Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaatti namni reeffa namootaa laga keessaa baase sodaatee dhokate
Namni bishaan daakuun reeffa namootaa laga Yaalaa jedhamu Lixa Keeniyaa jiru keessaa baase lubbuu isaaf sodaachuun dhokatee jira jedhan gareen mirga namoomaaf falman.
Waggaa darbe yoo xiqqaate reeffa namoota 25 bidhaan keessaa baasuu keessatti hirmaatera jedhe.
Ji'a darbe yeroo BBC'n kaawontii Siyaayaa daawwate yeroo reeffa namootaa kanneenii baase akkamiin akka afaan isaanii walitti cuafameeruu fi kaan ammoo keeshaa ykn jooniyaa keessa kaa'amanii akka turan hime.
Yeroo waan kana miidiyaatti dubbatu poolisoonni gariin miidiyaa fi namoota mirga namootaaf falmanitti dubbachuu isaa hin jaalanne jedhe.
Miidiyaatti akka hin dubbanne gaafatamee ture. Poolisiinis reeffi namootaa kunneenii waggoota lama keessattidha kan argaman jechuun yeroo inni jedhu waliin akka wal hin simnes dubbatan.
Dhaabbanni Mirga Namoomaaf falmu Haki Afrikaa namni reeffa baasaa ture kun amma sodaatee dhokatee jira.
Namni kun waamamee sa'a saddetiif hidhamuun moobaayilli harkaa isaas jalaa saamame jedhe Haki Afrikaa.
Daarikterri dhaabbatichaa Huseen Kaalid BBCtti akka himanitti nageenya isaaf sodaachuun bakka yeroof dhokachuu qabutti akka isa geessan himan.
Garuu ajajaan poolisii Kaawontii Siyaa waan isa sodaachisu homtuu hin jiru jedhe. Namni bishaan daakuun reeffa baasaa ture kun poolisoota isaanii waliin tahuun hojjechaa turuu himuun ''nama baay'ee nu gargaaru waanti sodaachisu hin jiru,'' jedhan.
Reeffa namootaa inni baase keessaa lama gabaasa miidiyaalee hordofuun adda bahaniiru.
Namootni lameen ji'oota sadii darban keessa cahi buuteen isaanii dhabamanii ture. Laga Yaalaa irraa km200 ol fagaachuun lubbuun yeroo jiran argamanii akka turan himamee haala akkamiin gara kana geeffamuu akka danda'an ifa miti.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu kun ajjeechaa isaanii keessaa poolisiin harka yoo qabaate jechuun gaafata.
Yeroo baay'ee ajjeechaa shakkamuu yeroo raawwatuu fi achi buuteen namootaa dhabamu jalqaba irrati kan shakkaman qaamota nageenyaati.
Ragaa guutuun qindaa'es poolisootatti kennameera. garuu hanga yakkichi qoratamee xumuramutti uummatni dubbii qaamolee nageenyaa jedhu facaasuu akka dhaaban poolisiiin gaafate.
Torban darbe namni reeffa qoratu reeffa namoota 17 irratti qorannoo gaggeessee xumureera. Garuu ammayyuu bu'aan isaa uummataaf hin ibsamne.