Paarkii 'Hell's Gate': Reeffi namoota torba Keenyaatti lolaan irra garagale hundi argame

Paarkii biyyaalessaa 'Hell's Gate' biyya Keenyaa keessatti lolaan garee turiistotaarra garagalee namoonni torba ajjeese, reeffi namoota torbanuu barbaacha guyyootaan booda argameera.

Balaa kanaan turiistota lammilee Keenyaa shan, daawwachiisaa naannawa sanii tokkoo fi lammii biyya alaa tokkotu lolaan nyaatame jedhe Tajajilli Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Keenyaa (KWS).

Wayita balaan kun mudatetti gareen turiistotaa, daawwachiisaa 1 dabalatee miseensota 13 qabu paarkii magaalaa Naayiroobii irraa kallattii Kaaba-Bahaan kiiloomeetira 100 fagaatee argamu daawwachaa turan.

Haadha warraa isaa dabalatee firoota isaa shan lolaan kan jalaa nyaateefi inni lubbuun biraa kan hafe Ivraaj Siing Hayer, "bishaan eessaa akka dhufe hin beekamnetu nurra garagale," jedhe.

"Akkamitti akka kun ta'e hubachuun na rakkisa, bishaan akka nufudhatee hin deemne carraaqaa turre, maatiin koo garuu tokko tokkoon fudhataman," jedha.

Bara 2012 bala wal fakkaataan lolaa paarkii kana keessatti mudateen namootni 7 lubbuu dhabanii turan.

Balaan suukanneessaan kun irra deebi'uun isaa lammilee Keenyaa hedduu oriisise.

Parkichi hojii balaan kun irra deebiin akka hin uumamne hojjechuu qabu hin hojjenne jechuun qeeqama jira.

'Hell's Gate' jechuun Karra Jahaannamaa akka jechuu yoo ta'u moggaasa kana kan argate ulaa dhiphoo tabbawwan jidduu jiru paarkicha keessatti argamurraati.

Ulaan kun roobni roobnaan salphaatti balaan lolaa akka uumamu mijataadha.

Teessumni lafaa paarkicha keessa jiru daran hawwataa waan ta'eef fiilmii animeeshinii 'Disney' beekamaa 'The Lion King' jedhamuuf ka'umsa ta'eera.

Bara 1984 kan hundeeffame paarkichi, buufataalee aannisaa aduu irraa maddisiisan sadii of keessaa qaba.