mootiin Mohaammad VI maatii mucaan kun jalaa boollatti kufuun du'eef bilbilaniiru'' jedha.

Mootichis gadda olaanaa itti dhagahameefi jajjabina maatiif ibsaniiru, jedha.

Balaan kun wayita qaqqabe guyyaa Kibxataatti abbaan Raayaan eelicha suphaa turan. Mucaan kufee guyyaa lammaataarratti miidiyaa biyya keessaatti akka himaniitti, ''battaluman ija kiyya irraa kaaseetti na jalaa boollatti kufee,'' jedhan.

Itti dabaluunis, ''erga guyyaa sanaatii lisuu ijaa walirra buufachuu hin dandeenye,'' jedhan.

Opireeshinii baraarsaa Daareektoreetii Eegumsa siviilii Moorookootiin hoogganame magaalaa xiqqoo kaabaa Taamoorot irraa fageenya km 100 argamtutti kan eegalame galgala Kibxataa ture.

Guyyaa Kamisaa kaameraan eela keessatti wayita ilaalamu mucaan lubbuun ture. Garuu ammoo haalaa inni keessa turee wanti barame hin turre.

Lubbuu baraartonnis Oksijiinii, nyaataa fi bishaan galchuuf yaalaa turan garuu ammoo mucaan sun fayyadamu danda'u isaa wanti barame hin turre.

Biyyoon dhakkaadhaan makaa boolla sana qotanii bira gahuuf yaalii taasifame baayyee rakkisaa ture.

Konkolaataawwan buldozar jedhamaniitti fayyadamuun gartokkee eelichaa qotuu eegalan.

Gareen lubbuu baraartotaas isaan booda muciicha bira gahuun dagalee qotaa turan akka biyyoon gubbaan itti hin jigneetti. Baayyeen isaaniis ibsaatti fayyadamuun halkanii fi guyyaa hojjataa turan.

Namoonni dhiibbaa baayyeen lakkaa'aman haalicha hordofuuf walitti qabamanii turan, kaan isaanii faaruu amantaa faarfachaa, kaan kadhannaa taasisaa ''Allahu Akbar'' jechaa turan.

Kaan siriiyyuu bakka sanatti dunkaana dhaabbatanii turan.

Jiraataan naanniichaa Haafid El-Azzous AFPtti akka himetti maatii mucaa kanaatiif jajjabina keennuufi isin waliin jirra jechuu achiitti akka argaman hime. ''Mucaan kunis Morookoo fi addunyaa maraa qaaliidha'' jedhanii ture.

Taateen kana fakkaatuu bara 2019 keessaa Ispeen keessatti wayita mucaan waggaa lamaa boollaa dhiheenya magaalaa Maalaagaa keessatti kufuun du'e mudatee ture.