Nama butuufi ajjeesuu Gondar raasaa jiruuf sababiin maalidha? Eenyutu raawwata?

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa
Maatiisheetiif daa’ima tokkittii kan taate Noolaawwit Zagayyee mana jiraattu keessaa butamtee kan fudhtamte A L I Hagayya 24, 2016 ganama sa’aatii 3:30 irratti ture.
Daa’imni isaanii hanga libsuu ijaatti dhabamuutti kan nahan maatiin kallattii garagaraatiin barbaacha jalqaban. Ta’us garuu argachuu hin dandeenye.
Noolaawwit butamtee akka fudhatamte kan baran warri ishee butan mooraa mana kireeffatanii jiraatan keessatti ergaa isaan waraqaarratti barreessanii gatan erga argameen boodadha. Waraqatichi “Nuti butnee fudhanneerra, hanga nuti isiniif bilbillutti obsaa,” kan jedhu ture.
Taatee kana hordofee namoonni mooraa sana keessatti walitti qabaman yoo kan hin bittinoofne ta’e, akkasumas poolisiitti gabaasa yoo gootan ishee ajjeefna ergaan doorsisaa barreeffamee mooraa sana keessa bu’ee akka ture waan mudate kana BBCtti kan himan miseensi maatii dubbataniiru.
Isaan booda warri butan kunneen daa’imattii gadhiisuudhaaf birria miliyoona tokko gaafatan. Abbaan daa’ima kanaa ammoo humna isaatiin ol ta’uu ibsuun waliigaltee taasifameen birrii kuma 300 kaffaluudhaaf warra butanii fudhatan kana waliin waliigalan. Walitti qabuun kan danda’ame garuu birri kuma 200 qofa ture.
Warri butan kun birrii walitti qabame fudhatanillee daa’ima kana ajjeesanii mooraa mana jireenyaa maatiishee keessatti gatuu isaanii miseensi maatii kun ni ibsu. “Tarii birrii kuma 100 waan hir’ateef ta’a kan ishee ajjeesan,” jedhu.
Noolaawwit guyyaa butamtee fudhatamte halkan isaas magaalicha keessatti lubbuun haadhaafi inlataa kan galaafate yakki raawwatameera.
Nageenyasaaniif jecha maqaan isaa akka hin eeramne kan gaafate firri dhiyoo warra ajjeefamanii namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne A L I Hagayya 24 halkan keessaa sa’aatii 7:00 irratti mana haatiifi intalli jiraatan cabsanii seenuu dubbata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hidhattoonni lakkoofsaan ja’a turan jedhan bilbilawwaniifi taabiletiiwwan ammayyaa saalonii turan saamanii deemuuf yeroo jedhanitti sagalee birmannaa gaafachuu miseensa maatii dhageessisanitti dhukaasuu isaanii miseensi maatii kun ibseera.
''Maaliif iyyitu’ jechuun erga manaa bahanii boodadha kan itti dhukaasan,” Jedha.
Umuriin ishee wagga 55 kan taate Akistuu Mabiraatuu Kidaanemaariyaam batalumatti yoo duutu, intallishee umuriin wagga 22 taate ammoo erga hospitaala geessee booda lubbuun darbuu dubbata.
Barattuu Baamilaak Abirahaa Yunivarsiitii Finfinneetti barattoo Saayinsii Sooftiweerii wagga sadaffaa turte.
Warra du’aniin alatti hojjettuun manaa isaanii haleellaa kanaan iji tokko akka badeefi wallaansa foyyee qabuuf gara Finfinneetti geeffamuu miseensi maatii kun BBCtti himeera.
“Maatiin kun naga-qabeeyyiifi kabajamoodha,” kan jedhu miseensi maatii kun, sadarkaa dinagdee fooyyee qabuura kan jiran waan ta’aniif hidhattoota kanneeniin irratti xiyyeeffatamuu akka hin oolle tilmaameera.
Wanti kun yeroo raawwatametti ijoollee mana keessa turanirra miidhaan qaamaa qaqqabe jiraachuu baatus, naasuu dhalateen bakka sana turuu waan hin dandeenyeef magaalattii gadhiisanii bahuuf dirqamaniiru.
Shamarreen wagga 22 Baamilaak Abirahaa Yunivarsiitii Finfinneetti barattuu Saayinsii Sooftiweerii wagga sadaffaa turte.
Ji’oota duras achuma magaaluma sana keessatti ganda 18 daa’imni tokko harka haadhaarraa butamee gadhiisisuudhaaf birriin miliyoona afur akka gaafatame miseensi itti dhiyoo tokko BBCtti himeera.
Kun kan mudate A L I Caamsaa 12, 2026 halkan keessaa sa’aatii 7:00 irratti ture.
Daa’imni kun lafti nagaadha jedhamee haadha waliin rafeera. Akka tasaa naannoo sanatti dhukaasni wal walirratti erga dhaga’ameen booda warri butan kunneen mana cabsanii seenuun daa’ima kana qabatan.
Haati daa’ima kanaafi namoonni kireeffatan mooraa sana keessa turan iyyanis kan isaaniif birmate hin turre.
Haadha mucaashee harkaa hambifachuuf itti rarraaturra miidhaa geessisuun daa’ima umuriin wagga 9 fudhatanii akka deeman fira dhiyoo akka ta’an kan dubbatan Obbo Taaddaseen ni dubbatu.
Maatiin maallaqa qaba yaada jedhuun akka irratti xiyyeeffatame kan ibsan Obbo Taaddaseen, eenyummaa warra butanii adda baasuu baatanis hundi isaanii meeshaa kan hidhataniifi fuulasaanii ammoo haguuggiidhaan dahatanii akka turan ibsa.
Maatiin mucaan isaanii eessa akka geeffamte kan hin bariin maatiin guyyoota dhiphinaa 7 erga dabarsaniin booda ture warra butanirraa kan bilbilameef.
Obbo Taaddeseen akka jedhanitti, warri butan daa’ima butan kana gadhiisuuf birrii miliyoona afur kan gaafatan yoo ta’u, waliigalteedhaan birria kuma 550 waliigalan. Ta’us garuu maallaqa kana walitti qabuudhaaf guyyoota itti fudhate.
“Daa’ima kana bilbila bilbilchiisanii boossisaa ‘birriin isiniif hin guutnee? Dafaa na baasisaa’ jechaa turan,” jedhu.
Maallaqni kun erga sassaabameen booda baajaajii kireeffatanii gara bakka isaanitti himamu akka geessaniif warra butaniin ajaji kennameef.
Abbaan daa’ima kanaa waan ajajame raawwatee namoota eenyummaa isaanii beekuu hin dandeenyeen maallaqa kana itti kennee daa’imni isaanii galgala sa’aatii 12:00 irratti akka gadhiifamu itti himanii deebiye.
Haata’u malee daa’imni kun sa’aatii jedhamerratti gadhiifamuu hin dandeenye.
Maatiin dhiphinaan sa’aatii sana dabarsan. Haala kanaan osoo jiranii warri butan kunneen halkanirra bilbilanii “ganama sa’aatii 11:00 irratti Goorgis Maazooriyaa fidnee isiniif gatna” akka ittiin jedhan yaadatu Obbo Taaddeseen.
Halkan sun akkumasaatti bari’ee gara bakka sanaa deemanis daa’ima kana argachuu hin dandeenye.
“Dhabnee ajjeesanii gataniiru jennee bakka hunda seennee barbaadaa osoo jirruu baajaajiin tokko huccuu wa’ii uffatee hollachaa yeroo dhufun arge,” jedhu.
Konkolaachisaan bajaajichaa daa’ima kana namni tokko fe’ee akkan Goorgisii geessisuuf birria 20 akka kaffale itti himuu Obbo Taaddaseen ibsan.
Haati guyyoota 12 booda daa’imashee gadhiifame harki isaa, milli isaa, hidhiin isaafi gutti isaa hundi mammadaa’ee nameenyaa keessaa bahee yeroo argitu of wallaalte kan jedhan Obbo Taaddaseen, yeroo butanittis harkasheerra billaatiin kan waraanamtee ture dabalatee miidhaan itti cimee haati kun hospitaala geeffamuu dubbatu.
“Daa’imni kun halkan weeraraa, abjuun ‘qaajja’aa bula; suurawwan ergamootaa osoo hin qabatiin hin rafu. Nama meeshaa hin qabne waliinis hin rafu,” jechuun yaaddoo nageenyaa keessa turuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa kana haatiifi daa’imni kun qe’ee isaanii gadhiisanii Finfinnee deemanii jireenya akka haaraatti jalqabaniiru.
Seenaawwan kunneen namoota butuufi ajjeechaawwan magaalattii keessatti raawwataman agarsiisuuf akka fakkeenyaatti kan dhiyaatanidha malee daa’imman dabalatee namoonni lakkoofsi isaanii xiqqaa hin taane yakki wal fakkaatu irratti raawwatameera.
Bulchiinsi magaalichaa bara kana keessa qofa yakkawwan nama butuu 60 ol raawwatamuu isaanii beeksiseera. Yakkawwan kunneen warra poolisiitti gabaafaman qofaa waan ta’eef lakkoofsi isaa kana caalaa akka danda’u tilmaamama.
Magaalaa Gondaritti nama butuun maaliif heddummaate?
Seenaafi bakka turistoonni daawwatan kan taate magaalaan Gondar gochawwan kana fakkaatan darbee darbee akka mudatu kan dhaga'aman ta'us, ji'oota ja'an darbanii asitti garuu haala duraan hin baramneefi bifa rifaasisaa ta'een nama butuufi ajjeechaan hammaachuu jiraattonni ni dubbatu.
Jiraattonni BBCn dubbise sadii kana hundaaf sababiin sirni nageenyaa laafaa ta'uufi dahoon seeraa dhibuu isaati jedhu.
Jiraattonni sababa nageenyasaaniif maqaan isaanii akka eeramu hin hayyamne kunneen taateewwan akkasii mudatanii poolisiitti yeroo gabaafamanitti "humna hin qabnu, egaa waliigaluudha. Waan biraa gochuu hin dandeenyu," deebii jedhu akka kennan dubbataniiru.
"Jaalalli qabeenyaa baayyateera," kan jedhan jiraataan tokko, magaalattiin akka hin tasgabboofneefi diigamtu humni barbaadu waan jiru hanga fakkaatutti al-seerummaan baayyachuu ibsu.
"Addabaabaayiitti baanee haqa yeroo gaafanutti rasaasaan callisiisuu qaama barbaadutu jira. Namoonni qabamanis wabiidhaan gadhiifamu. Murteen cimaa ta'e hin kennamus," jechuun sirni haqaa laafaa ta'uun yakki kun akka daran baayyatu gochuu dubbatu.
Kun ammoo 'maal na dhibdee' uumuun namni kamiyyu waan barbaade magaalaa keessatti raawwatu akka ta'u gochuu kan ibsan jiraataan, nagaan ba'anii galuun akka hin danda'amne ibsu.
Naannicha keessatti A L I Adoolessa 2015 dhumarraa kaasee mootummaafi humnoota Faannoo gidduutti walitti bu'insi erga jalqabamee booda magaalaa dabalatee naannicha bakka garagaraa keessatti nagaafi tasgabbiin dhibeera.
Walitti bu'insawwan yeroo garagaraatti naannicha bakka garagaraa keessatti uumamaniin lubbuun namoota nagaa darbuutti dabalatee sochiin namoota nagaa yaaddoo keessa galeera, nama butuu dabalatee yakkawwan raawwataman heddummaataniiru.
Ji'a darbe Itoophiyaatti Embaasiin Ameerikaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti barreeffama baaseen walitti bu'insawwan naannolee keessatti gaggeeffaman yakkamtoota akka jajjabeesseefi ol aantummaa seeraa akka dadhabsiise agarsiisa jedheera.

Madda suuraa, Family
"Mana keenya galuurraa kan hafe of eeggannoo biroo maal goona?"
Jiraattonni BBCn dubbise magaalattii keessatti nagaan bahee galuu dhabuu qofa osoo hin taane galee buluufillee wabiin hin jiru jedhu.
Jiraattuun maqaan ishee akka himamu hin feene, magaalattiin ammallee Komaand Postii jala ta'uu isheefi sa'aatii dabarsuun ammallee hojiirra oolaa akka jiru ibsuun, "Yeroon gara mana keenyaatti galuun ala of eeggannoo akkamii gochuu dandeenya?" jechuun gaafatti.
"Yeroon galuu dandeessa. Of eeggachuu dandeessa, haata'u malee namni mana isaa galee maalirraa of eeggachuu danda'a? Ummanni Gondar mana isaa keessattiyyuu ukkaamfamaa jira," jechuun jiraattonni yaaddoo keessa jiraachuu ibsiti.
"Waggoota lamaan darban yaaddoo keessa jira," kan jettu jiraattuun kun keessumaa ji'oota ja'an darbaniin as ummanni magaalattii yaaddoo keessa akka jiruufi namni danda'u magaalattii gadhiisanii bahaa jiraachuu dubbatti.
Jiraattuun kun akka jettutti, saatiin sochii magaalattii keessatti waan daangeffameef guyyaa sa'aatii 12:00 hanga halkan sa'aatii 10:00tti socho'uun hin danda'amu. Saatii kana kan socho'an qaamoleen nageenyaadha.
Haata'u malee, magaalaa qixxee-lamaanitti halkan namoonni ukkaamfamaa, iyyamees qaamni namaaf hin qaqqabne akka hin jirre waan taajjabdu BBCtti himteetti.
"Aduu guyyaas taanaan si ukkaamsuudhaaf dhufnaan yookaan du'uu ykn ukkaamfamuudha," jechuun mirgi nagaan jiraachuu gaaffii keessa galuu ibsiti.
"Haala akkana jedhamee ibsamuu hin dandeenye keessa jirra," kan jettu jiraattuun biraas, namni alatti qofa osoo hin taane mana isaa keessa ta'ees yaaddoorraa bilisa ta'uu akka hin dandeenye dubbatti.

Madda suuraa, Getty Images
Nama butuun kana eenyutu raawwataa?
Magaalaa Gondar keessatti bara xumuramaa jiru kana keessa qofa yakkawwan 64 raawwatamuu isaa itti gaafatamaan qajeelcha poolisii magaalattii gargaaraan Komishinaraa Ayyeelliny Taakiloon eeruun sabaa himaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Namoonni yakka kanaan shakkaman 31 to'annoo jala oolfamuuufi shakkamtoota biroo to'achuudhaaf hordoffiin taasifamaa akka jiru gabaasni kun eereera.
Mootummaan naannichaa A L I Hagayya 28, 2016 ibsa baaseen ajjeechaafi nama butuu tibba kana magaalaa Gondar keessatti dheekkamsa ummataa kaase keessatti warri nageenya kabachiisan keessatti hirmaachuusaanii ibseera.
Ibsa kana kan baase Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa naannichaa, naannicha bakka garagaraa keessa ajjeechaafi nama butuun jiraachuu eeruun, ajjeechaafi nama butuu magaalaa Gondar waliin wal qabatee humnoonni nageenyaa 14 shakkamanii to'annoo jala oolfamaniiru jedheera.
Ta'us biiroon kun waa'ee qorannoo, sadarkaa humnoota nageenyaa to'annoo jala oolcheera jedhees ta'e caasaa nageenyaa isa kam keessa akka jiran hin eerre.
Jiraattonni BBCn dubbise yakkawwan magaalattii keessatti raawwataman karaa tokkos ta'e karaa biraan harki qaamolee nageenyaa keessa jira jedhu.
Jiraattuun tokko, "Nama ukkaamsuun akka kanaa raawwatamanii poolisiitti yeroo gabaafamutti warri nama butan odeeffannoon kan isaan qaqqabu battalumattidha. Bilbilanii nama doorsisu. Kun kan agarsiisu hariiroo akka qabaniidha," jechuun sababashee ibsiti.
Nageenya ummataa mirkaneessuun hojii angafaa mootummaati kan jettu jiraattuun kun, "nageenyi ummataa kabajamuu dadhabamaan itti gaafatamaan mootummaadha," jechuun dhimmishi mataa mootummaarraa akka hin buune ibsite.
Jiraataan biraas humni nageenyaa naannoo sanaa sirriitti itti gaafatamummaa isaa osoo bahachuu danda'ee kun hunduu hin jiraatu ture jedhu.
"Yakka aduu guyyaa raawwatamu mootummaan osoo arguufi dhaga'uu qaqqabuu baannaan eenyutti gabaasna?" jechuun gaafatu.
Namoonni maatiin jalaa butaman namoonni poolisiitti gabaasuu yeroo yaadanis ' nagaan akka bahan hin barbaaddan jechuudhaa' jedhamuun baratamaa dhufeera kan jedhan jiraattonni kunneen, maatiin namoota butamaniis amantaa dhabuurraa kan ka'e dhimmicha callisaafi karaa mataa isaaniitiin hiikuudhaaf yeroo carraaqan akka mul'atan dubbatu.
Daa'imni fira isaanii jalaa butamee kan ture Obbo Taaddaseenis yaaddoorraa kan ka'e "daa'imni kun hanga gadhiifamutti waa'ee warra butanii hamaas, gaariis hin dubbanne ture," jedhan.
Yeroo daa'imni butametti poolisiitti gabaafamee akka ture kan yaadatan Obbo Taaddaseen, "Nuti humna hin qabnu. Saatii kana dhufuu hin dandeenyu. Egaa waanuma gaafatamtan kaffaluudha," deebii jedhu akka kennaniif dubbatu.
Sababa kanaan qaamota nageenyaa tokko tokkoofi qaamoleen ummata rakkisan gidduu wal tumsuun akka jiru amanuudhaaf nan dirqama jedhu.
Firri dhiyoo haadhaafi intala ajjeefamanii gamasaatiin magaalattii keessa gareen saamtotaa 'Siddistuu' jedhamuun beekamu jiraachuu akka dhaga'e dubbate.
Namni kun gareen kun miseensa hanga kam akka qabuufi eenyu waliin hariiroo akka qabu beekuu baatus, miseensonni garee kanaa gurmaa'insa hidhattoota Faannoo keessaa badanii warra dhufaniifi humna nageenyaa mootummaa namoota ta'an akka ta'e magaalattii keessatti ballinaan odeeffama jedha.
Jiraataan magaalaa kanaa biroon ammoo "hidhattoota Faannoo keessaa hir'ifaman, ari'amaniifi dallanan, qaamoleen nageenyaa tokko tokko, akkasumas walitti bu'insa duraan tureen namoota meeshaan waraanaa harka isaanii gale hojii hin qabne" yakka nama butuufi ajjeechaa magaalattii keessatti baayyateef itti gaafatamaa taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Biiroon Nageenyaafi Tasgabbii naannichaa ajjeechaafi nama butuun naannicha keessatti raawwatamu keessa harkihumnoota nageenyaa muraasni keessa akka jiru kan amane yoo ta'u "garee hidhataa" maqaa hin dha'iinis himateera.
Biiroon kun ibsa isaatiin waa'ee garee hidhataa kanaa ballinaan wanti jedhe hin jiru.
Naannicha bakka garagaraa keessa hidhattoonni Faannoo kan socho'an yoo ta'u, kaayyoo siyaasaatiif gaazexeessitootaafi aanga'oota mootummaa butuufi ajjeesuun ni himatamu. Kanaan alatti namoota dhuunfaa butuun maallaqa ittiin gadhiisisan akka hin gaafanne gabaasni baheera.
Ibsa Komishinii Mirgoota Namoomaa A L I Caamsaa 20, 2016 baaseen, hidhattoonni Faannoo hojii humnaatiif Kibba Mootummaatii gara Hidha Haaromsa Abbayyaatti imalaa osoo jiranii namoonni 274 ol butamanii yeroo dheeraatiif erga tursiisanii booda kaffaltaa gaafatanii gadhiisuu isaanii ibseera.
Haata'u malee, walitti fufinsaan nama butuufi ajjeechaa magaalaa Gondar keessatti raawwatamu hordofee naannoo sana keessa kan socho'u Faannoon yakkawwan kanneen keessa harki isaa keessa akka hin jirreefi eenyummaa isaanii ibsuu baatus 'qaamoleen gocha butuu kana raawwatan' akka bira gaheeru fuula miidiyaalee garee hidhataa kanatti dhiyeenya qabanirratti barreessaniiru.
Waggoota dhiyoo as naannoo Amaaraa, Oromiyaafi Tigraay keessatti daa'imman dabalatee namoonni nagaan butamanii maallaqa gaafachuufi ajjeechaan baayyataa dhufeera.
Dhiyoo kana naannoo Amaaraa Yunivarsiitii Dabaarqirraa ka'anii gara Finfinneetti imalaa kan turan barattoonni 100 ol ta'an naannoo Oromiyaa Gabra Gurraachaatti butamanii maallaqa ittiin gadhiisisan gaafatamaa turuun ni yaadatama.
Naannoo Tigraay keessattis akkuma kana ji'oota 11 keessatti dubartoota 12 irratti yakki ajjeechaa raawwatamuufi isaani keessaa butamanii fudhatamanii maallaqni gaafatamaa kan ture akka jiran ji'a tokko dura Komishiniin Poolisii naannichaa BBCf ibsee ture.
Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoota hanga kamitu akka butamaniifi butamanii ajjeefaman gabaasaaleen agarsiisan jiraachuu baatanis lammileen yakki kun irratti raawwatame akka jiran ni amanama.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa torban kana ibsa baaseen seera kabachiisuun waan laafeeruuf namoonni nagaa hidhattootaan, gareewwan gurmaa'aniin, akkasumas qaamolee humnoota nageenyaa mootummaatiin gochi butuu hammaatee itti fufeera jechuun mootummaan giddu-galeessaa gocha kana akka dhaabsisuuf waamicha dhiyeesseera.
Keessumaa naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessattti sababa baballateeruun yakki nama butuu mirgoota bu'uuraa warri akka lubbuun jiraachuufi bakka tokkoo gara bakka biraatti socho'uu isaanii sarbamaa jiraachuu eereera.
Ji'a darbes Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasingaa Itoophiyaa keessatti maallqa argachuudhaaf namoota nagaa butuufi ajjeesuun akka dhaabbatuuf waamicha dhiyeessanii ture.
Ambaasaddarichi, "naannolee Oromiyaafi Amaaraa dhiyeenya keessa nama butuun irra deddeebiin raawwataman walitti bu'insawwan gaggeeffamaa jiran hangam akka warra yakka raawwatan gabbiseeefi ol aantummaa seeraa dadhabsiise agarsiisa," jedhan.
Biyyattii keessatti gocha nama butuu bakka garagaraatti raawwataman ilaalchisuun hanga ammaa gama mootummaan Federaalaatiin wanti jedhame hin jiru.
Magaalaa Gondar keessatti namoota butuufi ajjeechaa raawwataman ilaachisee BBCn aanga'oota naannichaafi magaalattiirraa odeeffannoo argachuuf yaaliin taasise bilbila isaanii waan hin kaasneef hin milkoofne.












