Waa'ee miindaarratti mariin Waldaa Barsiisotaa Itoophiyaa fi MM Abiy maal dabarse?

MM Abiy fi Ministirri barnootaa Waldaa Barsiisotaa Itoophiyaa waliin wayita mari'atan

Madda suuraa, FBC

Torbee kana dhimmoota akka biyyaatti taatee ijoo turan keessaa tokko marii Waldaan Barsiisotaa Itoophiyaa Ministira Muummee biyyattii Abiy Ahmad waliin taasisanidha.

Rakkoo ijoo biyyattii duubatti harkisa jedhamu keessaa tokko hanqina qulqullina barnootaa ta'uu kan dubbatan Pireezidantiin Waldaa Barsiisotaa Itoophiyaa Dr Yohaannis Bantii, sirna barnootaa akkaataa rakkoo kana furuun fooyyessuuf waldaanis, mootummaanis dirqama akka qabu dubbanne jedhan.

''Gama keenyaan barsiisota filachuun leenjisuu, ga'oomsuurratti xiyyeeffachuu akka qabnu, gama bulchiinsa gaarii fi faayidaa barsiisotaan ammoo mootummaan akka xiyyeeffannoo kennuudha,'' jechuun qabxii ijoo mariisaanii kaasan.

Dr Yohaannis marii Ministira Muummee Abiy waliin taasisanitti quufuu yookiin ammoo wanti isaan hafu yoo jiraate gaafanneerra.

''Barnootarra hojiin amma hojjetamaa jiru kan duraarra fooyya'aadha. Ministirri Muummees kana ibsanii jiru. Kana malees meeshaaleen deeggarsa barnootaa, manneen kitaabaa fi laaboraatiin akka manneen barnootaaf guutamuu qaban kaasaniiru,'' jedhan.

Hunda caalaa ga'umsa barsiisaarratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu waliigaluus himan.

Waa'ee mindaa barsiisotaan walqabatee haala diinagdee biyyattii qajeelchuun jiruun lammiilee akka tasgabbaa'u gochuu keessa hunduu fayyadama malee mindaa dabaluun furmaata waaraa hin ta'u dhimma jedhurratti walta'uu himan.

Dhimmi biraan dhiheenya kana biyyattii keessatti ijoo ture waa'ee leenjii barsiisummaati. Barattoonni birkii barsiisummaan ala ta'e qo'achuurratti xiyyeeffataniiru. Akkas yoo ta'e biyyattii hanqinni barsiisaa mudataa deema.

Haalli kun amma maalirra akka jiru Dr Yohaannis akkas jedhu.

''Warri umriin deeman sooroma ba'aa waan deemaniif barsiisaan leenji'uu qaba. Kun walitti fufeenyaan ta'aa jira. Miseensonni keenyayyuu yeroo ammaa kuma 700 ol. Lakkoofsi barsiisaa dabalaa kan deemaa jiruuf leenjiin waan jiruuf.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rakkoon barsiisota mudatuu fi komiin isaan kaasan dhimma mootummaa bira ga'ee furmaata argachuun irra turedha. Adeemsa kana kan raawwatu ammoo Waldaa Barsiisotaati. Garuu hojiin kun barfachuusaatti waldaan kun ni komatama.

Kanarratti yaada kan kennan Dr Yohaannis, ''dhiyoo kana Ministirri Muummee barsiisota hedduu waliin mari'atanii turan. Amajjii darbes yeroo lammataaf barsiisota yuuniversitii waliin mari'ataniiru. Kanaafuu dhimma barsiisotaa hin mari'anne jennee qeequuf hin mijatu,'' jedhan.

Haata'u malee waldaan kun hanga ammaa ministira muummee waliinis ta'e aanga'oota mootummaa olaanoof gaaffii jireenya barsiisotaan walqabatu kaasuu isaatiin qabatamaatti furmaanni dhufe hin jiru, gaaffiin kunsi ammallee inuma gaafatama.

Marii hanga ammaa gaggeessitaniin furmanni fiddan maali? jennee Dr Yohaannis gaafanneerra.

''Fakkeenyaaf yeroo darbe wayita barsiisota waliin mari'atan, quubsaa ta'uus baatu, naannoo ji'a lamaa booda durgoon oolmaa sirrateera. Garuu ammoo gaaffileen hunduu yeroo tokkoon deebii argatu jechuu miti,'' jedhan.

Gaaffiin mana jireenyaa waggoota 50 oliif barsiisotarraa dhihaataa turuu kan kaasan Dr Yohaannis, garuu waggoota sadan, afran darban barsiisonni kuma 110 caalan carraa kana argataniiru jedhan.

''Kun mindaa dabaluu caalaa akkaan bu'a qabeessa. Mindaan yeroo yerootti dabalamaa dhufeera. Nuti qorannoosaa harkaa qabna. Garuu qaala'iinsa jireenyaa dabalaa jiru waliin wal hin simu.''

Dr Yonaannis Bantii Pireezidantii Waldaa Barsiisotaa Itoophiyaa ta'uurra darbanii Afrikaa bakka bu'uun miseensa boordii Waldaa Barsiisotaa Addunyaatis.

''Biyya diinagdee akka keenyaa kana qabdu mitii, biyyoota addunyaa fooyyee qaban keessattuu gaaffiin akkaanaa battala tokkoon hin deebi'u. Gaaffii dhiyaate deebisuuf hanga waggaa kan itti fudhatufaatu jiru. Nuti utuu gaaffiin keenya ammuma deebi'ee feena, garuu haala jiru ilaalcha keessa galchuunis gaariidha,'' jedhan.

Xiyyeeffannoo qulqullina barnootaa fooyyessuuf kennamaa jiru keessatti dhimma adeemsa qormaataas akka irratti xiyyeeffatamuu qabu dubbachuus himan Dr Yohaannis.

''Wantoota fooyya'uu qaban keessaa tokko sirna kenniinsa qormaataati. Qormaataan walqabatee rakkoon jiraachuu kan agarsiisu qorannoo waggaa 11 of harkaa qabna. Garuu dhageettii dhabuurraati kan amma ga'e malee. Kanaafuu tarkaanfiin amma adeemsa qormaataa irratti fudhatamaa jiru waan gaariidha.''