Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Murtee Tiraamp hordofee Ameerikaan ifatti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa baate

Ameerikaan akeekkachiisa waggaa tokko dura kennite hordofee qaama dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) kan ta'e ifatti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tediroos Adihaanomiin hogganamu keessaa bahu beeksifte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Furtuu, Kishaafa ijaa fi shamizii Maandeellaa dabalatee meeshaleen inni fayyadamaa turan 70 ta'an gurguramuufi

    Manni murtii Afrikaa Kibbaa, meeshaaleen seenaa qabeeyyiin goota farra Appaartaayidii Nelson Maandeellaa gurgurtaa fi calbaasiif akka hin dhiyaannee ol iyyannoo Abbaan Taayitaa Hambaalee Biyyaalessaa dhiheesse kuffiseera.

    Intalli Nelson Maandeellaa, Makaziwe Mandela meeshaalee dhuunfaa pirezidaantii gurraacha Afrikaa Kibbaa isa jalqabaa ta'an hedduu akka gurgurtuuf manni murtii isheef murteessera.

    Meeshaaleen dhuunfaa kunneenis 70 ol ta' u jedhameera.

    Meeshaaleen kunneen caalbaasiidhaaf gara Ameerikaatti ni ergamu jedhamee eegama ture.

    Intalli mandeellaa hangafaa Makaziwe Mandela meshaalee isaa dhuunfaa irraa mootummaan omaa hin qabu jechuun mana murtiitti falmaa turte.

    Abbaan taayitaa Hambaalee biyyatti garuu meeshaaleen kun qaama hambaa biyyoolessaa Afrikaa Kibbaa waan ta’aniif Muuziyeemii ka'amee eegumsa seeraa argachuu akka qabu himate.

    Bara 2021tti barruu gaazexaa Biriteen akka gabaasetti irratti furtuun mana hidhaa isaa tokko qofti caalbaasii Doolaara miiliyoona 1.35 akka gurguramu ibseera.

    Sana booda Abbaan taayitaa Hamabaalee caalbaasichi akka haqamuu fi qabeenyi kunis gara Afrikaa Kibbaatti akka deebi'u kan gaafate.

    Amma garuu manni murtii isheef murteessera.

    Meeshaalee kanneen keessatti Shuggixiin Jeneraaal Taaddasaa Birruu Mandeellaaf kenne keessatti argamuu fi dhiisuun isaa hin ibsamne.

  2. Tiraamp Kanaadaan Boordii Nagaa inni hundeessetti akka makamtuuf erga afferee booda haqe

    Doonaald Tiraamp Boordii Nagaa ofii hundeessetti akka dabalamtuuf biyya ollaa US kan taate Kanaadaa erga affeeree booda haqe.

    Tiraamp Tarkaanfii kana fudhachuunsaa Ministiirr Muummee Kanaadaa Maark Kaarnee Fooramii Diinagdee Addunyaarratti argamuun haasaa US qeequ taasisee boodadha.

    Boordii Nagaa kaleessa ifatti bu'uureffametti miseensa akka ta'aniif biyyoota US waamicha gooteef keessaa tokko Kanaadadha. Biyyoonni miseensa dhaabbataa boordichaa ta'uu barbaadan dolaara biliyeena tokko akka kaffalantu irraa eegama.

    Maark Kaarnee garuu haasaa Daavoositti taasisaniin affeerraa US akka simataniifi garuummoo dolaara biliyeena tokko akka hin kaffalle ibsanii ture.

    Tiraamp ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth irratti barreesseen, "Xalayaan kun Boordiin Nagaa miseensummaa Kanaadaa akka hin fudhanne kan beeksisuudha" jedhe.

    Boordii Nagaa Tiraamp hundeesse kana Kanaadaa qofa osoo hin taane biyyoonni Awurooppaa michuu US ta'an heddu ija shakkiitiin ilaalu.

  3. Tiraamp Waraanni gara Iraan qajeeluu dubbatu hordofee gatiin boba'aa addunyaa ol ka'e

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waraanni Ameerikaa gara Iraanitti socho'uu ibsuu hordofee yaaddoo tarkaanfii waraanaa Baha Giddu Galeessaa keessatti eegaluu danda'a sodaa jedhuun gatiin boba’aa akka ol ka’eera.

    Dubbi Pireezdaantichaa hordofee gatiin boba’aa gabaa idil-addunyaa irratti daballiin muraasni mul'ataa jira.

    Gatiin boba'aa tibbana gadi bu'ee kan ture yoo ta'u Ganama har’aa irraa eegalee gabaan boba'aa idil-addunyaa irratti naannoo dhibbeentaa lamaan 2% ol ka’eera.

    Gatiin boba'aa barmeela tokkoof doolaara 64.49 gaheera.

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp halkan edaa xiyyaara isaanii walgahii Daavoos Siwiizarlaanditti gaggeeffame irraa wayita deebi’aa jiranitti iwaraanni Ameerikaa gara Iraan deemaa akka jiru kan ibsan.

  4. TikTok gahee isaa deeggartoota Tiraampiif qooduusaatiin Ameerikaa keessatti dhorkamuurraa oole

    TikTok Ameerikaanotaaf gahee gabaa qoodee hariiroo tolfachuun dhorkaa Ameerikaa keessatti akka hin hojjenne Tiraamp irra kaa'uuf ture jalaa ooluu danda'eera.

    TikTok qooda ganaa [sheerii] Ameerikaanotaaf qooduun himannaa Chaayinootaan qabameera jedhu ofirraa hambisuu danda'eera.

    Abbootiin qabeenyaa gahee guddaa qaban Pirezidant Doonaald Tiraamp waliin hariiroo warra qaban ta'uun isaaniis himameera.

    Isaan keessaa tokko michuu Tiraamp yeroo dheeraafi Paartii Rippabilikaanotaaf deeggarsa maallaqaa guddaa gochuun kan beekamu Laarii Eeliisan keessatti argama.

    Kampaaniin tekinooloojii Eeliisan Oraakil jedhamu gahee TikTok keessaa dhibbentaa 15 kan qabu yoo ta'u, Oraakil TikTok akka caalaa milkaa'uuf algoorizimii qopheessaaf.

    Kampaaniin Chaayinaa Baayitdaans dhibbentaa 19.9 gahee qabaata jedhameera.

    Yaadni TikTokiif dhiyeesse fudhatama yoo hin argatiin Ameerikaa keessatti akka dhorku akeekkachiisaa kan ture Pirezidant Doonaald Tiraamp, waliigaltee amma irra gahame kanatti gammadaa akka ta'e ibsameera.

    Jijjiirama abbummaa TiokTok Ameerikaatti taasifameen fayyadamtoonni appilikeeshiinii kanaa kanaan dura qabiyyee idil-addunyaa daawwachaa turan argachuu dhabuu akka danda'an himamaa jira. Fayyadamtoonni baayyeenis waliigalticharratti gaaffii kaasaa jiru.

    TikTok Ameerikaa keessatti fayyadamtoota miliyoona 200 qabaachuun waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa hordoftoota guddaa qaban keessaa tokkodha.

  5. Kibba Gondaritti hidhattoonni Faannoo heddu harka kennachuu Rayyaan Ittisaa ibse

    Hidhattoonni Faannoo naannoo Amaaraa, Kibba Gondar keessa socho'aa turan heddu harka kennachuusaanii Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa beesksise.

    Hidhattoonni Faannoo Kibba Gondar Aanaa Gaayint keessa sochaa turan hidhannoosaanii waliin karaa nagaan raayyaa ittisaatti harka kennatan jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti ibse.

    Hidhattoonni kunneen karaa nagaan akka galaniif waamicha godhameef fudhachuun meeshaa waraanaa hidhatan guutuu waliin raayyaa ittisaa naannicha jirutti harka akka kennatuudha kan ibsame.

    Hidhattoonni waamicha godhameef fudhatanii karaa nagaa galan ajajaa kutaa waraanaa 10ffaa kan ta'an Leetinaant Koloneel Asaggaa Akaalaafi qondaalonni mootummaafi abbootiin amantaa bahanii simachuus ibse Raayyan Ittisaa Itoophiyaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti.

  6. Dubbiin Tiraamp waraana Afgaanistaanii fi gumaacha UK ilaalchisuun dubbatan dheekkamsa kaase

    Dubbiin Tiraamp NATO ilaalchisee kenne UK dheekkamsiise.

    Tiraamp yeroo waraana Afgaanistaan ''osooma deeggara NATO barbaanneerra taheyyuu hin jiran'' ture jechuun namoota siyaasaa UK dheekkamsiise.

    ''Loltoota muraasa gara Afgaanistaanitti ergineerra jedhu. Deemaniiru garuu xiqqoo duubatti hafanii ture, adda waraanaarra hin turre'' jedhe.

    Ministirri Fayyaa fi Hawwaasummaa UK, Istiifan Kinook, ''waan nama gaddisiisuu fi dogogora'' jedhe.

    Dursaan Paartii Konservaatiiv, Keemii Baadenooch, ''dubbii gatii hin qabne'' jedhe.

    UK akka miseensa NATO tokkootti biyyoota kaan waliin waraana Afgaanistaan keessatti Ameerikaan bantetti dabalamuun lolaniiru.

    UK waraana kana keessatti loltoota 457 dhabdeetti. Kunis haleellaa 9/11 booda waraana tureenidha.

  7. Hoggantoonnii fi miseensonni Faannoo misooma kooridarii Finfinnee daawwatan

    Gaggeesitoonnii fi miseensonni Dhaabbata Faannoo Uummata Amaaraa magaalaa Finfinneetti hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran daawwatan.

    Mariin mootummaa naannoo Amaaraa fi miseensonni Dhaabbata Faannoo Uummata Amaaraa gidduutti gaggeeffamaa ture xumuramee dhiyootti waliigalteen mallattaa’uu gabaasni FBC ni eera.

    Waliigalteen kun qaamolee lamaan gidduutti kaleessa mallattaa’e.

    Miseensonni Faannoo kunneen magaalaa Finfinnee keessa naanna’uun misooma hojjetamaa jiru daawwataniiru.

    Muuziyeemii Aduwaa, misooma kooridarii magaalichaa, misooma lageen qarqaraa fi kaan daawwataniiru.

  8. Yukireen, Raashiyaa fi US marii nagaaf Abu Daabiitti walgahuuf

    Raashiyaan mariin ergamaa addaa Tiraamp waliin taasiste 'bu'a qabeessadha' jechuu hordofee Yukreen, Raashiyaa fi US marii nagaaf har'a UAE, Abu Daabiitti walgahuuf jedhame.

    Kun erga bara 2022 Raashiyaan waraana Yukireen irratti labsitee as marii nagaaf biyyoonni lamaan qaama sadaffaa dabalatanii fuulaa fuulatti yoo wal argan kan jalqabaa ta'a.

    Ajendaan marii isaanii maal ta'uu akka danda'u odeeffannoon gahaa baheeru hin jiru' haata'u malee, Volodmiir Zeleniskiin guyyoota lama Abu Daabii keessatti akka dabarsan himeera.

    Marsaa ammaa kanaan hoggantoonni biyyoota sadanii: Tiraamp, Puutin ykn Zeleniskiin kallattiin irratti hin argaman.

  9. 'Kanaan dura US Masiriif loogdi, amma kan milkaa'uu danda'u tokko ejjennoo isa kaanii yoo kabajedha' -Ambaasaaddara duraanii US

    Itoophiyaatti Ambaasaaddarri duraanii US fi dhima siyaasa Gaanfa Afrikaa itti dhiyeenyaan kan hordofu Tiboor Naazh, "[Dhimma Hidha Laga Abbayyaarratti] US bara 2020 yeroo Itoophiyaa fi Masirii araarsuuf yaalaa turtetti, ifatti Masiriif loogaa turte. Kanaaf, amma kan milkaa'uu danda'u inni tokko ejjennoo isa kaanii yoo kabajedha," jedhe.

    Ijaarsi Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Laga Abbayyaa amma xumurameera kan jedhe Ambaasaaddar Tiboor Naazh, waldhibdee dhimma Hidha kanaarratti jiru furuuf yaadni Pirezidant Tiraamp dhiyeesse biyyonni lamaan yoo inni tokko isa kaan kabaje ta'uu ergaa fuula X isaarratti baaseen himeera.

    Pirezidantiin Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dhimma Hidha Laga Abbayyaa ilaalchisee waldhibdee jiru furuudhaaf Itoophiyaa fi Masirii walitti fiduuf akka yaadu ibsaa jira.

    Xalayaa dhiyeenya kana Pirezidantii Masirii Abdel Fattaah Al -Siisiif ergeen Tiraamp akka beeksisetti, rakkoon Hidha kana ilaalchisee biyyoota lamaan gidduu jiru osoo daran hin hammaatiin fala itti gochuuf akka hojjetu dubbateera.

    Kora Dinagdee Daavositti Al- Siisii waliin yeroo wal arganittis, "Hidhaan [Laga Abbayyaa Itoophiyaa] rakkoo guddaadh

    a" kan jedhe Pirezidant Tiraamp dhimma kanarratti Itoophiyaafi Masirii gidduutti mariin jiraachuu akka danda'u eereera.

    Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataaf:

  10. Faransaay doonii boba'aa Raashiyaa qabachuu beeksifte

    Faransaay doonii boba'aa Raashiyaa qoqqobbii irra kaa'ame cabsuun deemaa turte galaana Mediteraaniyaarratti qabuu beeksifte.

    Pirezidantiin Faransaay Emaanu'eel Maakiroon akka dubbatetti, dooniin 'Ze Giriinch' jedhamtu boba'aa feetu "alaabaa sobaan socho'aa kan turte" yoo ta'u, "qoqqobbiin sadarkaa idil-addunyaatti" kan irra kaa'amedha.

    Humni galaana Faransaay michootasaa warra akka Yunaayitid Kingidam waliin ta'uun osoo dooniin kun Ispeeniifi Morookoo gidduu socha'aa jirtuu to'ateera.

    Imbaasiin Raashiyaa Paaris jiru dooniin kun to'atamuushee odeeffannoon akka isa hin geenye beeksiseera.

    Dooniiwwan boba'aa fe'an moggaasni "Shadow fleet' jedhu kennameef qoqqobbii biyyoonni Lixaa Raashiyaarra kaa'an jalaa miliquudhaaf warra socho'anidha. Dooniiwwan kunneen abbummaan isaanii osoo ifa hin ta'iin boba'aa deddeebisu jedhameera.

    Dooniin 'Ze Giriinch' jedhamte osoo Kaaba Raashiyaa keessa osoo sochootuuti kan qabamte. Dooniin kun alaabaa Morookoo akka qabdu Faransaay beeksifteetti.

    Maakiroon fuula X isaarratti, "Qoqqobbiiiwwan hojiitti akka hiikamaniif seera idil-addunyaa raawwachiifna. Dooniin kun waraana Yukireen irratti baname deeggaruuf sochii gargaaru taasisaa jirti," jedhe.

    Ministirri Ittisaa Joon Eelii akka jedhetti, humni galaanaa UK doonii kana "hordofuufi to'achuu keessatti" tumsa godheera.

    "Michoota keenya waliin taanee dooniiwwan waraana seeraan alaa Puutin Yukireen irratti gaggeessurratti qabsoofna," jedhera.

    UKn dooniiwwan 544 Raashiyaa jalatti bulanirra qoqqobbii keesseetti.

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin tarkaanfii fudhatame kana dinqisiifateera.

    "Boba'aan Raashiyaa waraanichaaf galtee akka hin tane tarkaanfii gargaarudha. Dooniiwwan kunneen qabamuu qabu. Boba'aan fe'an hoo osoo gurguramanii haqa-abeessa hin ta'uu?" jechuun fuula X isaarratti barreesseera.

  11. Murtee Tiraamp hordofee Ameerikaan ifatti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa baate

    Ameerikaan akeekkachiisa waggaa tokko dura kennite hordofee qaama dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) kan ta'e ifatti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tediroos Adihaanomiin hogganamu keessaa bahu beeksifte.

    Pirezidant doonaald Tiraamp bara aangoosaa marsaa lamaffaa guyyaa jalqabatte murteewwan dabarse keessaa tokko kan ta'e Dhsaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa bahuu qabatamaan rawwachuu ture.

    Murtee kana hordofees alaabaan Ameerikaa waajira muummee WHO Siwiizerlaand magaala Jenevaatti argamu keessaa akka ka'u taasifamuu Roohitars namoota ijaan argan waabeffachuun gabaaseera.

    Akka ibsa waloo ministeea fayyaafi dhimma alaa Ameerikaa baasanitti, kanaan booda hariiroo biyyattiin WHO waliin qabdu murtaa'aa akka ta'eefi dhaabbaticha keessaa bahuuf dhimmoota ba'insa kana xumuruuf barbaachisan akka ta'ee eerameera.

    Aanga'aan olaanaa mootummaa fayyaa Ameerikaa tokko, "dhaabbaticha keessatti karoora taajjabdummaan hirmaachuus ta'e deebinee miseensa ta'uu hin qabnu," jechuun dubbate.

    To'annoo dhukkubootaa fi dhimmoota fayyaa hawaasaa biroo dursi kennamaniif ilaalchisuun karaa dhaabbata idil-addunyaa osoo hin taane kallattiin biyyoota waliin hojjechuuf karoorfatteetti.

    Dhaabbanni lammii Itoophiyaa Doktora Tediroos Adihaanomiin durfamuufi biyyoota miseensa ta'an 190 qabu kun Ameerikaan keessaa bahuuf murteessuun hojiiwwan fayyaa Ameerikaattis ta'e addunyaarratti hojjetaman kan miidhu ta'uu dubbatama ajira.

    Pirezidant Tiraamp bara bulchiinsa isaa jalqabaa WHO weerara COVID-19 ilaalhisuun hanga irraa eegamu hin raawwanne jechuun dhaabbaticha keessaa bahuu murteessee kan ture ta'us Joo Baayideniin mo'amee hojiirra osoo hin oolchiin hafe.

    Ameerikaan kan of baaste WHO keessaa qofa osoo hin taane, dhiyeenyya dhaabbilee qaama UN ta'an keessaa bahuu murtessuun alatti, Boordii Nagaa jechuun gareen Pirezidant Tiraamp beeksisaa jiran gahee UN kan dadhabsiisu jedhamee qeeqamaa jira.

  12. ASHAMAA! Oduu kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Akam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Odeeffannoo biroo hedduuf: Marsariitii, Facebook, YouTube, Whatsapp irratti nu hordofaa

    Nu hordofaa.