Humni waraanaa Amerikaa guddaan gara Iraanitti qajeele - Tiraamp

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "humni waraanaa guddaan" gara Iranitti socho'aa jiraachuu ibsan.

Tiraamp xiyyaara isaanii walgahii Daavoos, Siwiizarlaanditti geggeeffamerraa deebi'aa jirurratti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, "Dooniiwwan waraanaa Ameerikaa dabalatee gara Galoo Galaana Pershiyaatti qajeeluu himan.

"Humni guddaan gara Iraanitti socho'aa jira. Wanti tokkollee akka ta'u hin barbaadu. Baay'ee itti dhiyeenyaan hordofaa jirra. Humni guddaan baay'inaan achitti socho'e itti fayyadamuu dhiisuus malla. Mee ni ilaalla," jedhan Tiraamp.

Pirezidaantiin Ameerikaa kun waa'ee doonii waraanaa guddaa gara Galoo Galaana Pershiyaatti imalan kana yoo dubbatan, humna kana bobbaasuun kun ofirraa ittisuuf kan yaadame ta'uu dubbatan.

Qondaaltonni Ameerikaa maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan akka Rooyitersitti himanitti, dooniin xiyyaara fe'umsaa US Abraham Linkoon dooniiwwan misaa'ela qajeelfama qaban hedduu waliin ta'uun guyyoota dhufan keessatti Baha Giddugaleessaa ni ga'a jedhamee eegama jedhan.

Qondaalli tokko akka jedhanitti, Pentaagoon sirna ittisa qilleensaa dabalataa naannichatti bobbaasuun loltoota Ameerikaa fi dhaabbilee Iraan haleelllaa irratti raawwachuu maltu irraa eeguuf kan gargaaru ta'uu himan.

Kunis yeroo Ameerikaan Iraan waliin waldhabde keessa galuu dandeessuu sodaatamaa jiruu fi Tiraamp haleellaa waraanaa raawwachuuf doorsisaa turanitti.

Tiraamp sababa mormii Iraan keessatti gaggeeffamaa turaan, akkasumas dhaabbilee niwukilaraa Iraan baatii Waxabajjii keessa Ameerikaan haleelte deebi'ee akka hojii hin eeggalle ykn Iraan gabbisa nikularaa itti hin fufneef tarkaanfii dabalataa fudhachuu barbaaddi.

Iraan gama isheen, Ameerikaan halellaa irratti raawwannaan buufataalee Ameerikaa guutuu Baha Giddu Galeessaa keessatti argaman akka barbadeessitu dhaadatteetti.

Doonii waraanaa kun torban darbe naannoo Eeshiyaa-Paasifiikitti bobbafamuu kan jalqabe ta'uu, qondaaltonni himaniiru.

Tiraamp hokkora Iraan keessatti rakkoo dinagdee fi siyaasaa biyyattii keessatti muudateen mormitoota akka hin ajjeesne irra deddeebiin akeekkachiisa turan.

Guyyoota darban keessa hiriirri mormii sun sasalphatullee, tarkaanfiin humnooti nageenyaa Iraan mormitoota irratti fudhatan ammallee yaaddoo idil-addunyaa akka ta'etti jira.

PirezidaantiTiraamp Iraan mormitootas ta'ee sababa mormii kanaan kan to'ataman akka hin ajjeeffamne dhorkuuf dhuunfaan gidduu seenuu isaanii ibsuun, Tehraan doorsisa kana hordofuun ajjeessuu dhistetti jedhan.

''Namoota to'ataman sana yoo fannifte, haala rukutamtee hin beekne caalaa rukkutna jedheen ture,'' jedhan Tiraamp.

Traamp Iraan ajjeechaa namoota 840 karoorfatte haqxetti jedhan, tarkaanfii kana "tarkaanfii gaarii" jechuun ibsan.

Haata'u malee, ragaa qabatamaan walabaa lakkoofsa kanaa mirkaneessuu hin argamne.

Angawoonni Iraan ajjeechaa jumlaa haquu isaanii ifatti kan hin ibsine ta'us, mootummoonni biyya alaa jeequmsa kakaasuu fi dhimma keessoo Iraan keessa seenuu isaanii himataniiru.

Ameerikaan baatii Waxabajjii keessa iddoowwan niwukilaraa Iraan ijoo ta'an irratti haleellaa kan raawwaatte yoo ta'u, waggoota darban keessatti waldhabdee waraanaa kallattiin biyyoota lamaan gidduutti uumame keessaa isa tokkodha.

Traamp Kamisa darbe irra deebiin akka dubbatanitti, yoo Iraan sochii niwukilaraa haleellaawwan sanaan dhaabbate deebiftee jalqabde Waashingitan ammas tarkaanfii fudhachuurraa duubatti akka hin jenne dubbatan.

''Yoo irra deebi'anii hojjechuuf yaalan yookan iddoo birrattis jalqaban achittis akkuma salphaatti rukunnaa,'' jedhan Tiraamp.