Gondaritti namoonni daa'ima ganna lamaa ugguramtee ajjeefamte mormuuf bahan ajjeefaman

Madda suuraa, SM
Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti daa'imni waggaa lamaa erga butamtee fudhatamteen booda Wiixata kaleessa Fulbaana 2, 2024 ajjeeffamuun dallaa mana jireenyaa warrashee keessatti gatamtee argamte.
Ajjeechaan kunis magaalaa Gondar keessatti dheekkamsa kaaseera.
Kanneen ajjeechaa daa’imaa kanaan dheekkamanii hiriiraaf daanditti bahan keessaa afur ajjeefamuu BBC’n jiraattotarraa odeeffateera.
Ummata ‘miira isaa ibsuu’ akkasumas ‘haqa gaafachuuf’ daandiirra baheerratti humnoonni mootummaa dhukaasuun yoo xiqqaate afur ajjeefaman jedhan kan BBC’n dubbise.
Biiroon Nageenyaa Naannoo Amaaraa ibsa baasen ajjeechaa daa'imaan gadduu ibse. Ta'us, 'du’a siyaasaaf fayyadamuuf yaaluun lubbuu daa’immanitti qoosuudha’ jedhe.
Ajjeechaa raawwateef humnoota mootummaa qofatti quba qabunis sirrii akka hin taane ibse.
Qaamni hidhate ittiin jedhe addatti Gondar keessatti badiin raawwatu ‘’gaddisiisaafi ajandaa diinaa beekaa itti yaadamee raawwatamudha,’’ jechuun hime.
Jiraataan BBC'n dubbise tokko walitti bu'insa humnoota mootummaafi namoota addabaabaayiitti bahan gidduutti uumame hordofuun rasaasni dhukaafamuu himan.
Maatiin dhalattuu kanaa BBC dubbise tokko, daa'imni waggaa lamaa Nolaawiit Zagayyee jedhamtu mana jireenyaasheerraa gaafa Hagayya 30, 2024 butamtee fudhatamuu himan.
Haata'u malee, namoonni butan maallaqa gadhiisuuf gaafatan keessaa gara caalu fufhatanilleen dhalattuu ''xuuxxoo hin hodhiin'' kana ajjeessanii gatuusaanii miseensi maatii BBCtti himaniiru.
Daa'imni kun maatiisheetiif daa'ima tokkittii kan turte yoo ta'u, Jimaata darbe sa'aatii 3:30 osoo dallaa keessa taphataa jirtuu butamuu dubbatu miseensi maatii kun.
Baduu daa'ima kanaa hordofee ummanni naannichaa kallattii hundaan barbaadaa kan ture yoo ta'u, waraqaa yaadannoo qaamoolee butaniin dallaa maatiinshee kireeffatan keessa jiraatan keessatti erga gatame argameen booda ture mucattiin butamunshee kan barame jedhu.
Waraqaa ergaa ''Dallaa keessa taphataa turte keessaa bunnee fudhanneerra, hanga isiniif bilbilluutti obsaa'' jedhu qabate argamuu dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mana jireenyaa keessatti firoonni walitti qabamanii bakka jiranitti namoonni mucaa kana butan, ''kana yoo bittiinneessuu baattan ni ajjeefna. Poolisiitti yoo iyyattan ni ajjeefna'' jechuun ergaa akeekkachiisaa kan dallaa keessa buusan jedhu miseensi maatii kun.
Itti aansunis gadhisiisuudhaaf birrii miiliyoona tokko akka kaffalaniif kan gaafatan yoo ta'u, abbaan mucattii konkolaachummaa kan hojjatu waan ta'ef ''kadhaa meeqaan kuma 300 fudhachuuf waliigalusaanii'' ibsan.
''Jalqaba birri miiliyona tokko gaafatan. Abbaanshee konkolaachisaa mindeeffamee hojjatu waan ta'ef kuma 300n waliigalan'' jedhu.
Haata'u malee, birriin kuma 300 sunuu humna maatii Noolaawitiin ol ta'e, maallaqni kadhannaan argame kuma 200 akka tureefi kumni 100 hir'achuu dubbatu.
Ta'us namoonni mucaa kana butanis maallaqicha erga baajaajiin dhufanii fudhataniin booda mucattii ajjeessuun duuba dallaa maatii keessatti reeffashee gatan jedhu.
''Tarii waan kumni 100 hir'ateef ajjeessan ta'an'' kan jedhan namni BBC dubbise kunis, lakkoofsa gabatee baajaajiifi lakkoofsa bilbila ittiin bilbilameef qabachuu dubbatu.
Ajjeechaa dhalattuu kanaa hordofunis magaalaa Gondaritti dheekkamsi ka'usaa kan dubbatan namni kun, kaleessa gara galgalaa keessa namoonni ''haqa'' gaafatan addabaabaayii magaalatiitti erga bahaniin booda qaamoolee nageenyaa waliin walitti bu'usaanii dubbatan.

Dhalattuu Noolaawitiin alattis, dhiheenya magaalaa Gondaritti haatiifi mucaan ukkaamfamanii butamuun wal qabatee ajjeeffaman jiraachuu kan dubbatan jiraataan magaalaa kanaa, yeroo tokko caalaa kan butaman, sababii sodaatiin kanneen naannicha gadhiisanii baqatan jiraachuu dubbatu.
Gondaritti nama butuufi ajjeechaan ''daldala'' ta'eera kan jedhan jiraataan kun, baayyeen sababii qabeenyaasaanii irratti xiyyeeffatamuun magaalattii gadhiisanii bahuuf dirqamuu dubbatu.
Qaamooleen kunneenis kan ''caasaa qaban, cimoo, konkolaataa kan qabaniifi halkan kan socha'anidha'' jedhu.
Namoota nama butan keessaa yeroo hunda namni bilbilu, ''Ani nama silkii bilbiludha. Warra kaanitu maallaqicha murteessa. Siin gaafadha'' deebii jedhu akka kennu ibsan.
Kanneen namoota butanii fuudhan, kan qajeelfama kennan, kanneen maallaqa fuudhan namoonni garaagaraa jiraachuufi kan ijaaraman ta'uu nama bilbila bilbilerraa hubachusaanii dabaluun kaasan.
Kanaan dura sababa nama butuutiin namoonni lubbuusaanii dhaban jiraachuu kan dubbatan jiraataan kun, ''daa'ima dhalattuu ajjeessanii karra irratti deebisanii gatuun garuu kan yeroo jalqabaatiif mul'atedha'' jedhu.
Waggoota darban muraasaaf gochaan namoota butuu kutaalee Itoophiyaa garaa garaa keessatti raawwatamu yeroo gara yerootti dabalaa dhufaa jira.
Yeroo ammaa naannoo Amaaraatiifi Oromiyaa keessatti namoota ukkaamsanii qabachuun maallaqa gaafachuun hawaasicha rakkoolee hawaas-diinagdee hedduuf saaxileera.
Qaamooleen namoota butan kunneenis gadhiisuudhaaf birrii kuma muraasaa hanga miiliyoonoota hedduutti kan gaafatan yoo ta'u, kanneen harka namoota kanneeniitti lubbuusaanii dhabanis hedduudha.












