Godina Boorana Bahaa aanaa Gumii Eel-dallootti hidhattoonni hojjettoota mootummaa 13 butuun himame

Meeshaa waraanaa hidhattootaa

Madda suuraa, Kominikeeshinii Aanaa Gumii Eeldalloo

Godina Boorana Bahaa aanaa Gumii Eel-dallootti hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ kan mootummaan ABO Shanee jedhuun hojjettoota mootummaa 13 butuu aangawaan aanichaa himan.

Itti aanaa bulchaa aanaa Gumii Eel-dalloo kan ta'an Obbo Dooyyoo Dhibaa hidhattoonni kun Kamisa ALI Ebla 30, 2017 ganama sa'aa 3:00 irratti namoota aanaa Nageellee Booranaatii gara Gumii Eel-dallootti konkolaataan imalaa turan 18 konkolaataarraa buusuun butuu himan.

Namoota 18 kunneen keessaa 13 hojjettoota mootummaa akka ta'anis dubbatan.

"Hojjettoota mootummaa kan dhimma hojiitiif magaalaa Nageellee Booranaarraa gara aanaa keenyaa dhufaa jiran humna ABO Shaneetiin namni 18 fudhatamee jira. Namni 13 hojjetaa mootummaati, warreen hafan immoo uummata keessaayi" jedhan.

Iddoon taateen kun itti uumame aanaa Gumii Eel-dalloo iddoo Irreessa Liiban Burii jedhamutti akka ta'e kan himan Obbo Dooyyoon, imaltoonni kunneen konkolaataa deddeebisa ummataa lamaan gara aanichaatti imalaa akka turan dubbatan.

Hojjettoota mootummaa 13 butaman keessaa 11 hojjettootuma aanichaa dhimmoota garagaraaf gara magaalaa Nageellee Booranaa deeman yemmuu ta'an, kan hafan lama immoo hojjettoota Waajjira Geejibaafii Loojistikii Godina Boorana Bahaa deeggarsa hojiif gara aanichaatti imalaa turan ta'uu himaniiru.

Kana malees hojjettoota mootummaa kunneen keessa qondaalli yookiin angawaan akka hinjirres dubbatan.

"Warri kun warra siyaasa kamiyyuu keessa hinjirreefii tajaajila ummataafii jiruuf jireenyasanii injifachuuf qofa warra deemani" jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhattoonni WBO kanaan duras aanicha keessatti namoota butuu kan himan angawaan kun, "yeroo garagaraatti madda galii godhatanii maatiitti bilbiluudhaan 'qarshii haganaa kenni; hagana yoo kennitan immoo isin baafna' jechuudhaan taateen kun duraanuu turee jira" jedhan.

Mootummaan qaamolee butii kana duuba jiran hordofuun tarkaanfii akka fudhatu kan himan qondaalli mootummaa kun, "mootummaan kallattii garagaraan bahee humni sun akka gadhiisaniif tarkaanfii ni fudhata" jedhan.

Gama biraatiin sochii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo aanaa isaanii keessa jiru kan gaafanne Obbo Dooyyoon, "iddoo qaawwa argatanitti namoota butuufii hooggansallee yaa ta'u tarkaanfii fudhachuun ala gandi isaan abbummaan qabatan hinjiru" jedhan.

Gama biraatiin Waraanni Bilisummaa Oromoo /WBO/ dhimma namoota aanaa Gumii Eel-dallootti butaman jedhaman kunneen hanga ammaatti waan jedhe hinqabu.

Haa ta'u malee himannaa gama namoota nagaa butuun maallaqa gaafachuutiin irratti dhiyaatu kanaan dura irra deddeebiin haalaa turuunsaa ni yaadatama.