'Hunduu waa'ee lafaati': Zeleniskiin, US fi Raashiyaa waliin mari'anna jedhe

Pirezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskii mariin waraana dhaabuu biyyoota sadan gidduutti UAEtti gaggeeffama jedhe.

Tiraamp mariin Zeleniskii waliin taasise gaarii tahuu himuun, Istiiv Wiitkoof ammoo gara Raashiyaa deemuun Puutin wlaiin akka mari'atu dubbate.

Wiitkoof soddaa Tiraamp Jaared Kuushner waliin Raashiyaa deemu.

Wiitkoof ''dhimma murteessaa tokko ture, isa irratti ammoo mari'anneerra. Waan furamuu danda'udha'' jedhe.

Mariin Puutin waliin gaggeessuuf deemanis abdii milkaa'uu akka qabu Wiitkoof ibseera.

Ergamaan addaa Tiraamp kun dhimmi ijoon murteessaa tahee fi madda wal dhabdee tahe maal akka tahe hin ibsine.

Mariin UAEtti gaggeeffamu Ameerikaa, Yuukireenii fi Raashiyaa akka dabalatu himuun ''Yuukireen qofa osoo hin taane Raashiyaanis waliigalteerra gahuuf waan dhiisuu qaban jiraachuu akka qaba'' jedhe.

Zeleniskiin ammoo waa'een lafa Baha Yuukireen furmaata akka hin argannee fi rakkoo tahuu himeera.

''Hunduu waa'eema lafaati. Dhimmi hin furamne isa kana'' jedhe Zeleniskiin.

Wixinee Ameerikaan naannoo indaastiriin beekamu Donbaasiif qabdu waraana irraa bilisa akka tahuu fi gidduugala dinagdee akka tahudha.

Bakka isaa ammoo Ameerikaan wabii nageenyaa gahaa Yuukireeniif kenniti.

''Yoo lameen isaanii kana furuuf eeyyamamoo tahan rakkoon jiru furamuu isaati'' jedhe Wiitkoof.

Erga Mooskootti mari'ateen booda gara Abu Dhaabii akka deemu hime. Zeleniskiin wabii nageenyaa Ameerikaan kennituuf irratti Tiraamp waliin waliigaluu himuun garuu osoo waliigaltee hin mallatteessiin dura Koongireensii Ameerikaa fi Paarlaamaa Yuukireen duratti dubbachuu akka barbaadu ibse.

Faransaayii fi UK humna waraanaa ramaduun nageenya lafichaa to'achuuf kutannoo akka qaban himan. ''Ameerikaa malee wabiin nageenyaa guutuun kennamuu hin danda'u,'' jedhe Wiitkoof.

''Mormiin keessoo guddaan dhuma hin qabnee akka Awurooppaan hin tokkummoofne godhan jiru.

Zeeleeniskiin Daavositti argamuuf halkan imalaa ture. Duraan haleellaa Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa Aannisaa Kiv irratti raawwatte furuuf imala isaa haqee ture.

Haleellaa kanaan magaalaan Kiiv ibsaa malee hafte. Yeroo qorra hamaa kana keessa waan ittiin mana ho'ifatan, bishaanii fi ibsaa malee hafuun magaalichatti rakkoo guddaa fideera.

Ji'a darbe karoorri Ameerikaan waraanicha dhaabuuf baaste qabxii 20 qabu %90 qophii tahuu himeera.

Garuu dhimmi Baha Yuukireenii fi naannoo Donbaas Raashiyaaf addadha. Maddi wlaiigaltee dhabuu isaaniis naannoolee kanneeni.

Akka karoora qabxii 20 Ameerikaatti Yuukireen naannoo Dooneeski amma to'attee jirtu keessaa dabalatee loltoota ishee hanga KM 40 baasuun gidduugalli dinagdee waraana irraa bilisa tahe hundaa'a.

Raashiyaanis akkasuma gochuu qabdi.

Dubbii Himaan Kireemiliin Dimitirii Peeskoov Kmaisa darbe mariin ergamaa addaa Ameerikaa waliin dhimma Yuukireenii fi isaan wal qabatan irratti itti fufa jedhe.

Puutin naannicha guutummaan to'achuu barbaada. Waraanni Raashiyaa suuta suuta Baha Yuukireen keessa babal'achaa fi qabachaa dhufaniiru.

Dhimmi guddaan gara biraa Zeeleniskiin dubbatan ammoo gidduugala gabbisa nuukileeraa Zaporizhiyaa kan raashiyaan bara 2022 to'attedha.

Zeeleniskiin Marii UAEtti gaggeeffamu kanaaf qondaalota olaanoo fileera.