Waraana Tigraay: 'Qurxummii kiyyeessuuf deemeen, reeffa namaa arge'

Ji'a Adoolessaa keessa reeffi namoota 50 laga daangaa Itoophiyaafi Sudaan irra jiru Takkazzee keessaa argame.

Sudaan ambaasadara Itoophiyaa Kaartum jiru waamuun reeffi namoota laga Takkazzee keessaa argamee kan dhalattoota Tigiraay tahuu himteetti akka ministeerri dhimma alaa biyyattii jedhetti.

Namootni ijaan argan baay'een Dr Tewdroos Tafarraa, hakiima lammii Itoophiyaa lola naannoo Tigiraay baqatee Sudaan jiru dabalatee, reeffi kun bakka miidhamtootni naannoo Tigiraay lolli mootummaan Itoophiyaa humnoota TPLF waliin wal waraanu irraa akka dhufe amanu.

Dr Teedroos BBCtti akka himetti, reeffa namoota argame rasaasan rukutameera. Harki isaanii duubatti hidhamuun argaman.

Reeffi namoota dhiiraafi dhalaa argame tilmaamaan gara guyyota torbaa bishaan keessa kan turedha, akka Dr Teedroos kan amma dahoo baqattootaa Hamdeyit keessaa hojjetu kanaatti.

BBC'n namoota reeffa namoota baasuuf gargaaranis dubbiseera.

'Qurxummii kiyyeessuu deemeen reeffa arge'

Daawit naannoo Tigiraayitti lolli yeroo jalqabu baqachuun laga Takkazzee cehe. Erga baqataa tahee Sudaan galee amma ji'oota kudhan taheera.

''Haalotni ulfaannaan qurxummiin kiyyeessuu jalqabe,'' jedhe Daawit, laguma irra cehee baqate sana irratti qurxummii kiyyeessuu jalqabe. Qurxummii namoota naannoo Hamdaayitiifi naannoshee keessa jiraatanitti gurgurachuunan of gargaara.

Adoleessa darbe osoo qurxummii qabuuf deemuu, ''waan suukaneessaa'' tokkotti dhufe. Guyyaa Adoolessa 17, jireenya isaa keessatti isa rifachiisaadha jechuun yaadata.

''Waan nama jeequdha. Aniifi hiriyaan koo osoo qurxummii qabnuu waan tokko bidiruu keenyatti bu'uun arge. Reeffatu gadi garagalee mul'ata. Hiriyaankoo reeffadha na jedhe. Bishaan keessaa baasnee qarqara lagichaatti awwaalle. Erga awwaallee guyyaa sana qurxumii qabuu dhiisne. Garuu daqiiqaa 40 booda reeffa biraa bishaan irra bololi'u argine. Guyyaa sana fedha nyaataa homaas dhabne.''

''Waan sodaachisaa ture, qurxummii qabuu deemeen reeffa arge,'' jedhe.

Daawit gaafa Adoolessa 18 reeffa tokko arguun reeffi 2-3 tahu ammoo bishaan irra bololi'uu BBCtti hime. Gaafa Adoolessa 26 reeffa sadii arguu hima. Reeffi argan hunduu waan bossoseeruuf achuma laga qarqaratti awwaalan. Reeffi isaan baasuu dadhaban ammoo isa arganii baasan akka caalu hima.

Reeffa arganii baasan keessaa tokko irree isaa irratti mallattoo fannoodhaan tumaa qabaachuu hime. Tokko ammoo morma isaa irratti tumaa 'weyke-feteK' 'ወይከ ፈተኽ' akka qabuufi rasaasaan mataafi morma irra akka dhahamaniiru hime.

'Reeffa namoota sadii walitti hidhamanii argine'

Namoonni naanno lagichaatti daheeffatanii jiraatan firoota namoota du'anii kanneen waan hin beekneef yaaddahuu himan.

Obbo Kaasay reeffi namoota 25 guyyaa tokkotti yeroo bahu argee akka himetti isaan keessa ijoolleefi dubartootni jiru.

''Ani ofumakooyyuu reeffa nama tokkoo baaseera,'' jedhe. Reeffi namota 25 guyyaa sana argaman qullaa tahuu hime. ''Reeffa namoota sadii walitti hidhamanii argineerra,'' jedhe.

Reeffa namoota argamanii irra madaan rasaasni rukute mataafi naannoo laphee isaanirra jiraachuu hime.

Dubartii tokko ijoollee lama waliin uffata qorraan maramtee argine. Harki ishee funyoodhaan hidhameera ... suukaneessaadha,'' jedhe Kaasaay.

Torban jalqabaa lamaan keessa reeffi namoota 5-6 bishaan Laga Takkazzee irratti argame. Reeffi kun Humaraa, Adebaay fi Yaawyaa irraa akka dhufe hima Kaasaay.

Maddeen keenya akka himanitti, namootni kunneen dhiyeenya kan ajjeefamanidha. Yaadotni ajjeechaa dhalattoota Tigiraay irratti Lixa Tigiraayitti raawwatedha edhus jiru.

Hogganaan Dhimmoota Komunikeeshinii naannoo Amaaraa Obbo Gizaachoo Mulunee, ''oduun akka kanaa dhaabbilee idl-adunyaa dogogorsuuf itti yaadamee kan godhamedha. Kun soba adiidha. Humni Addaa naannoo Amaaraa fi Faannoon waan akkasii rakasaa tahe hin hojjetan.''

Torban kana gareen CNN Wad El-Hailo bakka jedhamutti imaluun haala kana irratti gabaasa bal'aa hojjeteera. Gareen miidyaa kun guyyaa tokkotti reeffa namoota sadii bishaan irra bololi'u arganiiru.

Qondaalonniifi ogeesonni naannichaa garee CNNtti akka himanitti, reeffi namoota bishaan irraa argamanii jalqaba ajjeefamuun ergasii bsihaanitti gatamuu hin oolu.

Rasaasaan na dhahuun irreekoo bitaa madeessan

Obbo Tawaldeen dahoo baqattootaa Sudaan keessatti yaalii argataa jira. BBCtti akka himetti isaa fi namoonni biroo lama ''hidhaa seeraan alaa '' xumura ji'a Adoolessaatti naannoo Humiraatti gaggeeffamaa ture osoo baqatanii rasaasaan irree irra rukutamee madaa'uun laga Takkazzee ce'an.

''Ganama keessaa gara sa'a 12:00 [6:00] taha. Bakkuma jirutti gadi teenye. Ol ka'aa nu jedhan. Kanumaan gara bosonaatti baqanne. Dhukaasanii irreekoo bitaa irra na argatan.

Baay'ee dhigeen of wallaale. Ganamasaa gara batasakaana tokkootti deemeen lubootni naannoo lagichaatti akka bakki naaf jijjiiramuuf na gargaaran.''

Obbo Tawaldeen haalli Humeraa keessaa ulfaataadha jedhe. Dhalattoonni Tigiree gara 5,000 tahan man kuusaa ganda 03 naannoo Bataskaana Mikaayilii jiru keessatti hidhamanii jiru jedhe.

''Kaniin baqadheef Adolessa 12 irraa jalqabee Poolisiin Humna Addaa fi gareen Faannoo manaa mana irra deemanii dhalattoota Tigiree irratti haleellaa yoo geessisan waanan argeef,'' jedhe.

Adoolessa keessa, BBC'n jiraattota Humeraa, Adebaay, Idiris, fi Degwagum nurratti qiyyeefatameera jedhan dubbisera. Yakka gudeeddii, saamichaa, ajjeechaafi hidhaa seeraan alaaf saaxilamuu himan.

Dr Tasammaa Xurunaa, Hogganaan Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii naannoo Amaaraa, naannoo Lixa Tigiraay jedhu hin beeku jedhan. ''Naannoo Lixa Tigiraay jedhamu irraa namni tokko dhufee waan irra gahe himate hin jiru,'' jechuun deebisan.

Yeroo ji'a Sadaasaa keessa waraanni jalqabu Lixa Tigiraay keessaa bakkeewan hedduun kooti jechuun naannoon Amaaraa qabateera.

Waggoota 30 dura seeraan ala bakkeewan narraa fudhatamanin deebifadhe jedhe naannoon Amaaraa.

Naannoon Lixa Tigiraay humna mootummaa Federaalaa, milishaa Amaaraa fi loltoota Ertiraa muraasa jala jira.

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa dhalattootni Tigiraay 60,000 tahan gara Sudaanitti baqataniiru jedhu.

Dabalataan namootni gara miliyoonaa tahan ammoo achuma naannicha keessatti qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Gabaasni US torban darbee akka himutti Lixa Tigiraayitti, ''haleellaan sabummaa gaggeeffamaa jira,'' jedha.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ammoo 'soba adii'' jechuun haale.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaafi naannoon Amaaraas itti yaaduun lammiilee nagaa irratti haleellaa gaggeessuu yookaan saba tokko adda baasuun haxaawuu kan jedhu haalaniiru.