Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Jechoota nameenyaa xiqqeessaniitti fayyadamuun aanga'oota na yaaddeesse'- Saamaantaa Paawor
Itoophiyaatti jechoota walitti bu'iinsa kakaasantti fayyadamuun balaa qaqabsiisuu danda'u ilaalchisuun yaaddoo itti uumuun aanga'oota Itoophiyaa waliin mar'achuu Hoggantuun dhaabbata gargaarsaa USAID Saamaantaan Paawor himan.
Hoggantuun kun, jechoonni ''namummaa xiqqeessan'' muddama uumuun garasittitti seenaadhaan akkuma taajjabneetti ajjeechaa saba irratti xiyyeefate akka hordofsiisu agareerra,'' jedhan.
Samantaa jecha hamaa isaan jedhan kana dhiyeenya isa MM Abiy Ahimed hoggantoota TPLF ''aramaa weerartuu hundeen buqqifamuu qabu,'' jedhanii dubbachuun miidiyaalee irratti qeeqamanidha.
Samanataan jechoota MM Itoophiyaa Abiy Ahimad hooggantoota TPLF ibsuuf 'aramaa', 'kaansarii,' 'dhiibee' jedhaniitti fayyadamuu qeeqaniiru.
Aanga'oonni Itoophiyaa garuu jechoota kanneen kan fayyadamne ummata Tigraay ibsuuf osoo hintaane TPLF jechuufiidha jedhu.
Saamaantaan daawwannaa Itoophiyaatti taasisan ilaalchisuun ibsa gaazexessitootaaf Roobii galgala kennaniin, dhimmi dhiyeessitii deeggarsa namoomaa miliyoonoota waraana Tigraayiin humaniif dhiyeessuun rakkisaa ta'usaarratti mari'achu ibsan.
Dawwannaa ishee ilaalchisuunis gaazexessitootaan gaaffiin kan dhiyaateef yoo ta'u, aanga'oonni Itoophiyaa TPLF ibsuuf jechoonni itti fayyadaman ilalchisee yaaddoo akka qaban kaasaniiru.
Saamaantaan osoo gara Itoophiyaa hin deemiin dura, Sudaanitti daawwannaa gaggeessuun booda ture turti guyyaa tokkoo Itoophiyaatti taasian ilaalchisuunis ibsa kan keniite.
Ibsa kana keessattis akkaataa deeggarsi namoomaa itti deemaa jiru, mankuusaa dhaabbata USAID ilaaluu fi ministira Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamil wajjin mari'achuu himte.
Daawwannaa gabaabaadhaaf gara Itoophiyaa dhufuu kan himte Samantaan, ministira Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyi Ahimad wajjin walargitee mari'achuuf fedhii qabaattus sababa yeroon gabaabaa ta'ee fi Dr. Abiyi Finfinneedhaan ala jiru jedhameef walarguu hin dandeenye jetti.
Dhimmoota jajjaboo isaan wajjin dubbachuu feetu irrattis 'ergamaa addaa isaaniitiin mar'annee jirra ni qaqqabsiisu jedheen amanas' jechuun dubbatte.
Samantaa Paawor ammaan duralleen yeroo Dhaabbata biyyoota gamtoomaniitti Ambaasaaddara Ameerikaa turte bara 2016 dhimma dubartoota mana hidhaatti seeraan ala dararamaa jiranii dubbachuuf Itoophiyaa dhuftee akka turte kaaste.
"Har'a gara Itoophiyaa kanan deebi'e erga biyyattiin dambalii jijjiiramaa keessa seenteen booda. Amma dubartoonnin ani yeroos dubbachuufii dhufe sun hidhamtoota kumaatama wajjin bahaniiru," jette.
"Haa ta'uutii ammalleen biyyattiin waraana keessa erga seentee ji'ootni sagal lakkaa'amaniiru. Goolamni namoomaa hamaan gaheera. Amma namoonni miiliyoona shanii fi kumni 200 haala hammaataa keessa jiru."
Ameerikaan yeroo kanatti uummata Itoophiyaa wajjin ta'uun rakkoon amma mudate kuni akka furmaata argatuuf qooda fudhachuun alatti fedhii gartuu tokko qabachuu hin qabdus jetti.
"Amma nuti kan hojjennu sonawwan akka furmaata waraanaa hambisuu, gartuun hunduu waraana dhaabanii waliigalteetti akka dhufan, naannoleen loltootaa fi milishaa isaanii naannoo biraa keessaa akka baasan irratti hundoofnee hojjenna" jechuun dubbatte.
Rakkoon naannoo Tigraayi ture amma gara naannolee biraatti babal'achaa jiraachuus Mootummaan Ameerikaa yaaddoo cimaadhaan akka ilaalus himti.
"Amma erga hidhattoonni TPLF gara naannolee ollaatti haleellaa bal'isaa deemanii tilamaama nuti qabnuun amma naannoo Affaar irraa namni kuma 75 buqqa'eera. Naannoo Amaaraa irraa ammoo namni kuma 150 ta'u buqqa'eera." Jetti.
Haala qabatamaa amma jiruun deeggarsa namoomaa uummata barbaachisu biraan gahuuf hojjettoonni namoomaa bilisaan akka socho'an miidhaa fi doorsisni irra gahus dhaabbachuu akka qabus himti.
"Kuusaa midhaanii USAID kan naanuma Finfinnee jiru tokko daawwadheera. Manneen kuusaa qamadiidhaan guutamanii jiru. Sababa karaan cufamee tureef deeggarsi deemaa waan hin turreefi.dhimma kana Ministira nagaatti jabeessee himeera. Lolli dhaabbatee gargaarsi uummata qaqqabuu qaba" jetti.
Mootummaan Ameerikaa warra TPLF'f jala muree ergaan dabarsuuf yoo jiraate, hataattamaan dhukaasa akka dhaabuu fi gara furmaata marii siyaasaatti akka dhufudha jechuunis ibsa isaanii kana keessatti eerte.
Mootummaan Ameerikaa haala Itoophiyaa keessatti tahaa jiru irratti kallattii TPLF deeggaruun dhaabbata jedhamtanii komatamtu kanarratti deebiin keessan maali? jedhamanii kan aafatanan qondaalli Ameerikaa tunis akkasiin deebiisan.
"USAID Itoophiyaa keessatti waa'ee siyaasaa fi sanyummaa osoo hin gaafatini kan uummata gargaaru.Kutaa biyyatti biroo keessattis gargaarsa dhiheessaa jirra. Namooma gargaarra malee gartuu deeggarru hin qabnu. Qajeeltoowwan seeraa keenyarratti hundoofnee hojjenna" jette.
Turtii isaanii Itoophiyaa Kanaan tajaajila fayyaa hawaasaa daawwachuu kan himan Samantaan, tajaajilli fayyaa hawaasaa Itoophiyaa hojii gaarii hojjechaa akka jiranii fi galatni kan maluuf ta'uu eerti.