Konfedereshiniin Waldaa hojjetoota Itoophiyaa hiriiraa gaggeessuu dhorkamuu ibse

Madda suuraa, Konfedereeshinii Waldaa Hojjetoota Itophiyaa
Konfedereeshiniin Waldaa Hojjeetootaa Itoophiyaa Guyyaa Hojjetoota Addunyaa (May Day) Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti kabajuudhaaf sagantaan qabatee ture dhorkamuu isaatiin haqamuu beeksise.
Konfedereeshinichi guyyaa ayyaana hojjetoota addunyaa, Caamsaa 1, Finfinnee fi kutaa biyyattii bakka dameen isaa jirutti kabajachuuf karoorri akka ture ibseera.
Haata'u malee, sagantaan kun aanga'oota magaalattiidhaan dhorkamuu kan ibse Konfedereeshinichi, poolisiinis guyyaa kanatti hiriirri qabameefi walga'iin gaggeeffamu jiraachuu isaa waanan beeku hin jiru jedheera.
Guyyaa Hojjetoota Addunyaa 48ffaa-May Day kana irratti gaaffiiwwan hojjetoota biyyattii deebii barbaadu jedhame qabachuun kabajuuf ture kan karoorfame.
Kanaaf ammoo Konfedereeshiniin Waldaa Hojjetoota Itoophiyaa qophii gochaa akka ture eeruun, Wixata Caamsaa 1 irratti kabajni Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamuuf ture garuu haqamuu isaa ibseera.
Biiroon Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, "waan nu dhorkeef saganticha haquudhaaf dirqameerra," jechuun hime Konfedereeshiniin Waldaa Hojjetootaa kun.
Konfedereeshinichi miindaan akka dabalamu, ka'umsi miindaa hojjetootaa isa gadi aanaa akka foyyaa'uufi murtaa'u qophii guyyaa kabaja Guyyaa Hojjetootaa kana irratti hiriira nagaan gaafachuuf karoorfatee ture.
Poolisiin Magaalaa Finfinnees Guyaa Hojjetoota Addunyaa ilaalchisee poolisii magaalichaas ta'e qaamota bulchiinsichaas walga'iin beekan kamiyyu akka hin jirre beeksise.
Kanaaf, magaalattii keessatti Wixata Caamsaa 1, 2023 "qophiin addabaabaayii ykn hiirri kamiyyu kan hin jirre ta'uu," kan beeksise yoo ta'u, "hojii seera kabachiisuu cimsee akka itti fufu," hubachiiseera.
Guyyaan Hojjetoota Addunyaa -May Day waggaa wagaadhaan Caamsaa 1 irra kan kabajamu yoo ta'u, guutummaa addunyaa irratti gaaffiiwwan mirgaa hojjetootaa kaasuudhaan hiriiraafi qophiiwwan gara garaatiin kabajama.
Guyyaan kun guutummaa addunyaa irratti biyyoota 80 ol ta'an keessatti ayyaana biyyaalessaa ta'uudhaan kan kabajamee oolu yoo ta'u, hojiin idilee cufaa ta'a.












