Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal v Maanchester Yunaayitid eenyu mo'a? Kanaafi taphoota kaaniif tilmaamni kennameera
Taphni Piriimer Liigii Ingiliiz torban 23ffaa Sambata, Dilbataa fi Wixata akka gaggeeffaman sagantaan baheera.
Sambata taphoota shan, Dilbata taphoota afur, kan hafe tokko ammoo Wixata taphatamu.
Landan irratti dursaan Liigichaa Arsenaal Maanchester Yunaayitid simatee taphni gaggeeffamu akkaan eegama.
Taphoota Piriiimer Liigii kana akkuma yeroo kaanii xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan akka itti aanutti eenyu, goolii meeqaan akka mo'atu tilmaameera.
Sambata
West Haam v Sanderlaand
Torban jalqabaa bara dorgommii kanatti Sanderlaand West haamiin 3 fi 0n kan itti mo'ate hireen garee kanaa maal akka ta'u kan akeeke ture.
West Haam torban darbe Tootenhaamiin mo'achuu danda'eera, garuu isaan dura gahumsatti deebiyuuf rakkaachaa tureera.
Sanderlaand ammoo dirree ofiisaatiin alatti yeroo gaarii dabarsaa jira.
Bara dorgommii kana keessa gareen kamiyyu eenyuunillee mo'achuu akka danda'u irra deddeebiin waan mul'ateef taphoota tilmaamuu rakkisaa taasiseera.
Tilmaama 1-1
Barnilee v Tootenhaam
Tootenhaam Kibxata darbe Shaampiyoons Liigiitti Boorsiyaa Doortimoond mo'atullee leenjisaan garichaa Tomaas Firaank ammallee dhiibbaa jala jira.
Barnileen kufaatiirraa ooluuf jecha hedduu carraaqaa jiraachuu Liiverpuul waliin walqixa bahuun agarsiiseera.
Gareen kun Liigicha keessa turuuf taphoota dirreesaatiin ala godhu murteessaadha.
Taphni kun walqixaan xumurama.
Tilmaama: 0 - 0
Fuulhaam v Biraayiten
Gareen lamaan gabateerratti walitti aananii jiraachuun alatti, tapha marsaa jalqabaatiin walqixa bahuun isaanii ni yaadatama.
Fuu;haam torban darbe Liidsiin mo'amullee taphattoota baayyee tapha Afrikaa Waancaan booda argateera.
Biraayiten goolii lakkoofsisuu danda'ulleen, taphni kun garuu olaantummaa Fulhaamiin kan goolabamu natti fakkaata.
Tilmaama: 2 - 1
Maanchester Siitii v Woolvis
Erliing Halaand erga dhiyootii as torban darbe qofa peenaaliitiidhaan Biraayiten irratti goolii lakkoofsise.
Rakkoon Maanchester Siitii bal'aa ta'uu hubachuuf Shaampiyoons Liigiirratti Boodoo/Giliimtiin mo'amuu isaa ilaaluun gahaadha.
Haaraa kan mallatteesseef Maark Guhiin tapha kanarratti hiriiruun isaa sarara ittisaa kilabichaa ni tasgabbeessa.
Woolvis taphoota darban afur mo'amuu dhabuun dadammaqaa kan jiru ta'us, adabbiin Siitii kan isa eeggatu natti fakkaata.
Tilmaama: 3 - 1
Bornimaawoz v Liiverpuul
Liiverpuul Roobii tapha shaampiyoons Liigiirratti akka gaariitti taphatullee taphni kun akka itti cimu nan tilmaama.
Bornimaawoz bara kana kilaba tilmaamuuf rakkisaa ta'edha.
Bornimaawoz goolii lakkoofsisuu danda'ullee, qabxiin kan Liiverpuul akka ta'un tilmaama.
Tilmaama: 1 - 2
Dilbata
Bireentifoord v Nootingihaam Forest
Bireentifoord dirreesaarratti garee cimaa ta'us, akkaataan tapha Forest morkii kana ulfaataa isaanitti taasisa.
Bireentifoord tapha ittisaa ce'anii jifachuu kan filatan yoo ta'u, Forestis akkuma kana taphachuu jaallata.
Gareen Shoon Daayesh (Forest) duubaan qaawwa osoo hin uumiin jifachuun goolii ni galcha.
Tilmaama: 2 - 1
Kiristaal Palaas v Chelsii
Kiristaal Palaas waan gatantaraa jiru fakkaata. Amballiin isaanii Maark Guhii gara Siitii deemeera. Leenjisaan Palaas bara kana akka gadhiisu dubbateera. Jifataan isaanii Soon-Filiip Mateetaanis na gadhiisaa jedheera.
Chelsii keessas waanti jiru gaarii hin fakkaatu. Leenjisaan haaraa Liyaam Roziiniyeer murtee taasisan tokko tokkoon qeeqamaa jira.
Tapha kana Chelsiin akka mo'atu nan tilmaama.
Dhumni Palaas maal akka ta'u tilmaamuun garuu ulfaataadha.
Tilmaama: 0 - 1
Niiwukasil v Aston Viilaa
Aston Viilaan dirreesaarratti Everteeniin taphoota Liigichaa tilmaamuuf hangam cimaa akka ta'ee agarsiisa.
Aston Viilaan taphoota 11 dirreesaarratti taasise mo'achuun alatti waggoota dhiyoo asitti Niiwukasil irratti olaantummaa qaba.
Viilaan tapha Yurooppaa Liigiin gara Turkii deemee taphateera garuu taphattoota miidhamaan dhabeera.
Sababa kanaan tapha kanaan Niiwukasil akka mo'atun tilmaama. Niiwukasil sararri gidduu isaa cimaa ta'uun alatti dirreessaarratti cimaa waan ta'eef bu'a qabeessa ta'a.
Tilmaama: 2 - 1
Arsenaal v Maanchester Yunaayitid
Maanchester Yunaayitid leenjisaa isaa yeroof ramadameef Maayikil Kaariik jalatti Darbii Maanchester irratti akka gaariitti socho'eera.
Gareen kun gahumsa hin raafamne agarsiisuu akka qabu leenjisaan isaa dubbatus, hangam cimanii socho'anillee Ze Gaanars waan tokko argachuuf jecha waan taphatuuf itti ulfachuu danda'a.
Arsenaal torban darbe Forest waliin qabxii qooddatee gale.
Gareen Mikeel Arteettaa amma qabxii waan gatu hin fakkaatu.
Kaarik akkuma tapha Siitii dhaabe, kan Arsenaal dhaabuuf qophii taasisullee, kubbaa Arsenaal bakka dhaabaturraa ka'u maal gochuu danda'a?
Tilmaama: 2 - 0
Wixata
Everten v Liids
Everten bara kana kilaboota tilmaamuuf rakkisan keessaa tokkodha.
Jaak Giriilish sababa miidhamaan tapha kanarratti akka hin hirmaanne mirkanaa'eera.
Tapha marsaa duraatiin Liids 1 fi 0n mo'achuu danda'eera.
Taphni kun Everten 1 fi 0n akka mo'atu yaadulleen, Doominiik Kaalvert Leewwin kilaba isaa duraaniirratti goolii akka lakkoofsisun tilmaama.
Tilmaama: 1 -1