Waraana Tigiraay: Sudaan mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti araara buusuuf hojii eegaluuf

Sudaan deeggarsa hawwaasa idil- adunyaa waliin mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti araara buusuuf hojii eegaluuf jakka jirtuu gabaafame.

Miidiyaan Sudaan Sudan Tribune akka gabaasetti, MM Abdallaa Hmadook, mootummaa Itoophiyaa fi gaggeesitoota TPLF walitti fiduun karaa nagaa akka mari'atanii fi deeggarsi namoomaa lammiilee nagaa akka dhaqqabu gochuuf qaamolee lamaan waliin qunnamtii jalqabaniiru.

Kun daawwannaa Hoggantuun Dhaabbata gargaarsa Ameerikaa- USAID, Samantaa Paawor Sudaanii fi Itoophiyaatti taasisan booda kan dhagahamedha.

Akkasumas Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa, Antoonii Bilinkeen, dhimma waraana naannoo Tigiraay irratti MM Sudaan Abdallaa Hamdook waliin mari'ataniiru.

Hamdook kakka'umsa araara buusuuf jalqabe kana hoggantoota IGAD, Eertiraa fi biyyoota Lixaa michoota isaanii tahan Ameerikaa fi Faransaayittis himuu gabaase.

''Sudaan waraana ji'a sagal lakkoofsisee fi naannoo daangaa Amaaraa fi Tigiraayitti ammaan kanas deemaa jiruun yaaddofteetti'' jechuun, baqattoonni Itoophiyaa ammallee waraanicha baqachuun gara Sudaanitti galaa akka jiran himama.

Kanaaf Sudaan mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti araarri akka bu'u gochuuf hojii eegaluuf jirti jechuu Sudan Tribune kan gabaase.

Gama mootummaa Itoophiyaatiin garuu TPLF garee ''hsororkeessaa'' jedheen waliin marii ta'uuf akka hinbarbaannee qondaalli mootummaa Zaadiig Abarahaa dhiyeenya turtii BBC waliin taasisaniin himun ni yaadatama.

TPLF humnootiin erga mootummaan dhukaasa dhaabuu gar-tokkeen labsuun naannicha keessaa bahuu beeksiiseen booda daangalee naanncihaa najalaa fudhataman jedhan deebbifachuu fi ulaa gargaarsi namoomaa ittiin galu cabsuuf naannoolee ollaa keessatti babal'ifachuunsaanii gabaafameera.

Waraanichi dhiyeenya naannoolee Amaaraa fi Affaar keessaatti ta'aa jiruun walqabatees yoo xiqqaate namoonni 200,000 qe'ee isaanii irraa buqqa'u maddeen motummaa himan.

Qondaalonni Kaartuum walitti bu'insi kun bakkeewwan sabaa fi sablammoonni keessa jiraatanii fi rakkoon nageenya jiru akka Benishaangul Gumuz keessattis dubbii hammeessuu danda'a jedhu.

Benishaangul Itoophiyaa keessaa naannolee Sudaan daangessan keessaa isa tokko.

Rakkoon nageenyaa naannoo Benishaangul Gumuz keessaas kan bubbule yoo tahu, walitti bu'insi sabarratti xiyyeeffate irra dedeebiin dhaqqabuun lubbuu namoota hedduu waggootan darban keessa galaafateera.

Samantaa Paawor, Hagayya 3, 2021 Sudaan yeroo daawwataa turan, kakka'umsi Sudaan walitti bu'insa Tigiraay keessaa furuuf qabdu akka deeggaran himaniiru.

''Haaromsa Sudaan jeequmsa keessaa bahuun rakkoo nageenyaa naannolee kaanii furuuf tumsaa jirtu deeggaruu barbaanna. Keessumaa haala ariifachiisaan walitti bu'insa Itoophiyaa keessaa waraanaan furmaata waaraa argachuu hin dandeenye hiikuu irratti,'' jette Paawor.

Samantaa Paawor Sudaan erga daawwattanii gara Itoophiyaas deemuun dhimma dhiyeessii deegggarsa namoomaa Tigiraay keessaa fi gahee biyyi isaanii rakkinicha furuuf qabdu irratti dubbataniiru.

Haa tahu malee MM Abiy Ahimed osoo hin argatiin akka hafan ibsa miidiyaaleef kennan irratti eeraniiru.

Samnataan jechoota mootummaan Itoophiyaa Tigiraay ilaalchisee fayyadmu dubbicha kan hammeessuufi kabaja namummaa miidhu tahuus ibsaniiru.

Adoolessa 31, 2021, Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakiroon MM Abdallaa hamdookii fi MM Abiy Ahimeditti bilbilaan haasa'uun waraana itti fufinsaan Itoophiyaa keessatti deemaa jiruun yaadda'uu himusaaniin gabaasuun keenya ni yaadatama.

Maakiroon qaamoleen lamaan dhukaasa dhaabuun marii siyaasaaf banaa tahuu akka qaban waamicha godhaniiru.

Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa, Antoonii Bilinkeen gamasaanitiin guyyaa Roobii Hagayya 4, 2021, waraanni Itoophiyaa keessaa gara naannolee akka Amaaraa fi Affaaritti babbal'achaa jiraachuu fi furmaatni mariin argamuu akka qabu irratti waliin mari'atan.

Bilinkeenii fi Hamdook qaamoleen lamaan dhukaasa dhaabuun gara marii hunda hammataa taheetti galuu akka qaban walii galuu ministerii haajaa alaa US himeera.