Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni Itoophiyaa hedduun gaaffii Sudaaniin Abiyee keessaa ba'uuf
Ergama nageenya eegsisuu UN jalatti hiriiruun Sudaan bulchiinsa Abiyee kan turan loltoonni Itoophiyaa, bakkicha gadi dhiisanii akka ba'an mootummaan Sudaan UN waliin waliigalteerra ga'uun himame.
Miidiyaan mootummaa Sudaan SUNA jedhamu akka gabaasetti, Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Maariyaam al-Saadiq al-Wahdii qondaaltota UN waliin erga mari'atanii booda loltoonni Itoophiyaa ji'oota sadan dhufan keessatti Abiyee keessaa akka ba'an waliigalaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa sababa waraana Tigraay loltoota daangaarra jiran wayita sochoosu, Sudaan iddoowwan daangaarra jiran kanneen qabiyyee Itoophiyaa turan jedhaman qabachuunshee atakaaroo biyyoota lameenii daran hammeesseera.
Kana hordofuun ji'oota dura Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan, ''Wayita loltoonni Itoophiyaa karaa bahaa daangaa Sudaan irratti of-cimsanii jiranitti, loltoonni kunneen iddoo Sudaaniif murteessituu taaterra akkasaan jiraatan eeyyamuun sababa kamiinuu kan fudhatama qabu miti,'' jechuun, UN loltoota Itoophiyaa isa jala jiran akka baasu gaafatee ture.
Bu'uuruma waliigaltee UN fi mootummaa Sudaaniin, loltoonnii fi poolisoonni Itoophiyaa UN jalatti hiriiruun nageenya eegsisuuf ramadamanii jiran 3,000 caalan ji'oota sadi keessatti Abiyee keessaa ni ba'u.
Ministirri Dhimma Alaa Sudaan kun mootummaansaanii loltoonni Itoophiyaa ba'uun qaamolee nageenya eegsisan kanneen biroon akka bakka buufamaniif tumsa barbaachisu hundaayyuu akka taasisu waadaa galaniiru.
Maqaa ''The United Nations Interim Security Force for Abyei (Unisfa)'' jedhamuun kan beekamu ergamni nagaa eegsisuu kun, iddoo waldhibdee Sudaan fi Sudaan Kibbaa taate Abiyee keessatti ramadamee jira.
Waggaa kudhan dura, Sudaan Kibbaa walabummaashee gonfachuun biyya of-dandeesse ta'uu hordofee, Manni Maree Nageenyaa UN loltoota biyyoota addunyaa garaagaraa gurmeessuun Abiyeetti ramade.
Loltoota UN ramade keessaa biyyi miseensa hedduu qabdu Itoophiyaadha.
Biyyoota adda addaarraa kanneen ramadamanii jiran walumaagalatti 4,190 yoo ta'an; kanneen keessaa loltoonni 3,158 fi qondaaltonni poolisii olaanoon torba humna nageenyaa Itoophiyaa ta'uu ragaan UN ni ibsa.