Qindeessaan deeggarsa namoomaa UN daawwannaa Itoophiyaa booda maal jedhan?

Barreessaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti Qindeessaan dhimmoota namoomaafi deeggarsa atattamaa(OCHA) Maartiin Giriifiz, Tigiraayi wayita daawwatan rakkoon namoomaa baayyee hamaan jiraachuu ijaan argu himan.

Qindeessan deeggarsa namoomaa kun guyyoota 6 Itoophiyaa daawwachuun, Hagayya 3, bara 2021 dawwannasaanii goolabaniiru.

Maartiin Giriifiz guyyoota lamaaf Tigiraayi wayita daawwatan haalli rakkoo namoomaa baayyee hamaan jiraachuu ijaan argu eeraniiru.

Aab Giriifiz namoota nagaa jiruun isaanii sababii lola naannichatti ka’een jalaa diigame argee dubbise jedhan.

‘’Tigiraayitti namoota qe’eef ooyiruusaanii dhiisanii mandara ykn magaalaa keessa jiraataniirraa baqatanii, waan qaban hunda dhaban dubbise’’jedhan.

Maartiin Giriifiz marii qondaaltota olaanoo Itoophiyaa waliin gaggeessan bu’a qabeessa jedhanii ibsan.

Waajirri qindeessa deeggarsa namoomaa UN, OCHA ibsa baaseen hoogganaan dhaabbatichaa haaraan Giriifiz, Ministira Muummee Abiy, Ministira Haajaa Alaa Dammaqaa Mokonniin, Pirezedantii Naannoo Amaaraa, Gamtaa Afrikaa fi kanneen deeggarsa namoomaa kennaniifi hawaasa dippiloomaasii waliin‘’marii bu’a qabeessa’’gaggeessani jedheera.

Ministira Muummee Abiyi Ahimad fi MM Ittaanaafi Ministira Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonniin akkasumas qooda fudhattoota biroo waliin haala rakkoolee namoomaa biyyattii keessa jirufi dhiibba dhaabbilee deeggarsa lammilee Itoophiyaa kennuurratti isaan mudaturratti mariyachuu ibsan.

Giriifiz Tigiraay wayita daawwatan maal argan?

Maartiin Giriifiz guyyoota lamaaf Tigiraayi wayita daawwatan haalli rakkoo namoomaa baayyee hamaan jiraachuu ijaan argudha himan.

Aab Giriifiz namoota nagaa jiruun isaanii sababii lola naannichatti ka’een jalaa diigame arganii dubbisaniiru.

‘’Tigiraayitti namoota qe’eef ooyiruusaanii dhiisanii mandara ykn magaalaa keessa jiraataniirraa baqatanii, waan qaban hunda dhaban dubbise’’ jedhan.

‘’Hawuzeenitti maatii manni jalaa gubateefi midhaan isaanii jalaa saamame ilaaleera, badiin sadarkaa akkasiin qaqqabe arguun garaa nama nyaata’’jedhan.

‘’Maatii hanga har’aatti iddoo jiraatan hin qabne ykn waan nyaatamu hin qabneen arge’’ jedhan Qindeessaan dhimmoota namoomaafi deeggarsa atattamaa Martin Giriifiz.

Daawwanna isaaniin namoota nagaa miidhamni sukanneessaan irra gahe argu fi bu’uuraale misoomaa kanneen akka manneen barnootaa, hospitaalonni fi dhiyeessii bishaan dhugaatii hawaasa jalaa haala qindaa’en manca’uu arguu himan.

Aab Giriifiz Maqalee fi Fireweyiniitti dubartoota miidhaan qaama ''tilmaamuuf nama rakkisu'' irra qaqqabe jedhan arguu himan.

Dubartoota miidhaman keessaa kanneen turtii torbanootatti lakkaa’amaniif gudeeddamu himatanillee keessatti argamu.

Dubartoota miidhama sanaaf tajaajilli fayyaa gama maraan akka isaani barbaachisu kaasanillee, dhaabbileen fayyaa harki caalan tajaajila kennaa akka hin jirre eeraniiru.

''Hospitaalli Hawuzeenitti daawwatan keenyan isaa malee otoo hin miidhamiin kan hafe hin jiru'' jedhan.

''Meeshaalee fi dawaan achii jiru hundi haaraan bakka buufamuu qaba'' jedhan Aab Giriifiz.

Tajaajilli bilbilaa, boba’aa fi baankii jeeqamuun haala naannicha keessa jiru ittuu rakkisaa taasiseera jedhan qindeessaan dhimmoota namoomaafi deeggarsa atattamaa kun.

OCHA’n akka ibsetti uummata Tigiraayi miliyoona 5.2 keessaa %90 deeggarsa lubbu baraarsa barbaadu.

Isaan keesssa namoonni 400,000 ta'an haala beelaaf saaxilamaniiru jedhe.

Lolli naannoole ollaa Amaaraa fi Affaaritti erga babal’atee as deeggarsi namoomaa naannoole kanatti barbaachisu dabaleera jedhe.

Lolli wayita hammaatutti deeggarsa namoomaa Kaaba biyyattii qaqqabsiisuun rakkisaa ta’aa adeeme jedhe.

Aab Giriifiz ''haalli deeggarsa namoomaa gufachiisaan akka geeddaramufi waraanni akka dhaabatu feena'' jedhan.

Dhaabbileen gargaarsaa namoota miliyoonatti lakkaa’aman Itoophiyaatti sababii walitti bu’iinsaa, buqqa’itiifi gogiinsan miidhaman gargaara jiru.

Aab Giriifiz, lammileen Itoophiyaa Tigiraay, Amaaraafi Affaar ykn naannolee biyyattii birootti deeggarsi namoomaa barbaachisu bira qaqqabsiisuun ‘’xiyyeeffannoo koo jalqabati’’ jedhan.