Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sudaan hanga ammaa lafa Itoophiyaa seeraan ala qabattee jirti'
Sudaan lafa Itoophiyaa walitti bu'iinsa Kaaba biyyattiitti mudate hordofee qabatte osoo hin gadhiisiin hanga ammaa turuunshee rakkoolee gama diplomaasiin bara 2013 keessa Itoophiyaa mudatan keessaa tokko ta'uu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti himaniiru.
Dhimmoota waqtaawaa, rakkoolee gama diplomaasiitin bara 2013 keessa biyyattii mudatanfi milkaa'inoota argaman ilaalchisee miidiyaalef ibsa kan laatan ambaasaaddarichi, "rakkoon jiru Sudaan hanga ammaatti lafa Itoophiyaa qabattee turuusheeti," jedhan.
Haata'u malee Itoophiyaan dhimmicha of eeggannoofi tasgabbiin ilaalaa akka jirtufi furmaatawwan diplomaasiif dursa kennuun furuuf socho'aa jiraachuushee himan.
Rakkoon dhimma lafaa Itoophiyaafi Sudaan gidduu jiru adeemsa biyyaaleen lamaan dhimma daangaarratti kanaan dura ittin hojjechaa turanin akka furamuuf Itoophiyaan fedhii akka qabdus Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Dabalataan marii gochuuf jalqaba Sudaan lafa qabatte gadhiistee iddoo duraan turtetti deebi'uu akka qabdus dubbataniiru.
Hidha Haaromsaa…
Bara kana keessa rakkoon Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaan walqabatee yaadni gama biyyaalee yaa'a gadii Sudaanfi Masriin ka'aa ture rakkoolee gama diplomaasiitin mudatan keessaa isa tokko ta'uu Ambaasaaddarichi himaniiru.
"Hidha Haaromsaa yaaddoo nageenyaa gochuun dhimma idil addunyaa gochuuf sochiileen taasifaman jiru. Ajandichis Mana Maree Nageenyaa Biyyaalee Gamtoomaniin akka ilaalamus yaaliiwwan taasifamaniiru, " kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, hojii diplomaasii dhimmicharratti hojjetameen milkaa'inni argamuu dubbatan.
"Gama keenyaan dhimmichi rakkoo Afriikaa yoo ta'e furmaatnisaas gama Afriikaan argamuu qaba. Sochiin dhimmichi Gamtaa Afriikaa jalatti ilaallamuu qaba jechuun taasisne milkaa'era," jedhan.
Gama biyyaalee yaa'a gadiitiin guutinsi bishaanii akka hin taasifamne biyyaaleen doorsifni taasifamus guutinsi bishaanii marsaa lammaffaa taasifamuunsaa injifannoo diplomaasiifi siyaasaa Itoophiyaan gonfatte ta'uu himan.