Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Garee Maan Yunaayitid 2008 moo Arsenaal 2026tu caala? Dilbata hoo kamtu mo'ata?
Tiyoo Waalkootii fi Wayinii Ruunii garee Maan Yuunaatitid bara 2008 waancaa Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii mo'atee fi Arsenaal har'aa wal madaalsisan.
Kamtu caala? maaliin?
Waalkoot taphataa cimaa duraanii Maan Yuunaayitid Wayinii Ruunii waliin yeroo dubbatu gareen Yuunaayitid bara 2008 garee Arsenaal har'aa kana waliin dorgomuu danda'aa? jedhee gaafatame.
Wayinii Ruunii oso homaa hin shakkiin yeroo osoo hin fudhatiin yeroo deebisu: ''Eeyyee, isaan caalla'' jechuun deebise.
Ruuniin qaama garee Yuunaayitid bara 2008 waan tureef deebii biraas irraa eeguun hin yaadamu.
Waalkoot ofuma isaaniyyuu ''gareen Yuunaayitid bara 2008 garee cimaa ani morkadhe isa guddaadha'' jedhe.
Arsenaal Inter Miilaaniin 3-1 yeroo mo'atu Ruunii fi Waalkoot xiinxalaa taphichaa tahuun hojjecha aturan.
Arsenaal qabxii torbaan caaluun Piriimer Liigii sadarkaa tokkoffaa irra jira.
Shaampiyoonsi Liigii ammoo %100 osoo hin mo'amiin qabxii 21 walitti qabachuun tokkoffaan dursaa jira.
Kaarabayoo kaappii ammoo walakkaa xumuraaf Cheelsii waliin taphatanii 3-2n injifateera. Tapha deebii garuu qabu.
FA Cup ammoo Wiigan waliin waan taphataniif carraa waancaa arfan injifachuu ammayyuu harka isaanii keessa jira.
Waalkoot garee lamaan yeroo dorgomsiisu akkamiin ilaalama?
Karra Eegaa: Vaan der Saar moo Raayaa fudhatta?
Maan Yuunaayitid karra eegaa cimaa Piiter Shimaayik bakka bu'u mallatteesisuuf yoo xiqqaate waggaa torba itti fudhateera.
Edwiin Van Der saar karra eegaa muuxannoo guddaa qbau tahee bara taphaa isaa gara xumuraa gahumsa olaanaan Yuunaayitid keessatti goolabe.
Tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii bara 2008 irratti umuriin Vaan der Saar 37 ture.
Vaan Der Saar dulloomeera jedhamee ture. Garuu waggaa sadii gahumsa guddaan taphate.
Deevid Raayaan amma umuriin isaa waggaa 30. Kubba miilaa ammayyaaf haala gaariin karra eegaa tahudha.
Akkatti kubba rabsu, miila isaan ofitti amanamummaan kubba akkatti taphatu olaanaadha.
Yoo baay'ina waancaa injifataniin isaan wal madaalsifne Vaan der Saar fagootti Raayaa caala.
Ayaaksii hanga Ooldi Tiraafoorditti, Shaampiyoonsi Liigii lama, Waancaa Liigii jaha, Waancaa biyya keessaa kan kileboonni biyyichaa kaan irratti dorgoman akka FA fi kaan dabalatee afurii injifateera.
Raayaan ammoo karra eegaa lamaffaa tahuun Unaay Simoonitti aanee garee biyyaalessaa ispeen waliin Waancaa Awurooppaa 2024 fi Neeshinsi Liigii mo'ateera.
Yoo karaa kanaa ilaatu Vaan Der Saar dorgomaa hin qabu. Garuu karra eegaa kubba miilaa ammayyaaf yoo barbaadde Raayaa filachuu dandeessa.
Filatamtoota jajjaboo jalqabaa moo cimina bal'ina garee keessaa
Waan tokko mee asumarratti cufnee darbina. Qindoominni Riyoo Ferdinaandii fi Neemaaniyaa Viidic ittisa jabaa dorgomaa hin qabnedha. Asumarratti fixna.
Saaliibaa fi Gabri'eel Magaalesh salphaadha jechuuf osoo hin taane ittisa Yuunaayitid yeroo sanaa garuu morkachuun isaan caalaa ulfaataadha.
Amma ciminni Arsenaal ittisa irratti kan hundaa'u osoo hin taane walitti qabaa garee taphattoota hedduuti.
Yoo miidhamni taphattootaa mudate illee filannoo taphattootaa ciccimoo waan qabaniif yaaddoo tokko malee bakka buusuu danda'u.
Rikaardoo Kaaliyaafoorii fi Juuriyaan Tiimber malee kan isaaniin bakka bu'uu danda'an Maayilsi Lewis Iskeelii, Been Waayit, Kiristiyaan Mooskuweeraa fi Piiroo Hinkaappee qabu.
Yuunaayitidiif yeroo sana Paatiris Evraan gama bitaan baay'ee cimaa ture. Garuu Wes Biraawon kan yeroo sana ittisa mirgaa Yuunaayitidiin taphataa ture osoo har'a tahe filamaa laata?
Joon Osshoyee fi Mikaa'el Siilvister eeggataa turan. Bara Sana Gaarii Neevil miidhamaan osoo hin taphatiin dorgommicha guutuu dabarse.
Ittisa lamaan Ferdinaandii fi Viidiciin osooma Yuunaayitid bara 2008 caaleyyuu Arsenaal har'aa ittisa cimaa irratti filannoo taphattootaa baay'ee qabaachuudhaan waan caalanidha.
Roonaaldoo, Ruunii fi Teeveez
Mee taphattoota sarara duraa Yuunaayitid callisii ilaali.
Roonaaldoo taphataa bara 2008 badhaasa Ballon d'Or mo'atee isumaan taphataa cimaa addunyaan kun argite keessaa tokko tahedha.
Ruuniin ammoo seenaa Maan Yuunaayitid keessatti taphataa galchii lakkoofsisuun rikardii qabatedha. Ingilaandiif illee akkasuma ture.
Teeveez Yuunaayitid keessatti turtiin isaa kan yeroo dheeraa tahuu baatus bara 2007-08 galchii 14 lakkoofsise.
Sarara fuulduraa baay'ee sodaatamudha. Hanga dorgommichi yeroo akka kanaa gahuttillee jechuun torban 22 irratti Roonaaldoo galchii 22, Teeveez galchii 12 Ruuniin ammoo sagal lakkoogsisanii ture.
Arsenaal amma eenyuun qaba? Viiktar Giyookeres fuulduratti taphataa cimaa tahuu mala taha. Ammatti garuu gatii ittiin bitamu madaaluu isaa waan mirkaneesse hin qabu.
Bukaayoo saakaa garuu dhugumatti taphataa cimaa amma addunyaarra jiran keessaa tokko. Garuu Maartineelii, Tiroosaad ykn Maduweekee akkasiin ibsuun ulfaataadha.
Giyookeresii fi Maartineeliin lamatti galchii sagal qabu. Saakaa fi Tiroosaad galchii torba qabu.
Sarara gidduu irra Deklaan Raayis, Odeegaardii fi Zuubimaandiin wal faana yeroo taphatan taphattoot ciccimoodha. Garuu Owen Haargiriivsi, Mikaa'el kaarikii fi Iskoolsi Sir Aleeksi Fergusaniif taphattoota sarara cimoo addaa turan.
Giigsi dagachuu hin qabdan. Tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii 2008 irratti taa'umsa jijjiirraa irraa galee taphateera. Taphataa cimaa ture.
Baay'ina galchii lakkoofsisanii yoo ilaalle: gareen lameenuu walitti dhiyoodha.
Yuunaayitid taphoota 28 irratti galchii 57 lakkoofsisan.
Arsenaal taphoota 29 irratti galchii 60 lakkoofsisaniiru.
Carraa galchii uumuutiin Yuunaayitid yeroo sanaa caala. Carraa galchii 505 uumaniiru. Tapha tokkotti gidduugaleessaan carraa 18 ol jechuudha.
Arsenaal ammoo 438 kana jechuun tapha tokkotti gidduugaleessaan carraa 15 uumaniiru.
Carraa argatan fayyadamuudhaan yoo ilaalle Arsenaal har'aatu caala. Carraa uumuudhaan yoo ilaalle Yuunaayitid yeroo sanaa [2008] caala.
Galchii Arsenaal kubba dhaabbate irraa argamu...
Bara kana Arsenaal tapha injifachuuf kubba dhaabbatee fageenyarraa ykn koornerii irraa dhahame irratti hirkata jedhama.
Rukuttaa peenaaliitii keessaa baasnee galchii Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii keessatti lakkoofsisan yoo ilaalle wal fakkaata.
Yuunaayitid bara 2008 galchii isaanii 57 keessaa 15 kan tahu kubba dhaabbatee rukutame [set-piece] irraa lakkoofsisan.
Arsenaal hanga ammaatti taphoota 60 keessaa galchii kubba dhaabbate irraa lakkaa'ame 19 qabu. Kana jechuun %32 galchii lakkoofsisanii jechuudha.
Waan hunda caalaa waancaa mo'achuu
Amma ammoo mee waa'ee taphattoota dhuunfaa dagadhu. Waan murteessaa tahe haa ilaallu.
Garee lama yeroo wal dorgomsiiftu waan ittiin isaan madaaltu inni dhugaan waancaa mo'ataniinidha.
Gareen Maan Yuunaayitid bara 2007- 2008 waancaa Piriimer Liigii mo'achuun xumure. Shaampiyoonsi Liigiis mo'ateera.
bara 2008-09 gareem akanatu waancaa Piriimer Liigii ammas mo'ate.
Gareen Arsenaal ammaa kun ammatti waancaa homaa hin mo'anne. inni dhumaa waancaa mo'atan FA Cup yoo tahu bara 2019-20 ture.
Hanga waancaawwan mo'atanitti wal madaalsisuuniyyuu hin danda'amu. Tarii Tiyoo Waalkoot tapha bareedaa ykn gahumsi Arsenaal agarsiisaa jiru gatii qabaachuu qaba jedhee yaada taha.
Garuu waancaa malee waan bareedaan addaa kubba miilaa keessatti ittiin dhaadattu hin jiraatu.
Kanaaf Ruuniin nutu caala ture jechuun isaa dhuguma. Hanga Arsenaal waancaa mo'atutti.