Waa'ee ka'umsa mindaa fi gibira hojjettoota irraa hir'isuu MM Abiy maal jedhan?

Madda suuraa, FBC
Dhimmi ka’umsa miinda hojjettootaa (minimum wage) akka qoratamu Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangawoota mootummaaf kallattii kaa’an.
Roobii darbe (Hagayya 30, 2023) Ministirri Muummee Abiy Ahimed bakka buutota hojjettoota Itophiyaa waliin yeroo wal arganii mari'achuu Pirezidantiin Konfedereeshinii Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa Obbo Kaasahuun Foolloo BBC’tti himaniiru.
Qaala'iinsa jireenyaa biyyattii keessatti hammaateen hojjetaan mindaa argatee jiraatu daran miidhamaa jiraachuu fi dhimmoota rakkoo kana furuu danda'anirratti xiyyeeffachuun Ministira muummee Abiy waliin akka dubbatan himan Obbo Kaasahuun.
''Gibirri miindaa hojjetaarraa muramu akka gadi xiqqaatu fi miindaan ka'umsaa (minimum wage) akka biyyaalessaatti akka jiraatu kan jedhurratti mari'anneerra,'' jedhan.
Mindaan ka'umsaa akka jiraatu kanaan dura labsiin ba'uu kan ibsan Obbo Kaasahuun, ''akka labsii kanaatti boordiin dhaabbateetu kana murteessa. Boordiin kun ammoo labsii manni maree ministeerotaa baasuun dhaabbata. Kunis hanga yoonaa hin dhaabbatin jira,'' jechuun hanqina jiru ibsan.
''Boordiin kun dhaabbatee gara hojiitti akka seenuu fi qorannoorratti hundaa'ee miindaan ka'umsaa akka murtaa'u, kallattiin akka kaa'amu dhiheessine.''
Gareen hojjetaa, hojjechiisaa fi mootummaa irraa ijaaramuun walitti dhufee dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa irratti yeroo yeroon maria'atu- Advisory Board jedhamu waggaa lamaaf addaan citeeti kan ture jedhan Obbo Kaasahuun.
''Gareen rakkoo hojjetaa ilaalee mariin sirreessu kun akkanni itti fufu mari'anneerra.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaaffilee fi yaadota isaan dhiheessan Ministirri muummee Abiy deebii abdachiisaa ta'e kennuufii dubbatan qondaalli konfedereeshinii waldaalee hojjettootaa kun.
Gibirri hojjetaarraa citu akka hir'atuu fi ka'umsi miindaa akka murtaa'u gaaffii dhiheessan irratti Ministirri Muummee kallattii kaa'uus himan Obbo Kaasahuun.
Rakkoo qaala'iinsa jireenyaa hojjettoota mindeeffamanii jiraatan mudatu gaafachaa turuu kan dubbatan Obbo Kaasahuun, ''haala kanaan carraa Ministira muummee fi ministiroota kaan waliin mari'achuu argachuun rakkoon kun furmaata akka argatu abdii namatti hora,'' jedhan.
Jaarmiyaan Obbo Kaasahuunfaa guyyaa dafqaan bultootaa addunyaa akka biyyaatti kabajamu irratti miseensota isaanii waliin ba'uun gaaffilee rakkoo hojjettootaan walqabatan gaafachuuf karoorfatanii sirnicha dhorkamee akka ture BBCtti himanii turan.
Yeroo sana gaaffii isaanii qabatanii qaama dhimmi ilaallatutti deemuun akka gaafatanis ibsanii turan.
Haaluma kanaan gaaffilee kunneen Ministira Muummee Abiyyiif wayita dhiheessan gaaffichi sirrii ta'uu fi irratti hojjetaa jiraachuu akka itti himan kaasan Obbo Kaasahuun.
''Achuma walga'ii sanarratti dhimmi kun akka irratti hojjetamu qondaaltota mootummaaf hoji-manee kennaa turan. Ka'umsi miindaas, dhimmi gibiraas ammoo qorannoo barbaachisa, waltajjiima tokkorratti kan deebii argatu miti. Garuu deebii abdii namaaf kennu nuuf deebisan.''
Obbo Kaasahuun akka jedhanitti ka'umsi miindaa sirrachuu qaba yeroo jedhamu, miindaan argamu haala qabatamaa biyyattii keessa jiruun jiraachisuu danda'aa? kan jedhuudha.
''Haalli gabaa jiru qoratamee isarratti hundaa'uun mindaan kana waliin deemuu danda'u ka'umsi isaa hanga kana jedhamee taa'a.''
Haalli gabaa ilaalamee mindaan sana madaalu yoo murtaa'e hojjechiisaan (kubbaaniyyaan) kamuu sanaa gaditti hin qacaru, ka'umsa mindaa murtaa'ee fi sanaa oliin qacara jedhan.
''Kana murteessuu jechuun hojjetaaf carraa guddaadha.''
Konfedereeshiniin waldaalee hojjettoota Itoophiyaa waldaalee 2300 kan of keessaa qabu yoo ta'u miseensota miiliyoona 1 ol qaba jedhan Obbo Kaasahuun.
Konfedereeshiniin kun kanaan dura Guyyaa Hojjetoota Addunyaa (May Day) Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti kabajuudhaaf sagantaan qabatee ture dhorkamuu isaatiin haqamuu beeksisee ture.
Konfedereeshinichi miindaan akka dabalamu, ka'umsi miindaa hojjetootaa isa gadi aanaa akka foyyaa'uufi murtaa'u guyyaa kanarratti gaafachuuf karoorfatee ture.
Gaaffilee kunneen amma ministira muummee Abiyyiif dhiyeessuu fi kallattii qabsiisuu ibseera jaarmiyaan kun.












